Saturday, August 23, 2014

Hogganoota OPDO 9 n Kan Durfamu Aangawoonni Wayyaanee Sochii Barattoota Oromoo Tasgabbeessuuf Jecha Diqama TPLF Irraa Kennameen Bobba’an.

Bakkaa fi Koreewwan G/G/OPDO Walgayii Itti Gaggeessaa Jiran;

Lakk.     MaqaaYuuniversitiiHojii IsaaniiBaayina namoota of jalaa qabanii
1Bakar ShaaleeAmbooSadarkaa Federaalatti Ministeera Galii Ture,amma koree HR,OPDOtiNama 7 of jalatti qabatee walgayii gaggeessaa jira
2Warqinee GabayyooMadda WalaabuuPolice Commision ture amma KHR dha.Nama 5n of jalatti qabatee waliin jira
3Abbaa Duulaa GammadaaWalitti Qabaa Wallagga Iarrtti (Horroo,Naqamtee fi Gimbii)Afa-Yaa’iiNamoota 8 of jalatti qabatee jira
4Alamaayyoo TaganuuAdaamaa_______Namoota 5n waliin kan akka Aberraa Haayiluu fi kkf
5Abdulqaadir HuseenJimmaaItti gaafatamaa misooma oromiyaatiNama 6 olii waliin
6Geetuu WayyeessaaMattuu__________Namootaa 6 kanneen akka Iwunatuu Bilaataa, Danyachoo Shirefawu
7Mohammad TusaaBulee HoraaMinisteera Baaburaa fi konkolaataa Koorgii kan Jibuutii irraa dhufuNama 8 waliin
8Isheetuu DasseeHaromayyaa_________Nama 7 kan akka Bazzuu Waaqtolaa
9GeetachooDirre Dawaa_________Namoota 6 kan of jala hiriirsee jiruudha.

Walgayiin Eegalun Dura Orientation Barattootaaf Kenname Irratti Gaaffii fi Yaada Barattootni Kaasaan Walfaana dhihaate.

Hogganooti OPDO bakkoota adda addaa itti bobba’an qabxiilee gaaffii ta’ee barattoota irraa dhihaateef deebii kallattiin kennuu irraa hanqatanii isin warri gaaffii siyaasaa kaaftan ABO dha jechuu dhaan yakkuu fi doorsisuun itti fufanii jiru.
Yuuniversitii kanneen akka Amboo,Jimmaa,Mattuu,Naqamtee,Haromaa fi Bulee Horaa keessatti faaruun ABO fi WBO faarsu akkasumas qabsoo Oromoo ilaalu ka’ee qondaaltotaa fi loltoota Wayyaanee jeeqaa tureera.
Qabxiileen Barattootnii fi Gaggeessitootni OPDO Irratti Walii Hin Galin Hafan
  • Dhimma bakkee ba’ani bulu fi seensa doormii sa’a 4:00 irratti tahuu kuni dirqamatti tahuu qabaadha, gaggeessitooni garuu barattoota Oromoo waliin walii galuu hin dandeenye.
  • Akka walii galaatti waltajjii sana irratti barattootni waa’ee saaminsa lafaa,hidhamuu barattootaa,waluma gala jireenya gadadoo Oromoo fi durgoo,waa’ee hojii yeroo gannaa irratti yaada isaanii dubbatani jiru, kana irratti gaggeessitootni yaada barattootaa fudhachuu hin dandeenye,
  • Irra jireessatti barattootni waltajjii kana irratti fedha isaaniitiin marii mataa isaanii mari’achuutti fedha akka qabanis ibsatanii jiru,
  • Keessumattuu Godina Baalee waltajjii kana irratti marii yaadaa fesha isaanii akka qabanii fi yaadni isaanii guutamuu akka qabu aka dirqiitti mootummaa hubachiisanii jiru, barattootni haala oromiyaan irra jirtus xiinxala keessa galchanii marii gaggeessanii jiru
  • Akkasuma yuuniversitii Amboo,Jimmaa,Haromayaa fi Bulee Horaa irratti kaayyoo ABO kan adeemsisanii fi faaruu ABO faarsuu irratti dhageessisanii jiru,
  • Walii galatti walgayichi erga jalqabameen booda godinaalee tokko tokko irraa gaaffii miseensummaa fudhachuu dhiisuu isaanii fi yaada gaggeessitoota irraa dhiyaatu fudhachuu diduu fi callisuun barattootaa kuni ifatti bahee jira, isaan keessaa kanneen akka Iluu Abbaa Booraa yuuniversitii Mattuu,yuuniversitii Bulee Horaa,yuuniversitii Wallaggaa kan akka Najjoo,Horroo irraa dhufan hubatamee jira,
  • Dursa eegalamuu walgayin dura yaadnii fi gaaffiin ijoo rakkoo uumata Oromoo irratti hidhatee dhiyaatan hedduu waan isaan dursee yaaddesseef Yuuniversitii dubbiin ka’a jedhamee shakkamutti human waraanaa mijeeffatanii akka jiran odeeffannaaleen garagaraa dhiyaatan ibsa.



No comments:

Post a Comment