Friday, April 25, 2014

Yuunivarsiitii Haramaayaa keessatti gaaffiin abbaa biyyummaa Hiriira bal’aan itti fufe. Mootummaan Wayyaanees dhiphina keessa seene

OromiaALutaContinua2011FDGGaaffiin abbaa Biyyummaa Oromiyaa keessatti eegale daran jabaachaa dhufuun Yuunivarsiitii Haramaayaa keessatti Hiriirri nagaan gaggeeffame. Yuunivarsiitii Haramaayaa keessatti barattootni Oromoo 5000 ol tahan Gaaffii mirgaa fi abbaa biyyummaa kan gaafatan yoommuu tahu dhaadannoowwan garaa garaa dhageessisanii jiran. Dhaadannoowwan kunneen
1. Oromiyaan lafa Oromooti.
2. Buraayyuun kan Oromiyaati.
3. Laga Xaafoon kan Oromiyaati
4. Sabbataan keenya
5. Biyya keenya Murree hin kenninu
6. Galaan Kan Oromiyaati.
7. Finfinneen handuura Oromiyaati.
8. Wallisaa Jaafar Yusuuf haa lakkifamu
9. Hidhamtootni marti haa lakkifaman
10. Bilisummaa barbaadna
11. Oromia Shall be free
12. Oromo need freedom
13. Adaamaa fi Bishooftuun maqaa kana duwwaan waamamuu qabu
14. Siidaan Minilik haa buqqa’u
15. Sagaleen Oromoo haa dhaga’amu
16. Qeerroon gaaffii mirgaa gaafata
17. Barattoota ajjeefamaniif mootummaan itti gaafatama haa fudhatu
18. Muktaar Kadir Pirezedaantii tahee Oromiyaa kennuu hin qabu
19. Qotee bulaaf iyyina
20. Barataa Oromoof iyyina
21. Sagaleen Uummata keenyaa haa dhaga’amu
22. Baqattummaan haa dhaabbatu
Kanneen jedhan yoommuu tahu barattootni gamtaan dhiiraa fi shamarran osoo hin jedhiin sagalee isaanii dhageessisanii jiran. Mootummaaan wayyaanee waraana kumaatamaan fidus barattootni gaaffii mirgaa irraa humna nu dhaabutu hin jiru jechuun dhaadannoo dhageessisanii jiran.
Pirezedaantiin Yuunivarsiitii kanaa Dr. Girmaa Lammeessaa hiriira kana irratti argamus waan kun humna keenyaa ol tahuu dubbachuun qaama dhimmi ilaalutti akka dabarsu waadaa seenee jira. Barattootnis gaaffiin kun hanga deebii hatattamaa argatutti jabaatanii itti fufuu addeessanii jiran



Gaaffiin abbaa Biyyummaa Jabaachuun itti fufe. Barattootni Yuunivarsiitii Amboo fi Uummatni gamtaadhaan dhaadannoo dhageessisan


Ebla 25,2014 Amboo
Gaaffiin mirgaa abbaa Biyyummaa fi Bilisummaa Uummata Oromoon eegale jabaachuun itti fufe. Haalli kun jabaachaa kan Dhufe Yuunivarsiitii Amboo keessattii fi magaala Amboo keessatti Barattootni Yuunivarsiitii Amboo sagalee didda dhageessisuun Hiriira nagaa bahan. Barattootni Yuunivarsiitii Amboo akka seerri biyyattii eeyyamutti hiriira nagaa gageessuuf wayita gaafatanitti mootummaan wayyaanee waan dideef Gaaffii mirgaa irraa humni nu dhaabuu danda’u hin jiru jechuun gamtaan bahuudhaan dhaadannoo hedduu dhageessisanii jiran. Goototni barattoota Yuunivarsiitii Amboo gamtaan dhaadannoowwan wayita dhageessisan Mootummaan garboomfataa wayyaanee waraana itti bobbaasus osoo duuba hin deebi’iin hiriira nagaa gaggeessanii jiran. Waraanni mootummaa wayyaanee humni addaa magaala Amboo kan seene yoommuu tahu gaaffii abbaa biyyummaa Uummatnii fi barattootni gaafatan duuba deebisuu hin dandeenye. Yuunivarsiitii Amboodhaa fi Uummata Magaala Amboodhaan dhaadannoowwan dhageessifamaa oolan
  1. Oromiyaan biyya Oromooti.
  2. Finfinneen handhuura Oromiyaati
  3. Gaaffiin Mirgaa Uummata Oromoo haa deebi’u
  4. Leellistootni sirna nafxanyaa haa buqqa’an
  5. Siidaan Minilk haa buqqa’u
  6. Ilmaan Oromoo hidhaman haa gadhiifaman
  7. Oromoon tokkuma
  8. Gaaffiin abbaa biyyummaa Shororkeessaa nama hin godhu
  9. Buraayyuu fi Sabbataa Murree hin kenninu
  10. Afaan Oromoon Afaan federaalaa haa tahu
  11. Muktaar Kadir diinota Oromoo dura dhaabbachuu qaba
  12. Qotee bulaaf iyyanna
  13. Keeyyatni 39 hojii irra haa oolu
  14. Wayyaaneen Garboomfataa dha
  15. Gumaa Barattoota keenyaa ni baafanna
    Kanneen jedhanii fi dhaadannoowwan hedduu kan dhageessisan yoommuu tahu mootummaan wayyaanee gaaffii abbaa biyyummaa daran jabaachaa dhufeen muddama guddaa keessa seentee jirti. Qeerroon bakka jiruu harka wal qabatee gaaffii abbaa biyyummaa akka finiinsu addeessee jira.
    Injifannoo Uummata Oromoof!!
    Gadaan Gadaa Bilisummaati!!

Sorce: qeerroo

No comments:

Post a Comment