Sunday, May 25, 2014

FDG itti fufuun Godina Baalee Roobee keessa uumanni Oromoo wal gahii Wayyaanee lagaachuun diddaa itti fufe

Gaaffii mirgaa Uummatni oromoo Oromiyaa keessatti gaafachaa jiru gara shororkeessummaatti jijjiiruun olola TPLF irraa daballootni Wayyaanee Godina Baalee Magaala Roobee fi naannoo ishee keessa naannessuuf fudhatan Uummatni gamtaan fashalsee jira. Dabballootni mootummaa Wayyaanee aanaa kana keessatti olola wal irraa hin citne gaggeessuuf Uummata wal gahii fi hiriira nagaa dirqamaan baasuufwayita bobba’anitti Uummatni harkatti fashalsee jira. Uummatni wal gahii mootummaan Wayyaanee qopheessite kan dhaquu dide yoommuu tahu daballootnii fi ergamotootni wayyaanee waraanaan Uummata hiriira baasuuf bobba’anis Uummatni gamtaan diddaa dhageessisee jira. Dhiiga ilmaan Oromoo dhangala’ee fi dhangala’aa jiru irra tarkaanfachuudhaan kanneen QBOttii fi wareegama kaffalamaa jirutti bishaan naqaa jirtan itti gaafatamummaa keessaa hin baane keessa seenaa waan jirtaniif gufuu QBO tahuu irraa akka dhaabbattan hatattamaan quba isin
qabaachisna jechuun Uummatni aanaa kanaa dhaammatee jira.
Itti dabalee Godinuma Baalee Roobee keessatti ammoo Uummatni walgahii wayyaanee dhaquu didee diddaa itti fufee jira. Karaa cufuu fi midhaan gabaatti baasuu diduudhaan dhiphina jabaa keessa seensisanii jiran
Kana malees Yuunivarsiitii Hawaasaa keessattis sodaa diddaan eegalama jedhuun humni waraanaa dabalamee jira.

No comments:

Post a Comment