Wednesday, May 14, 2014

Mooraan Yuuniverstii Jimmaa Waraana Wayyaaneen Goolamaa Jira.Barattooti Oromoo Hedduminaan Reebamuu fi Hidhaamuu Osooo Hin Dheessiin FDG Itti Fufan

Qeerroo Oromoo adamsuuf ergamtoota Wayyeenee bobba'an
Qeerroo Oromoo adamsuuf ergamtoota Wayyeenee bobba’an
Caamsaa 14,2014  mootummaan abbaa irree Wayyaanee abbaa irree dhabaa jalee isaa fi meeshaa isaa OPDOtti fayyadamuun barattoota Oromoo maqaa gara Yuuniversitiitti deebi’aa jedhuu olola haaraa banatee ilmaan Oromoo irratti FDG bifa haaraan banatee barattoota barsiisota jiraattoota magaalaa, daldaltoota utuu hin jenne jumlaan mana hidhatti uummata guuraa jira.
Haaluma kanaan Univarsitii Jimmaa irraa barattootni Oromoo huma tikaa, waraanaa fi poolisii Federalaan ukkanfama jiru.
1.Barataa Mo’iiboon Baqqalaa mummee fayyaa waggaa 3ffaa mooraa main cumpas Jimmaa irraa
2.Tasfayee Nugusee mummee mechanical Engeenering wagga 3ffaa, mooraa Saayinsii fi Technology Jimmaa kittoo Furdisaa irraa
3.Barataaa Damee barataa mummee Engineering waggaa tokkoffaa mooraa saayinsii fi Technology Jimmaa Kittoo Furdisaa irraa.
Kannee keessatti argamaan barattootni Oromoo nagaan ukkaanfamanii gara geeffaman beekama hin jiru, kun utumaa kanaan jiruu sochii FDG haalan jaabaataa fi Wayyaaneen dura dhaabbachuu hin dandeenyee qabsiifama jirachuun hubatamera.
Mooraa Yunversiitii Jimmaa keessatti baay’inni waranaa dachaa baay’ina barattoota ta’uun mooricha dachii waraanaan weeraramte fakkeessee jira

No comments:

Post a Comment