Friday, March 18, 2016

#OromoProtests – March 18, 2016

(Ayyaantuu) #‎BilisummaaOromoo‬-(18.03.2016, ‪#‎ShaggarLixaa‬, Amboo)Godina Shawaa Lixaa Aanaa ‪#‎Midaa_Qanyiitti‬ keessatti warraaqsii FXG itti fufee jira. Haala kanaan walqabatee Waraanni wayyaanee Barattoota Oromoo M/B Baallammii sadarkaa 2ffaa fi qopha’inaa irratti Boombii dhoosuun ‪#‎Yakki_waraanaa‬ Barattoota Oromoo irratti raawwatee jira. Balaa kanaan barattoota hedduu madeessuu fi hedduu immoo humna waraanaan ukkamsee hidhaatti guuraa jira.
Aanaa Midaa Qanyii Keessatti manneen barnoota sadarkaa 1ffaa hanga sadarkaa 2ffaa fi qopha’inatti jiran guutummaatti cufamaniiru. Guyyaa har’aa magaalaan Baallammii Waraana wayyaaneen goolama jirti.

Bitootessa 18/2016 Godina Lixa shaggar Amboo: Aanaa ‪#‎Adaaa_Bargaa‬ ‪#‎Mogoriitti‬ guyyaa kaleesaa 17/2016 irraa eegaluudhaan goototni barattootni Oromoo Mana Barnootaa Muka Odaa sad.1ffaa fi Reejjii sad.2ffaa warraaqsaa FXG itti fufuudhaan waraana Wayyaanee dhagaan ari’anii mana barnootaa keessaa baasaniiru. Waraanni wayyaanee Humnaan M/B Reejjii sadarkaa 2ffaa seenee barattoota ukkaamsuuf yaalii godhullee dhagaan dura dhaabbachuun irree qeerrummaa isaanii fi Onnee oromummaa Isaanii diinatti argisiisuun waraana wayyaanee kan of irraa deebisan yoota’uu warraaqsii kun guyyaa har’aa illee jabaachuun itti fufee jira. Gabaasaan itti fufa!

Bitootessa 18,2016 Godina ‪#‎Iluu_Abbaa_Booraa‬ Magaalaa Baddalleetti warraaqsii FXG daran jabaachuun itti fufun guyyaa har’aa Goototni Barattootni Oromoo M/Barnootaa sadarkaa 1ffaa Qaanqaccoo Magaalaa Baddalleetti argamu keessatti alaabaa mootummaa Wayyaanee gubuudhaan sochii isaanii daran jabeessuun, waraana mootummaa jala dhaabbachaa jiru, Gabaasaan itti fufa!!
injifannoon uummata oromoof!!

Goota Goota caalu Maandeellaan keenya Obboo Baqqalaa Garbaan Guyyaa hardhaa bitootessa 18/32016 Magaalaa Finfiinneettii kan argamu mana murtii Araadaa jedhamutti akka dhihatu himameeraa. Kanaaf ilmaan Oromoo nannawaa Sanatti argamtan hundi nannoo Sana dhaquun deeggarsa keessan akka agarsiistan kabajaan isin gaafanna.
Galatoomaa.
Qabsoon keenya ittii fufa!

‪#‎OromoProtests‬ Namoota mana adabaa Poolisii Magaalaa Gimbii keessatti dararamaa jiran keessaa muraasa
1. Solomon Mokonniin- Barreessaa KFO Godina W/Lixaa fi hojjetaa mootummaa
2. Tafarii Baqqalaa – Damee ijaarsa KFO Godina W/Lixaa
3. Girmaa Tamasgeen – Koree hoji raawwachiiftuu KFO G/W/Lixaa
4. Yoseef Lammii – Kan filannoo darbe taajjaban
5. B/saa Malkaamuu Taarikuu – Filannoo kan taajjaban
6. B/saa Amanaa Gabbisaa – Kan filannoo taajjaban
7. B/saa Caalaa Indaaluu- Barsiisaa Mana Barumsaa Adiveentistii Gimbii
8. B/saa Alamuu Asaffaa – Barsiisaa Mana Barumsaa Adiveentistii Gimbii
9. Obbo Kifiluu Daaqaa- Ogeessa Hospitaala Adiveentistii Gimbii
10. Obbo Daggafaa wayyeessa – Hojjetaa Mana Murtii G/W/Lixaa
11. Obbo Balaay Taammanee – Hojjetaa Baankii Awwaash Gimbii
12. Obbo Tasammaa Taliilaa – I/G/Waldaa walgargaarsaa Buusaa Gonofaa
Walumaa gala namootni 60 maatii waliin akka wal hin dubbisne dhorkamuun yeroo dararaa cimaa kan irra ga’aa jirudha.

Yuunivarsitiin Jimmaa irraa ilmaan Oromoo 28 dhimma ariifachiisaf isin barbaanna jedhaman maqaan isaanii armaan gaditti tarraa’ee jira. Barattoonni hunduu kaampaasii kittoo furdisaati.
Hidhaa
Ajjeechan
Doorsisaan
Yoomuu boodatti nun deebisu. Kaayyoo qabsaaonni kalee irratti wareegaman nuti dhaloonni qubee firii itti godhuuf wareegama qaqqaalii kaffalaa jirra.
Hanga bilisummaa gonfannuttis itti fufna
563518_1695526107391444_5017333097247020787_n
12523978_1695526110724777_1943216805979798911_n

No comments:

Post a Comment