Monday, May 12, 2014

FDG Yuuniversitii Jimmaa Itti Fufuu Irraan Barattooti Oromoo Tikoota Wayyaaneen Qabaman.

Camsaa 12, 2014 FDG Mootummaan abbaa irree faashistii Wayyaanee barattoota Oromoo ukkamsuu itti fufee jira. Haaluma kanaan Barattootni Oromoo 6 koolleejjii barsiisota Jimmaa irraan humna tikaa Wayyaaneetiin ukkanfamanii qabamanii waajjira poolisii godina jimmatti hidhamanii dararamaa jiru. Barattoota Oromoo koolleejjii barsiisota Jimmaa irraa guyyaa kaleessaa konkolaataa dabballoota tikaa Wayyaaneen ukkanfaman qabaman keessaa:-
1ffaa Barataa Guddisaa Cimdeessaa mummee barnoota Civics waggaa 2ffaa. akka malee reebichaan dararamaa jira.
2ffaa Barattuu Jirraanuus badhaasaa mummee sportii Waggaa 2ffaa, barattuu dubaraa reebichaan dararamaa jirtudha.
3ffaa. Barataa Seefuu Hayilee Mummee Geography waggaa 2ffaa
4ffaa Barataa Asaffaa Dhugumaa mummee chemistry waggaa 2ffaa
5ffaa Barataa Umar Roobaa mummee Geography waggaa 2ffaa
6ffaa Barataa Zallaqaa Asiiraasi mummee chemistry waggaa 2ffaa kanneen jedhaman badii tokko malee humnoota tikaa fi pooliisiin qabamani wajjiraa Poolisii godina Jimmaatti Hidhamani dararama jiru.
Duullii Hidhaa kun erga guyyaa kaleessa Jillii ergama Wayyaanee baatee deemuu, koree tasgabbeessituu Mootummaa gidduu galeessa irraa bobbafamne ofiin jedhee ilmaan Oromoo hidhatti guursisaa jiru, kan nama Abdul Qaadirjedhamuun durfamu guyyaa kaleessa ergama diinummaa isaa lallabuuf gootota barattoota Yuunibarsiitii Jimmaagidduutti argamuun olola ofuuf isa akeekkatu, gaaffiin barattoota Oromoo Yuunibarsiitii Jimmaa lafa isa ilaalchisee qaanii fi Salphina guddaan of irra deebi’ee jira, Goototni barattootni Oromoo Yuunibarsiitii Jimmaa tokkummaa isaanii jabeeffachuun gaaffii keenyaaf deebii qubsaa barbaadna, ilmaan Oromoo sabaaba gaaffii karaa nagaa gaafanneef Ajjeefamaniif itti gaafatamta, kannee hidhaa keessa jiran hiikamuu qabu, nuti Hirmii waliin dubbachuu hin dandeenyu,ammaas FDG itti fufayoo nu fixxan nu fixaa maleesodaa keessan afaan qabannee dhugaa falmachuu irra duubatti hin deebinuu jechuun ifatti ejjennoo isanii ibsachuun qaanessaniiru, kana irraa ka’uun barattoota koolleejjii barsiisota Jimmaa biras yoo deemne kanumatu nu mudachuu danda’a waan ta’eefijoollee Oromoo nu rakkisaa jirtu qaba hidhaa jechuun labsii diinummaa ijoollee Oromoo irratti labsaa jiru
Gama biraan tikoonni mootummaa Wayyaanee barattoota Habashaa qindeessuun mooraa Yuuniverstii Jimmaa keessatti akka balaa dhaqabsiisanii barattoota Oromootti qabataniif meeshaa waraanaa hidhachiisee osoo Mooraa Yuuniversitichaa seenuuf jedhanii waariyyoota mooraan qabamanii akka saaxilamanii jiran qeerroon naannicha irraa gabaasa.
Kana Malees sabboontootni barattootni Oromoo dhabbilee Barnoota Ol aanoo irraa Ukkanfamanii eessa buuteen dhabama jira haala kanaan Barattootni Oromoo Yuunibarsiitii harammayyaa irraa ukkanfamanii humnota loltuu fi tikaa Wayyaaneen qabamanii hedhaman eessa buteen isaanitu kan hin beekamnee
1ffaa Barataa Alamaayyoo Gonfaa
2ffaa Barataa Nimoonaa Caalii kan keessatti argaman Yuunibarsiitii Harammayyaa irra qabamanii hanga amma eessatti hidhqamuun isaanii hin beekamne!!

No comments:

Post a Comment