Saturday, March 5, 2016

#OromoProtests – Mass Protest, March 5, 2016


tessema‪(Ayyaantuu)#‪#‎BilisummaaOromoo‬-(05.03.2016, ‪#‎JalduuLukkee‬, Oromiyaa) Kun maqaan isaa BAANDIRAA GALAANAA jedhama. Maqaan facebook isaa “Borubari Seenaaf” jedhama. Namni kuni lukkeelee diinaa keessaa nama tokko yoo ta’u, duraaniin barsiisaa mana baruumsa sadarkaa 2ffaa Jalduu ture.
Gara miseensummaa Opdo-Tplf tti kan dabalame bara 1996 A.L.H tti. Ergasi asi harka mirgaa woyyaanee ta’uudhaan waajjira dhimma nageenyaa godina Shawaa Lixaatti aangoon kennameeraaf. Waytii filannoo woyyaanee bara 1997/2005 ummata Oromoo hiisisuufi ajjeesisuun beekkama.yeroo sanitti waajjira KFO aanaa Jaldutti argamus cabsiisuni kan saamsisee ture. Ammas gocha diinumma kana itti fufuudhaan ummata Oromoo magaalaa Amboo fi Jalduu diiinaan wal ta’ee kan ajjeesisaa jiru isaa fi fakkaattota isaa ti.
Namoonni nama kana dhiyeenyatti beektan yoo dhugumaan dhiiga Oromoo of-keessaa qabaate, gocha gara jabeessummaa kanarraa akka of-qusatu gorsaa irraa deebisaa. Yoo didee kan itti fufu ta’e, Qeerroon Amboo tarkaanfii malchiisu kan irratti fudhatu ta’uu akeekkachiisa.

#‎BilisummaaOromoo‬, (05.03.2016, ‪#‎DiddaaOromoo‬, Oromiyaa) Diddaa fi mormii Godina Shawaa Bahaa Aanaa Dugdaa Magaala Maqii keessatti Bitootessa 4 bara 2016 gaggeeffameera. Fincila Qeerroowwan gaggeessaniin gaaffiin Oromoo akka hubatamu godhemee jira. Manni Barnootaa high school caccabeera; sirni baruuf barsiisuu akka aanaa sanaatti dhaabbatee jira.
Lukkeen wayyaanees walgayii taa’anii barattoota Aanaa sanaa akka hidhaman hoji gaggeessota federaalaa wajjin kaleessa taa’anii murteessan.
A. Barattoonni univarsitii kana dura hidhaman
1.Ayyaanoo Dagaagaa
2.Firaa’ol Doddee
3.Ayyaanoo Guddataa
4.Doonii Boruu ti.
B. Kan amma akka hidhaman itti muttaa’e : Barattoota M/B/S1ffaa Odaa Boqotaa:
1.Caalaa Galaashee
2.Dilboo Jaldee
3.Geetuu Badhaasoo
4.shaalloo Bokonaa
5.Mahammad Huseen
6.Fayyisaa Faqqoo
7.Dureessa Malkaa
8.Addunyaa Goobanaa
9.Galgoo Jiloo
10.Aabbuu ……
11.Siidaa Baqqalaa
12.Dabballee ……
M/B/ Odaa Boqotaa Sad. 2ffaa
1.Araarsoo beenyaa
2.Bulchaa Qondaalee
3.Gurmeessaa Damee
4.Ilaalaa Jalduu
5.Maalaloo Galaanaa
6.Adaraa Dabboo
7.Ashannaafii Bobbaa yoo ta’an.
C. Kittillayyoonni wayyaanee Ijiillee kanarraatti murtee dabarsite ammoo:
1.Darajjeee Raggaasaa I/G/M/B Odaa Sad. 1ffaa
2.Usmaan Obsaa Supervaayizara CRC Odaa
3.Taarikuwaa Guddee Barsiistuu
4.Aabbushaa Birhaanuu Barataa afaan
5.Tashoomaa Badhaadhaa l/G Dhimma nageenyaa
6.Itichaa Dabballee I/G Waajira Barnootaa Aanaa Dugdaa
7.Poolisii Federaalaa Lama Yeroof Maqaasaanii Adda nuuf hinbaafne ta’anii ti dhalataa Oromoorraati shira xaxaa jiruu.
Qabsoon itti fufa!

