Sunday, April 20, 2014

Yuuniversitiin Jimmaa Mooraa Waraana Wayyaanee Fakkaata. Diddaan Barattoota Oromoo Ebla 19,2014 Itti Fufeen Barattooti Gaga’amaa Jiru.

OromiaALutaContinua2011FDGEbla 19/2014 FDG Goototni Qeerroon Barattootni Oromoo Yuunibarsiitii Jimmaa torbee tokko oliif gaggeessa jiiran daran jabaatee itti fufe.
Warraaqsii Fincila Diddaa Garbummaa (WFDG) guyyaa har’aa haalaan jabatee Mooraawwan Yuunibarsiitii Jimmaa Main Cumpas, Mooraa Agriculture fi mooraa saayinsii fi teekinooloojii keessaatti fincillii guddaan itti fufee oleera. Sagaleen mormii guddaan dhageesifamera, Waranaa poolisii federaalaa Wayyaanee Waliinis w alitti bu’insii guddaan Uummamee Mooraa Agriculture fi mooraa Saayinsii fi Teekinooloojii irraa Baratootni hedduun humna Waraanaa mooraa 44 (arba arattanya kifile xoorii) kan dhihaa Oromiyaaf ramadamee ta’uu humnaan Mooraa Yuunibarsiitii cabsanii galuun baratootaa konkolaataan Ukkamsaa jiru. Yuunibarsiitiin Jimmaa fi magaalaan Jimmaa dirree Waraanaa fakkaatee jiraachuu Qeerroon gabaasa.
Ammaan dura gaaffiin barattoota Oromoo Jimmaa bulchinsi Finfinnee mootummaa nannoo Oromiyaa jala galuu qaba, Magaalawaan Oromiyaa naannaawaa Finfinnee , bulchiinsa Finfinnee jala galuu hin qaban, kaayyoo mootummaan Oromiyaa gargar qoodee lafa uummata Oromoo gurguracha jiru hatattamaan dhaabbachuu qaba, kan jedhuu fi Oromummaa keenyaan manni maxxansaa ‘hinquu’ jedhamu nu arrabsuun maxxansii maqaa balleessii kun seeratti dhiyaachuu qabu, namoonni Oromummaan nu arrabsan seeratti dhiyaachuu qabu jechuun iyyannoo dhiyeeffatan, gaaffii deebii keenyaa hanga nuf hin deebinetti

No comments:

Post a Comment