Saturday, May 10, 2014

Magaalan Gimbii Mormii Ummataan Jeequmsa Guuddaa Keessa Galte

Ayyaantuu.com | Caamsaa/May 10, 2014
Magaalaa Gimbii jeequmsa keessa jirti -5.10.14Wallagga Dhiyaatti magaalaan Gimbii sochii mormii ummata Oromoo magaala sanaan jequmsa gudda keessa galtee akka jirtu oduu ammaan tana Ayyaantuu.com gahe ifa godhe.
Akka odeeffannoo argameetti mormii qeerroon magaalaa Gimbii guyyaa Sanbataa, Caamasaa 10, 2014 kaasaniin lubbuu dargaggoo Oromoo tokko humna Waraanaa motummaa Itophiyaan yeroo galaafatamu lama ammoo mada’anii hospitaala Adventistii Gimbiitti yaalaaf galaniiru.
Qabeenyaan deggertoota mootummaa gabroomfataa TPLF adda addaa mormi ummataa kanaan kan barbaadaa’e yeroo ta’u humni poolisa federaalaa ummata irratti dhukaasa banee miidhaa geessisaa akka jiru hubatameera. Magaalli Gimbiis waraana Wayyaanee fi Polisa Federaalaan weeraramtee akka jirtuu fi barattooti mannee barumsa olaanoo adda addaa irraa gara mana isaaniitti deebi’a jiranis battaluma sochii ummataa kana caalaatti finiinsaa akka jiranis maddi oduu kun ifa godhee jira.Mormii jiraattota Magaalaa Gimbii -5.10.14 (Abbabaa)
Yeroo ammaan kana magaalittiin Fincila Diddaa Gabrummaa kanaan kan ka’e humna mootummaatiif to’annaan ol akka itti ta’aa jiruu fi mormii kanas tasgabbeessuuf qaamsi mootummaa naannoo Oromiya obbo Abbaa Duulaa Gammadaan geggeeffamu gara naannoo sanaatti akka sosso’u odeeffamaa jiraachuu sabaantonni magaalaa sanaa ifa godhanii jiru. Fincilli ummata magaalaa Gimbii garuu akkuma itti fufetti akka jiru barameera.










No comments:

Post a Comment