Kabbadaa Abarraa‪#‎BilisummaaOromoo‬- (05.03.2016, ‪#‎HidhaaWalisoo‬, Oromiyaa) Dargaggoo ‪#‎KabbadaaAbarraa‬ fi ‪#‎TsaggaayeeIndaala‬ kan jedhaman mana hidhaa Walisoo keessaa baafamanii gara Maa’ikalaawwiitti dabarfaman. Dargaggoonni kunneen dhalootan aanaa Ammayyaa ti.
Yeroo darbe aanaa Ammayyaa irra namoota 175 ol wajjiin gara mana hidhaa Walisootti geeffamanii ture. Haga yoonaatti mana hidhaatti rakkisaa turan. Gaafa 02/03/2016 gadi isin lakkifna jedhanii mana hidhaa Walisoo irra fuudhanii baasanii gara maa’akalawwii geessani jiru.
Kan suuraan isaa mul’atu kun (Kabbadaa Abarraa) gaafa 7/2/2016 waraana wayyaaneen ukkaamfame. Kabbadaan kan dhalatee guddatee Godina Shawaa kibba lixa Aanaa Ammayyaa ganda qotee bulaa Arrooyyiti. Barnootaa Sadarkaa 1ffaa fi 2ffaa achuma Magaala Gindooti barate. Sadarkaa Olaanaa University Amboo Campus Waliso irra barnootaa computer science eebbifame. Bara 2004 Mormii Magaaala gudditti Oromiyaa Finfinnee irraa Adamaatti dabarsuuf jedhan dhaabuuf taasifame irratti illee ijoollee Ammayyaa hedduu waliin hidhamee ture.

Guyyoottaan sadiif Universitin Wallagaa jechuunis gafaa Guyyaa 1-3-2016 irraa egaalee gafaa Guyyaa 2-3-2016 fi 4-3-2016s ittii fufee jira Agazi, humna Kora bitteenessaa, polisi Oromomiyaa fi polisota moora Universiticha ta’uun tarkaanfii baay’ee sodaachisa ta’e barattoota fi Guyyaa kalleesa mmoo hojjeettoonillee osoo hin hafiin rebamuun isaani argamaa ture tarkansilee isaan fudhataniin gafaa guyyaa jalqabaa ‪#‎Campus‬ FBE ‪#‎Block‬ 613 dormii barattoota itti cacabsuun barattoota 27 fi bakkee keessaas barattoota 30 ol ta”an qabuun gara mana hidhaattii halkanuma sana gessaniru hamma har’attiis achuma jiru isanuma kessaa rebichaa isaniin kan midhaamaani fi lubbuu isaani olfachuuf jecha dormirraa barattoonnii utalaan baay’innii isaanis 5 fi isaa ol ta’ uu danda’an riferi garage finfinneetti ergamaniruu jedha gabaasan keenya gafaa Guyyaa kalleessaas barattoonnii 15 ol ta’an kilikina Universiticha keessaattii akkaa yalamaa turan kan ijaan argaan nuuf himaniiru…,.@WU..

