Monday, July 22, 2013

Walgahii Ergamtootni Mootummaa Wayyaanee Magaaalaa Edmonton Kanaadaatti Karoorfatan Qabsoo Cimaa Hawaasa Keenyaan Fashaleera!

Adoolessa 22, 2013
edmontonWalgahii/maree ergamtootnii fi bakka bu’oonni Mootummaa Wayyaanee waa’ee gurgurtaa boondii hidhaa/jallisii laga Mormoriif magaalaa Edmonton Kanaadaatti gaafa Adoolessa 20 bara 2013 gaggeeffachuuf karoorfatan mormii fi dura dhaaabbannoo cimaa hawaasni Oromoo fi miseensonni hawaasota biroo impaayerittii irraa dhufan taasisaniin fashaluu danda’eera.
Bifa qindoomina, sirna naamusaa fi tartiiba qabuun mormii fi dura dhaabbannoo hadhaawaa hawaasni keenya magaala kanaa fi naannoo ishii jiru adda durummaan of kennuudhaan maanguddoo, shamarran, ijoollee/daa’imman, dargaggoo fi ga’eeyyii otoo hin jedhiin heddumminaan hiriiruudhaan gamtaa fi jabinaan taasiseen walgahiin ergamtootaa fi bakka bu’oota mootummaa abbaa hirree Wayyaanee (Qaama Imbaasii wayyaanee irraa dhufe dabalatee)  diigamee fashaluudhaan, konkolaattonni isaan ittiin dhufan yeroodhaaf to’annaa poolisaa jala oolanii, deggersa humna poolisaa fi qaama bulchiinsa magaalichaan Autoobisa magaalaa (City Bus) poolisnii fi bulchiinsi magaalaa qopheessetti fe’amanii karaa boroo/dudduubbee galma walgahichaan hari’amanii baqachuu danda’aniiru. Qabsoon hawaasni keenya guyyaa kanatti godhes kan ergamtoota wayyaanee kana qixxaan mormu qofa otoo hin taane sagalee, gaaffii fi kaayyoo haqa isaa fi uummata isaa qaamni poolisa naannoo, qaamni bulchiinsa magaalaa, fi kanneen biroo dhimmi akkasii ilaalus akka hubatanii shoora karaa isaanii taphatan murannoodhaan ifattti tattaaffii jabaa gochuudhaan gurra hawwatee sagalee isaa haalaan dhaggeessifachuudhaan irra aanuu danda’eera.
edmonton1Dhimmi mormii kunis qabiyyeen isaa jajjabaa fi bal’aa waan tureef, hawaasni keenyas murannoo fi jabinaan waan dura dhaabbateef humna poolisaa fi naga eegduu heduu akkasumas gurra sabaa himaalee (Mass media) naannoo kanaa haalaan hawwachuudhaan walumaagalatti hiriira mormii keenyaa fi sochii qaamota kanaa dabalatee dirreen galma mormii suni lafti dhiphatee ooleera. Guyyuma kanas TV fi Raadiyoon naannoo jiranis dhimmanii gabaasaa turaniiru.
Ergamtootni kunis akkuma aadaa mootummaa isaanii uummata sobuudhaan sa’aa 3:00wb eegalama jechuun beeksisanii sa’aa 11:00wd irratti eegaluuf waytii isaan sochii godhan haaluma hordofaa tureen irratti qaqqabuudhaan uummatni keenya waliif labsuudhaan battalumatti mormii fi dura dhaabbannoo isaa eegale. Haaluma kanaan sabboontonni hawaasa keenyaa qaamota bifa adda addaan dhimma kana keessatti shoora qabaachuu malan marayyu mormii haqa-qabeessaan hudhanii qabachuudhaan walgahii ergamtootaa kana fashalsiisuun injifannoo seena-qabeessa galmeessisaniiru.
edmonton2Haalota hedduu nama ajaa’iban keessaa, uummatni keenya obboloonni hordoftootni amantii muusliimaa otoo soomana ramadaanaa irra jiranii daa’imman qabatanii maatiidhaan mirga saba isaanii fi kaayyoo dhugaaf aduu/hongee bonaa keessa bishaanii fi midhaan malee murannoodhaan jalqabaa hanga dhumaatti kaayyoo isaaniif dhaabbachuun isaanii kan baayyee nama hamilchiisudha. Namni  keenyas asxaaleefi mallattoolee eenyummaa isaanii ibsan kan akka alaabaa Oromoo, dhaadannoo, suuraalee hidhamtoota siyaasaa keenya, fi kkf qabatanii faayamuudhaan mul’ataniiru. Qindoomina kanas kan gaggeessaa ture sabboontota ilmaan oromoo waliin ta’uudhaan Waldaa Hawaasa Oromoo naannoo kanaati. Innis, gurmuulee akka hawaasa Ogaaden, Waldaa Hawaasaa Itoophiyaa, Waldaa Muusliimota Itoophiyaa (Bilal MuslimCommunity), fi kkf waliin gamtoomuudhaani dha.
Dhaadannoolee dhaggeessifamaa turan keessaa: Boondii gurguruu dura mirga kabajuuti dursa, mirgi uummata keenyaa haa kabajamu, haqni uummata keenyaa haa eegamu, mootummaan Wayyaanee goolessituu dha, saamichi lafaa haa dhaabbatu, hidhamtootni siyaasaa haa hiikaman, hidhamtootni dura buutota amantii Muusliimaa haa hiikaman, mirgi amantii haa kabajamu, hidhaa fi duuti uumata keenya irraa haa dhaabbatu, hayyoonnii fi barattootni keenya haa hiikaman, Oromiyaan ni bilisoomti, fi kkf fakkaatan turan.
edmonton3Walumaagala sochiin mormii kanaa qabsoo hadhaawaa hawaasni keenya murannoo fi gamtaan taasiseen milkii gaarii fi injifannoon xumuramee jira. Ergamtootni wayyaanees akka walgahiin kuni isaan jalaa fashale, keessummaan isaaniis akka jalaa qaana’e wawwaataa jiraachuun isaanii dhaga’ameera, karaa sabaa himaalees argameera. Teessoo armaan gadii xuquudhaan gabaasaa sab qunnamttii naannoo kanaatiin kan qileessa irra oolee ta’uu hubachuu ni dandeessu.
   Dhimma kanaafis hawaasni keenya magaalaa kanaa galata quddaa qaba.
   Injifannoon Uummata Oromoof!
   Hawaasa Oromoo Edmenten, Kanaadaa

No comments:

Post a Comment