Sunday, September 15, 2013

KOREE AYYAANA YAADANNOO WAGGAA 50-FFAA QABSOO HIDHANNOO – OROMIYAA (1963)

Ummanni Oromoo harqootaa gabroofataa Habashaa jalaa bilisa of-baasuuf qabsoo geggeesse hangafoota keessa takka lola Oromoo Baalee ka bara 1963-hii tahuun beekamaa dha. Qabsoon gaafasii babal’attee kutaalee Kibbaa-Baha Oromiyaa mara keessatti wareegamni gaafatte laafaa hin turre. Gootota wareegama qaalii baasan san yaadatuun dirqama seenaa ta’uu isaa hubatuu dhaan, Ayyaana Yaadannoo Waggaa Shantameessaa jalqaba qabsoo sanii barana addunyaa guutuu keessatti kabajuuf sochiin wagga tokkoo calaaf adeemsifamaa turte gufuulee adda addaatiin haga tokko dubbatti harkifataa jirti. Gufuulee qophii ayyaana kanaatti danqa tayan keessaa irra guddaan gara Preezadantiin OSA kan baranaa – DR. Ibraahim Elemoo tii fi obboleessa isaa Kadiiro Elemoo irraa tahuu ummanni ayyaana kana hawwiin eeggataa jiru martinu akka quba qabaatu gochuuf ibsa kana baasuuf dirqamnee jirra.
Ayyaanni kun ulfinna isaan maluun faayamee akka kabajamu gochuuf yaalii godhamee ture keessatti maqaa dhabaatiin ykn maqaa hawaasaatiin akka qindheeffamu yaada jedhu irratti ilaalchi adda addaa uumamee osomaa furmaanni manguddotaan yaalamaa jiru, Dr. Ibraahimii fi obboleesi isaa akkaataa nama saalfachiisuun harka keessa galfatanii namoota kanaan dura maqaa dhaabaatiin kabajna jechaa turan ofitti ammatanii “OSA-n ogummaa fi qabeenna gayaa waan qabuuf nutu isin wajjiin kabaja” waadaa jedhuun addaan fottoqiinsa koree dhalchanii kunoo haga ardhaatti gufuu tayaa jiran.
Jarreen kun akka gocha kanarraa eemaraman koree fi dhuunfalleen tattaaffii godhameef gatii kennuu didadii, kunoo nu ilmaan Oromoo jiddutti hammeenna dhalootaan dhaalamuuf deemu oofaa jiran. Tuffii fi dantaa dhabaan rakkinni isaan habaqaalan kun:
1. Ayyaana herregame gatii fi kabajaa isaan malu dhabsiisa
2. Hirmaannaa lammiiwwan Oromoo biyyoota adda addaa irraa gochuuf hawwaa jiran irdhisa
3. Gootatota Oromoof lolan sadarkaa gandaatti gad-deebisa
4. Ayyaana sagantaalee guyyaalee sadihii guutuun kabajamuuf bu’urfame gara saa’aa jahatti gabaabse dhama dhabsiisa.
5. OSA’n jaarmaya rakkoo hawaasa Oromoo keessatti mul’attu beekkomsa hayyootaatiin furuuf gargaaru ta’uu dhiisee, murnoota Oromoota waliindhahuu fi qooqqodutti gadi siqa.
Dr. Ibraahim akka harkaa isaatii fi ka OSA illee qophii ayyaana kanaa keessaa baafatu telefoonaa fi barreeffamaan ergaa itti himameef dantaa hin kennine. Isaa fi obboleessis ayyaana kana keessatti mul’atuuf hawwii qaban fiixa baasuuf tumsa tahuu bira dabranii hoggana qophii sanii tahuuf yaaluu isaanii, duulli sabaa-himoota hawaasotaatiin gochaa jiran waan dhokata qabuu miti.
Akka dhuunfaatti nama ykn garee fedhan wajjiin dhaabatuun mirga isaaniiti. Garuu, maqaa OSA-tiin addaan qoodamiinsi isaan nu giddutti utuban sadarkaa akkaan yaadchisaa irra waan gayeef jecha, hoggantichi kun daddafitti akka qophii kana keessaa harka baafatan hogganni OSA tii fi lammiiwwan Oromoo martinuu akka dhiibba irra kaayan kabajaa guddaan gaafanna.
Obbooleeyyan keenna kanneen gorsa jarreen saniitiin hawatamanii diiggaa dhalootaan dhaalamuuf deemu keessa seenanis akka hatattamatti shira san hubatanii gara miiza mariitti deebi’an onnee obbolummaa biyyoomaatiin gaafanna. Waamicha kana didanii jarreen kaayoo diiggaa qabaniif ulee tahuun, jeynoota saba Oromoo guutuuf qabsaawanii kufan gulantaa
warraa, balbalaa fi gosaatti gad-buusuu taati. Kanaafuu, hayyootaa fi manguddoonni, dargaggootaa fi shamarran seenaa kanaaf dhimman martinuu biyya jiranitti sochii qaanqee diigamiinsa tana dhaamsuuf geggeeffamu keessaa akka qooda gayaa fudhatan afeerra.
Akkasumattis, Ayyaanni yaadame kun akka namoonni tokko tokko maqaa itti argatuu qofaaf hobbaafataaf fiffiigan sanitti osoo hin tayin, koree ardiiwwan Awuroophaa, Awustraliyaa, Ameerikaa Kabaa, Afrikaa fi Eeshiyaa irraa ijaaramteen ulfinna isaan maluu uffatee akkaataa dhalootaaf barnoota gayaa itti kennuu dandayutti kabajamuuf akka jiraatu hirema tanatti gargaaramnee ummata Oromoo mara hubachiisuu feena.
Bara ilmaan Habashootaa eennumaa Oromoo irratti duulaa jiran kanatti, nu ilmaan Oromoo garaagarummaa bu’aa hinfidneen addaan qoodamiinsa biraa wixinuun cubbuu daangaa hin qabne. Kanaafuu, dhama obbolummaa sabaatii fi qalbii qulqulluu Oromummaa tiin ergaan kun hubatamee, hogganni OSA walitti dhufee tarkaanfii barbaachisu fudhatee akka ifatti nu beeksisu kabajaa guddaan gaafanna.
Ayyaanni darreen October 20, bara 2013, Minneapolis-tti tayuuf saganteeffames, kabajaa, gaachanaa fi qarruu Ayyaani kun qabaatuun malu waan irdhisuuf jecha, marii aadaa fi safuu Oromummaa guuttuun gara guyyaa biraatti ka jijjiramuuf deemuu tahuu hubachiifna. Bakkaa fi guyyaan gara fuuduraatti ibsama. Galatoomaa.
Kabajaa wajjiin,
Koree Ayyaana Yaadannoo Waggaa 50-ffaa Q/H Oromiyaa (1963)
Koreea.a.yaadannoo@gmail.com

No comments:

Post a Comment