Saturday, September 14, 2013

Ambo Micro College Keessaa Barachaa Kanneen Turan Barattooti Oromoo Lama Bakka Buuteen Isaan Dhabme.

Sochii warraaqsa Bilisummaa fi Dimokraasiif dargaggoonnii fi barattooti Oromoo deemsisaa turan waliin kan wal qabate yeroo adda addaatti mootummaa Wayyaaneen doorisifamaa kanneen turan barattooti Oromoo hordoffii tikni diinaa yeroo gara garaa irratti taasiseen tureen ,barattooti Oromo lama Mesgene Dhimmaa fi Ababu Dhimmaa Baayyisaa kanneen jedhaman Hagayya 07,2013 irraa eegalee Kolleejjii  barataa turan keessaa bakka buuteen isaanii dhabamuu gabaasi Qeerroo Ambo irraa addeessa.
Haalli kun kan yaaddesse qeerroon nanneen hidhaa naannoo Amboo fi bakkoota biro keessatti iyyaafachiisaa akka jiru dhaamsi dhaqabe beeksisa.
Kana maleen mootummaan Wayyaanee yaaddoo barruuleen warraaqsaa bakkoota adda addatti maxxanfamaa fi raabsamaa jiru irraa kan ka’e godina Ilu-Abbaa Booraa magaalaa Baddallee keessatti humna waraanaa fi tikaa heddummeessuun dabballooti ABO magaala kana seenaniiru sababa jedhuun bufata adda addaa fi bakka oolmaa dargaggootaa sakata’aa akka jiru Qeerroon godhina kanaa gabaasa.

No comments:

Post a Comment