‪#‎OromoProtests‬-(05.03.2016, ‪#‎NaqamteArrest‬, Oromia) Dr. Tasamma Fufa, a veterinary specialist at Naqamtee was kidnapped yesterday night, 04/03/2016 by Agazi forces. When they kidnapped he was severely beaten and sustained injury Because of his disappearance there is no meat distribution today in the city. Until now, his whereabouts is unknown.
Dr. Tasamma is one the most respected specialists the city.
=========================================
‪#‎BilisummaaOromoo‬- (05.03.2016, ‪#‎HidhaaNaqamte‬, Oromiyaa) Ogeessa beeladaa Magaalaa Naqamtee kan ta’an Dr Tasammaa Fufaa kaleessa galgala humnoota tikaa fi waraana Agaaziitiin qabamanii bakka hin beekamnetti geeffaman. Yeroo qabamanitti, hedduu reebaman; miidhaan guddaa irra gahee jira. Sababa Dr Tasammaan hidhamaniif guyyaa har’aa magaalaa Naqamtee keessatti fool qalamee gurguramu manneen daldalaatti hin qoodamne. Haga ammaatti eessa akka geeffame hin beekamu.
Dr Tasammaan magaalaa NAqamtee keessatti kabajaa fi jaalala guddaa nama qabaniidha.

‪#‎OromoProtests‬ Miseensoti koree hojii raawwachiiftu KFO afur godina Qeellam Wallaggaa keessaa akka bahaniif dhiibbaan godhamaa jira. Miseensoti KFO: Duulaa Maatiyoos, Abiyoot Taaddasaa, Masgabuu Tolasaa, fi Zalaalam Shuumaa, kana duras waggoota lamaaf ragaan sobaa itti qindaahe shororkeesssaan himatamanii ture. Hidhaa keessattis erga waggaa lamaaf hiraarafamanii booda bara 2016 gara jalqabaa Mana Murtii Waliigala OROMIYAA Dhaaddacha Naannawaa Nekemtitti bilisa jedhaman.
Haa tau malee, namootni kunneen ammas Naannoo fi Maatii isaanii dhiisanii akka biyya gadiilakkisaniif dhiibbaan guddaa fi doorsifni irratti godhamaa jira.

‪#‎BilisummaaOromoo‬- (05.03.2016, ‪#‎JimmaaOfeeggannaa‬, Oromiyaa) Odeeffannoon kun Ummata keenya Godina Jimmaa aanaa Cooraa Botor keessaa jiraattaniif kan darbee dha.Namichi maqaansaa AJaib Sheh Mahamad jedhamu kaanan misensa KFO (OFC) ture yeroo ammaa kanatti basaasaa Wayyaanee ta’ee namoota hiisisaa jira. Namni kun gantuu ta’uudhaan gochaa badaa ummata keenya irratti raawwachaa waan jiruuuf, umamti keenya akka irraa of eegagttan haa ta’u!

‪#‎OromoProtests‬-(05.03.2016, ‪#‎OromoResistance‬, Oromia) This is a continued resistance to refuse the regime’s dictatorial systems. This brave Oromo decided to burn the military uniform as a symbol of resistance to condemn the military rule on Oromo people.
=============================
‪#‎BilisummaaOromoo‬-(05.03.2016, ‪#‎DiddaaOromoo‬, Oromiyaa)Kun diddaa Oromoo sirna Wayyaanee irratti itti fufiinsaan adeema ajiruudha. Gooti Oromoo kun uffannaa watraanaa gubuuf kan murteeffate miidhaa sirnichi ummata Oromoo irraan gahaa jiru balaaleffachuun. Kun immoo ejjannoo seera waraanaa ummata Oromoo ajjeesee fixuuf jedhu dura dhaabbachuuf fudhatameedha.
Qabsoon itti fufa!
12806186_10207735591859509_4432542579085942985_n

#‎OromoProtests‬, (05.03.3016, ‪#‎OromoResistance‬, Oromia) This is Oromo soccer club solidarity with Oromo protesters from Cairo, Egypt.
===============
‪#‎BilisummaaOromoo‬, (04.03.2016, ‪#‎DiddaaOromoo‬, Oromiyaa) Kun Gareen Kubbaa Miillaa Kaayiroo, biyya Misiraa, Oromoof deeggarsa mormii Oromoo agarsiisan.
12832358_10207734416630129_4376127579393218904_n

No comments:

Post a Comment