Friday, August 15, 2014

Maraatoon Bonn Injiffanoo Oromotaatin Xummurame

Marathona Bonn/Germany-tti Gaggeeffame Oromootni Injifatan
Kaacha seena qabeessa Ebla 10 bara 2011 Magaala Bonn/Germany-tti Deutschepost qopheesse Presadaantii Jarmanii Christian Wulff dhukaasa dhukasaaniin Marathon eggalee.

Gadaa.com

Gadaa.com

Gadaa.com

Gadaa.com
Bonn Marathon bara kana irratti Athletoota 11,177 Biyyooti 45 irra kan hirmatan enna ta’u, dowwatoota 200,000 ol ta’utu dow’atee. Kaacha kana kessaatti Matathon 1,583 Maratana Marathona qixxee, 7,100 kan hafan hirmaattota garagaraa akka ta’an Gazexoonni Magaala Bonn addeessaniiru.
Oromtiticha Kaacha Marathon Deutschepost qopheesse Fiqiruu Ajjamaa fi Badhaanee Gammachuu 1ffaa fi 3ffaa ba’uun injifataniiru.
Athletii Badhaanee sagantaa badhaasa irratti Alaaba Biyya Oromoo ol kaasee badhasaa enna fudhaatu warri argee gammachuu guddatu itti dhagayame. Qaamolee mootummaa, Ijaarsotaa garaagaraa fi Dowwatoota 200,000 ol-ta’u kallaattiin agarssiisun, Oromoo, Qabsoo isaa fi Alabaa Oromoo beeksisanii argamuun isaa ajaa’iba ta’ee kan mullate dha.
Badhaane Gammachu Acuuccaa ilmaan oromoo irraa ga’a jiruuf isaa irra qaqqabaneen Boyya Oromoo Lubbu isaa caala jalatuu gadhissee Biyya Jarmanitti Koluu galee nama jiru.
Qaxalee gurbaan kun eenyummaa isaatti kutatee dandeetti/Ogummaa qabuun itti fufee Saba isaa beeksisuu fi Ogummaa isaa cimsuu irratti muratee kan ka’e dha. Ijifannoo Maraaton durii isaa irraa ka’ee ammas Xiqinaanillee iddoo hirmaatanitti Injifannoo agarsisaan Gazeexessitoota fi Uummata Magaala Bonn guyyaa kana argamanii hordofaan rajeeffachiseera/Ajaa’ibseera.
Guyyaa kana Gazeexessota Oduu qopheessuuf kaata turan maddii Oromoonni achitti argaman Alaabaa Oromoo qabatanii Atiletoota Oromoo fi hirmaatota biroo jajjabeessaa turaniru. Injifannoo fi mullinni argamee Oromoo bakka jiru hundatti akka gammachisu beekamaa dha.
Kanaaf, Injifannoo guyyaa kana argamee warrii argamanii ilaalanii fi Subquunnamtii/ Medea addaddaa arguutti carraa argatan qixxee bilisummaan argametti ilaalanii gammadaniiru. Isinis, suuroota kanaan walqabsiifnee ergine kana ilaalati, itti gammadaa. Bakka hundatti, injifannoo ilmaan Oromotiif, haa ta’u!
http://www.marathon4you.de/meldungen/deutsche-post-marathon-bonn/marathonsieg-an-silvia-krull-und-fikru-ajema-jeyi/3086
Waa hundaafu Suraalee guyya kana ilalaame.
Baalchaa

RELATED: Celebrate Oromian Athletes

Gadaa.com
Gadaa.com

Gadaa.com

Gadaa.com
Gadaa.com

Gadaa.com

Gadaa.com



=>gadaa

No comments:

Post a Comment