Friday, May 2, 2014

Gootota Oromoo Bara 2014 “Dhiigaan Qabsoo FDG Daran Finiinsan”

Goota Dhiiga isaan qaboo magarse
Endalee.jpg12
Barataa Oromoo Taddasee Gashee
Ummata Oromoo waliin ta’uun Qeerroon Bilisummaa Oromoo har’a magaala Amboo keessatti gootota Oromoo kabajaan gaggeefata. 
Ebla 30,2014  Gaffii Mirgaa Abbaa Biyyuummaa Oromoo fi Dimookiraasii gaafachuun goototni barattootni Oromoo mana barumsaa Sadarkaa 2ffaa Liibaan Maccaa hiriira guddaa Uummataa Oromoo Amboo waliigala hirmachise kan baay’inni uummataa 45,000 ol irratti argamee keessatti, Qeerroon Oromoo Wareegama boonsaa saba isaa Oromoof kaffaluun Ijifannoo Uummata dhiiga isaan qabsoo daran magarsee magaalaa Amboo fi Oromiyaa guutuuttu guci qabsoo akka itti fuftu taasise.
Wareegamuun gooticha barataa Oromoo maqaan armaan gadiikanaan Ummaanni qabsoo gitaa gaggeessutti seene.
Barataa Oromoo Taddasee Gashee Barataa kutaa 9ffaa Mana barumsaa sadarkaa 2ffaa Liibaan Machaa Ambooti. Gandi Dhalootaa isaa
Waddeessaa lafa jedhamutti dhalatee guddatee.
Gooti Oromoo Taddasee Gashee sirnni awwalchi isaa har’a Caamsaa 2/2014 gaggeeffama uummata 80.000 olitu irratti argama jedhamee eegamaa jira. Guyyaa inni rasaasa Wayyaaneen rukutametti ummanni Oromoo alaabaa Oromoo(ABO) reeffa isaatti uffisuun faajjii isaa kaasuuf dhaadachaa oolan.
Du’a barataa Taaddasee Gaasheetti kana are uumanni Oromoo fi barattooti Oromoo qabsoo FDG itti jabeesuu keessatti yeroo lammaffaaf gootichi barataan Oromoo Indalee Dassaleenyi Barataa Yuuniverstii ABO ummata isaa Oromoof wareega ulfaataa dabarsee of kenne.
Kana malees guyyaa kaleessaa FDG Gudar irratti ta’een barataa Kumalaa Guddisaa fi kanneen biroo wareega lubbuu kafalanii jiru.Wareegamuun bakkoota hundatti ni jira.List gootota keenyaaf gara fuula duraatti qondoominaan ni baafna. Qabsaawaan ni kufa,Qabsoon itti fufa!!!
Gadaan Gadaa Bilisummaati!
Injfannoon Uumata Oromoof!!

No comments:

Post a Comment