Tuesday, May 6, 2014

Dambi Doolloon Diddaa barattootaan muddamtee jirti.

Sulutaa fi D/Doolloo diddaa barattootaan muddamanii jiru. Wayyaaneenis sodaa ishii kan ittiin aguuggattu, rasaasa dhukaasuun namoota hedduu akka madeessite beekamee jira.
Maddeeen akka gabaasanitti, sochiin Uummataa eegal jabaatee magaaloto Oromiyaa hedduu irratti gaggeeffamaa jira.
Haala kanaan odeessa amma nu gahaa jiruun magaala Sulultaa mana barnootaa sadarkaa 2ffaa fi 1ffaa keessatti sochii barattoonni gaggeessu eegalanii humni waraana wayyaanee mooraa mana barnootaa keessatti ol seenuun barattoota reebichaan miidhaa gurguddaa irraan gahaa jira.
Haaluma wal fakkaatuun magaalaa D/Doolloo keessatti sochiin uummataa jabinaan gaggeeffamaa jira.kanumaan barattoonnii fi jiraattonni magaalaa hedduun rasaasa humna waraanaan akka rukutamanii jirantu dhagahamaa jira.
Odeessi gama biraatiin nu gahees akak ibsutti, magaalaan D/Dolloo sagalee booyichaa fi sagalee rasaasaan guutamtee jirti.
uummanni magaalaa boo’aa gara hospitaala D/Dollootti fiigaa jiru. Waajjralen mootummaa kamiyu akka cufaman godhamee jira. Sagalee jeequmsa guddaan waan jiruuf namni illee wal dhagahuu hun danda’u.
Dhiigni ilmaan namaa akka roobaatti gad yaa’aa jira. namoonni qaamni isaanii dhiigaan cuuphame magaalaa keessa fiigaa jiru. suuraa kasuunis ta’e video waraabuun dhorkaa dha. namni utuu kana hojjetuu argames tarkaanfii hamaati irratti fudhatama. Yaa Oromoo lammiin kee dhumachuutti jira waliif dirmadhu.


No comments:

Post a Comment