Tuesday, May 13, 2014

Ibsa Gummi Paarlamaa: Oromoo Waayyanen yakka Uummataa Oromoo irratti dalaga jiru atataman akka dhabu gaafana

Mootummani wayyaneen ofuma isaatti rakko fi jeequmsa umee Oromoo Uummataa nagaa dhiigaa dhangalasa jira. Heera Federala diigun lafa Oromiyya humnan fudhachuuf murtesun isaa rakko umamee kanaaf sababa ta’uun isaa beekmadha. Gaafiin baratoon Oromoo dhiyeessan kun gaafi mirga malee gaafi dhaabba kami iyuu dhadeesa hin jiran. Gaafiin Baratoota Oromoo lafti Oromoo Oromiyya jalati buluu qabdi jeechun isaani gaafi mirgatti. Gaafin kun ammoo gaafi dhaabba tokko utuu hin tanee gaafi Uummataa Oromoo hundati. Gaafin Uummataa Oromoo seeran deebi argachuu qaba malee raasaasi furmata hin ta’uu. Wayyane TPLF waraana boobasu dhisee murtee wa’ee Godina adda Oromiyya akka feedhi Uummataa Oromootti deebi keenuu qaba ture. Garuu mootumman kun tufii fi jibiinsa Uummataa Oromoo irra qabuun jeequmsaa umee dhiigga ijoollee Oromoo dhangalasa jira.
Mootummaan siirna garbonfata wayyane baratoota kara nagaa gaafi dhiyeefta jiran raasaasan rukutuun gaafi kara nagaa dhiyyatee gara finciila Uummatatti jijjira jira. Baratoon University Jimmaa, Wallagaa, Ambo, Addama, Haromayya, Finfinne, Matuu, Bule Hora, Madda Walabu, Kotobe Diredawa fi Manetin barumsaa sadarka lamaffaa Mandii, Najoo, Naqamte, Gimbi Gaafi kara nagaa Mootummatti dhiyeesan Poolisii fi waraanaa federala gamoo mana barumsa galuun baratoota reebuu, raasaasan rukutuun lubuu nama heedu oli ballesun baratoota hedduu hidhe jira. mootumman gaafi nagaa kana gara finciilati jijjirun qabeenya hedduun akka barbada’u goodhe jira. Uummatti Oromoo dhiigga ijoolle isaa dhangala’uu argee gara jabina mootummaa kana balalefachuun gara finciilati seenuuf dirqamuu isaa waan Ambo, Adaamaa, Diredawa, Bale, Naqamte, Mandi, Najoo irratti goodhama jiru ni mulisa. Mootumman wayyane feedhi Uummataa rasaasan uukamsuu irra gaafi Uummati gaafataa jiru kanaaf kara nagaa deebi laachutuu irra jira.
Kun ta’uu banan Uummani hanga deebi isaa argatuti mormii isaa yoomi ilee kan itti fufu ta’a, kun ammoo egere biyyatti fi Uummataa biyyatti giduutti wal dhabdii hin dhabinee fida. Mootumman kara nagaa deebi Uummataa hin deebifnee, rakko isaa mudatu, Egypt, Yemen, Sirya irra barachuu qaba ture. Waluma galatii Mootumman Ethiopia jeequmsaa Uummamee kanaaf sababa waan ta’eef akkasumasi kara nagaa deebi waan lachuu dideef, Qabeenya barbada’ee fi lubu badee hundatti kan gaafatamuu ta’uu isaa beekuu qaba. Gumiin Paarlamaa Oromoo Jeequmsaa Mootumman Ethiopia Uummataa Oromoo irratti Uumee dhiigga dhangalasaa jiru kana Mootummoota Gamtooman, Mootummaa Europa fi Mana Murtii Adunyatti iyyachuuf qoophiidha. Beektoon Oromoo fi dhabbileen Oromoo nu gargarun Oromoo dhiigii isaa dhangala’aa jiruuf sagalee akka tanuuf gaafachaa, dhimmii Oromoo na ilaalata kan jeedhu hunda waliin Oromoof falmachuu akka itti fufnu isiin gaafana.
Media Oromoo fi haawwasi Oromoo biyya ala jiran goochaa sukkanesa wayyane kana mootummoota Adunya fi gura uummataa Adunya biran akka geessan dhamsaa uummata keenya isiini dabarsiina. Mootmman wayyanee humna loltuu fi Poolisiin fayadamuun raasasaan dhiigga dhangalasuun furmata akka hin tanee beekee gaafi baratoota fi Uummata Oromoof furmata dhugga barbaachuu akka qabuu gaafaana. Poolisoon Oromoo, waraanii lammi Oromoo tatan fi Miseensoon OPDO Uummataa Oromoo haqa isaa fi mirga isaaf falmatuu birra akka dhabatan fi diina Oromoo irratti roorisaa jiru akka irra qoolatan Gummin paarlamaa Oromoo wamiichaa isiini dhiyeesa.
Gummi Paarlamaa Oromoo

No comments:

Post a Comment