Wednesday, June 4, 2014

Barataan Yuunivarsiitii Haramaayaa Hasan Huseen mana hidhaa mootummaa wayyaanee keessatti wareegame

Ajjeechaan ilmaan Oromoo keessumaa barattoota Oromoo irratti xiyyeeffatamuun tarkaanfiin fudhatamaa jiru itti fufee jira. Yuunivarsiitii Haramaayaa keessatti gaaffii abbaa biyyummaa gaafachuudhaan Mana hidhaa mootummaa Wayyaaneetti darbamuu irraan darbuudhaan barattootni Oromoo mana hidhaa keessatti ajjeefamaa jiru. Barataa Nuuraddiin (Alsan) HasanBarataa Computer science waggaa 2ffaa kan tahee fi dhalootaan Godina Shawaa lixaa magaala Baakkoo kan tahe mana hidhaa mootummaa Wayyaaneetti darbamuun dararaa jabaan erga irraan gahaa turee Gaafa 02/06/2014 mana hidhaa keessatti lubbuun isaa darbee jira. Mootummaan Wayyaanee dararaa ilmaan Oromoo irraan gahaa jiru daran jabeessaa dhufus ilmaan Oromoo gamtaan falmatti seenuun mootummaa abbaa irree bara baraan ilmaan Oromoo keessatti ammo dargaggoota Oromoo ajjeesaa, hidhaa fi biyya irraa ariiaa jiru dura akka dhaabbatu Barattootni Yuunivarsiitii Haramaayaa fi Qeerroon Oromoo waamicha Oromummaa dabarsa.
Aslan Hasan, one of the 10 Oromo students kidnapped on May 29, 2014 from Haromaya University has died while in military detention center in Harar city. Apparently he collapsed during one of the torture sessions, then was taken to Tikur Anbessa Hospital in the capital, where he died on June 1, 2014. The regime told his families that the student committed suicide. Aslan was a 2nd year engineering student at the University. He was born in Bakko and attended high school in Burayu. His body has been taken to Gudar and funeral service is scheduled for tomorrow.


No comments:

Post a Comment