Wednesday, March 16, 2016

#OromoProtests – Mass Protests, March 16, 2016

(Ayyaantuu) WASANUU DIIDOO
Hangaftoota mul’iftoota artii muuziqaa Oromoo keessaa tokko kan ta’e weellisaa Wasanuu Diidoo, nama yeroo duraatiif Finfinnee galma ‘Hager Fikir Theater’ keessatti afaan Oromootiin wallise ta’uun seenaa galmeesse. Wasanuu Diidoo maasinqoodhaan sirboota qalbii nama hawwatan sirbuun kan beekkamu yoo ta’u, sirboota isaa keessaa “Maasaan gamaa lafa hin baatu” fi “Alam Mangistaata bira deemna” kan jedhu kan irra deebi’amanii sirbaman waan ta’aniif gurra namoota hedduu keessa kan jiraniidha. Haalli boca sirbaa inni ijaare, yeroo ammaa kanattis fakkeenya guddaa ta’ee wallisoota lafaa dhufan karaarra kaa’ee jira. Namni seenaa dalage yoomuu ni yaadatama!
wasanu_diidoo


‪#‎OromoProtests‬-(16.03.2016, ‪#‎EndSlavery‬, Oromia) The “Bishaan Bishaan Revolt” will happen in Oromia soon as TPLF cutting water supply in many parts of Oromia.
This is a scene in Sude district, Arsi where people have to wait for days to get a jerrican of water.will come the Oromo resistance against foreign encroachment and domination in Oromia.
bishan

‪#‎BilisummaaOromoo‬-(16.03.2016, ‪#‎XumuraGarbummaa‬, Oromiyaa) Harargee Lixaa Aanaa Daaroo Labuu magaalaa Machaaraa keessatti didaan bifa addaan itti fufee jira. Diddaan ahga yoonaatti deema ajiru amma illee hin qabbanoofne. Baay’inaan barattoti kutaa 9 fi 10 baratan section 11 keessaa section 3 qofatuu erga mormii yeroo darbe sanatii kutaatti deebi’e. Haaluma kanaan kanneen kutaatti deebi’anis, guyyaa har’aa yeroo boqonnaatti mormii dhageessisuuf yaalii godhaniiru. Haata’uutii, humna waraanaa dursitee waan dhaqqabdeef sochii barattotaa uggurtee jirti. Sababa kanaan waaranni agaazii mana barumsaa sadarkaa 2ffaa fi qophaa’inaa Daaroo Labuu kan magaalaa Machaaraa weeraree oole.

#‎OromoProtests‬-(16.03.2016, ‪#‎EndSlavery‬, Oromia) Melbourne Oromos are heading to Canberra for 17th of March solidarity rally and for an important meeting with Australian Ministry of Foreign Affairs. It’s expected that Oromo community from South Australia, Western Australia, New South Wales and Queensland will join this important solidarity rally at Canberra.
=============
‪#‎BilisummaaOromoo‬-(16.03.2016, ‪#‎XumuraGarbummaa‬, Oromiyaa) Kunneen miseensota Hawaasa Oromoo biyya Australia kutaa Victoria keessaa yeroo ammaa gara magaalaa gudditti, Canberra, imalaa jiran. Akeeki imala kanaa diddaa Oromoo biyya keessa deeggaruu fi miidhaa fi dararaa ummata Oromoo irra gahaa jiru mootummaa Australiatti beeksisuuf akak ta’e qindeessitooti ibsanii jiru.
Hiriira gamtaan gaggeeffamu kun Kamisa boruu, Bitootessa 17 bara 2016 gaggeeffama; hiriira kana irratti argamuufis hawaasti Oromoo Kutaalee Victoria, South Australia, Western Australia fi New South Wales gara magaalaa gudditti Australia, Canberra, deemuutti jiran.
Bakka bu’ooti hawaasa Oromoos itti gaafatamtuu dantaa alaa Australia Ms.Juli Bishop waliin akka dubbatan sagantaan qabamee jira.
melbourn

‪#‎Oromoprotest‬ guyyaa har’aa Bitooteesa 16/2016
University adaama kessatii diddaa Gaggeeffameen humni agaazii mooraa marsani jiru. barattoota hedduus dararaa akka jiran gabaafamee jira.

#BilisummaaOromoo-(16.03.2016, #XumuraGarbummaa, Oromiyaa) Duulli OPDO qulqulleessuu kan sadarkaa giddu galeessaa eegalame. Duula ammaa kanaan miseensoti OPDO sadarkaa giddu galeessaatti argaman qoratamanii, tarkaanfiin irratti fudhatama.
Duula kana milkeessuuf geggeessitoonni giddu-galeessaa OPDO har’a irraa eegalee guyyoota sadiif qorannoo taa’u. Duulli geggeessitoota giddu-galeessaa OPDO kun Magaalota Finfinnee, Adaamaa, Shaashamannee, Naqamtee fi Jimmaatti geggeeffamaa jira. Duula kanas dabballooti Wayyaanee kalalttiin kan hordofanii fi kan to’atan ta’uun beekameera.
Adama
10570327_10207833409024877_379850233895148284_n

‪#‎oromoprotests‬
Oduu Ammaantana 16 216 Roobii Har’aa Goodina Arsii Lixaa Aanaa Adaabbaa Magaalaa Adaabbaa keeysatti Mormiin Cimaan Gaggeeyfamutti jira . Mootummaan masgida rukuutuun amantiwwan biroo walin walitti buusuuf deemaa jira .
Humni Woraana Poolisa fi Fedraalli Ormiyaa Konkolaataa Hedduun Magaalaa Dodolaarraa Gamasitti Akka Fe’amaaran Jiraattota Naannootirraa Odeeffannoon Nugahe Ibseera Magaalaan Adaabbaa Humna woraaniitiin Akka Guutamte Nidhagahama Sagaleen Dhukaasaas Baay’inaan Akka Dhagahamuu Odeeffannoon Nugaheeraa Miidhaan Hanga Ammaatti Dhaqqabe Nun Geenne Intarneenni Guutumaan Guututti Akkan Hujne Hubanneerra .
adaabbaa

‪#‎OromoProtests‬-(16.03.2016, ‪#‎EndSlavery‬, Oromia)This is Abbas Roobaa Bulloo a 16 years old student who was gunned down by Agazi soldiers in Adaba town, West Arsi, today March 16, 2016.
======================
‪#‎BilisummaaOromoo‬-(16.03.2016, ‪#‎XumuraGarbummaa‬, Oromiyaa) Kun Abbaas Roobaa Bulloo, kan waggaa 16 ti. Abbaas guyyaa har’aa Arsii Lixaa magaalaa Adaabbaa keessatti waraan Agaaziitiin ajjeefame.
9154_10207834367848847_565884343400746249_n

No comments:

Post a Comment