Wednesday, October 30, 2013

Daba Motummaan EPRDF Oromoo irraan ga’aa jiru

T. Kumssaa | Narobii, Kenya irraa | Onkololessa 30, 2013
Ummatni Oromoo biyyaa kessaa daba Wayyaneen hojjachaa jirun ammallee hedduu dararamaa jira.
TPLF fi Aangoo saaniis
Sagantaa Wayyaanee inni guddaa fi yaroo dheeraa: Miseensolin waraana TPLF Affaan Oromoo barreessuu fi hasawu danda`u dha. Kanaf keessumaa Tigrootni Oromiyaa keessatti dhalatan ykn ammoo guddatan sagantaa kana fiixan baasuf hedduu carraaqaa jiran. Kun ammoo malanis ta´e humnaan yoo xiqaate illee Oromiyaa bulchuun /saamun ilmaan Tigrootaa fi biyyaa saanii ittin guddisachuf sagantaa wagaa diiddamoota darbban keessa baafatan hojii irra oolchaa jiran.
Bulchiinsa:
Sub-boontummaa ballessuf ykn xiqeessuf tarsiimoo adda addaa fayyadamun:
Kutaalee Oromiyaa adda addaa keessatti OPDOn gargaaramun Bulchinsa akka Inspektaratti Wayyanota Affaan Oromoo haasawan ramadun lafa jala hojii Basaasaf Bulchiinsaa hojjechisaa jiran.
Qormaata kana keessa Sub-boontotni Oromoota fi Maatin Oromoota kan firoottan Biyya Ambaa qaban, hedduu irratti qoratamanif faana ittin bu`aman, Biyya kam? Malif? Yoomii kaasanii achii jiratan? fi wkf ofkeessaa qaba.
Sab-boonttotni Oromootaa fudhatama fi jaalala isan Ummata saanii keessatti qaban gamaagamun soddaachisu, farra Mootummaa tti ramaduu fi sababa adda addan maqaa moggasun battalumatti dhabamsiisuun dalagaa wayyaanee isa duraa ti.
Hiranii bituu/buushuu
Oromiyaa keesatti rakina huumuu, Oromo walitti kakaasuu, Qomoon, Kutaan, Amanttiin adda baasuu, Sub-Lamilee xixiqasho Oromiyaa keessa jiratan Oromota irratti kakaasuun:
Karaa Dhiha Oromiyaan dhalattoota sablammii Gumuz hidhachiisee jiraattota Oromoo hidhannoo dhabilee tahan irratti bobbaasee lubbuu fi qabeenyaa ilmaan Oromootaa barbadeessise.
Gama Bahaan gosoota Soomaalii Isaa fi kan biroo yeroo dheeraaf hidhachiisee ummata Oromoo nagenyaan qeyee isaa irra jiraatu irratti duulchisa jira.
Kibba Oromiyaa keessatti sababa caamssan marga dheedichaaf bishan irratti dhalate jechuun Wayyaaneen tahe jedhee sablammoota olla hidhachiisuu fi gorsaan dogoggorsee obboleeyyan isaanii Oromoo irratti kakaasaa yoona gahe. Fakeenyaf Oromoon Booranaa fi Gujii dachii abbaa isaanii irratti manni itti gubameera, loon isaanis saamameera, qaama itti iyyatanis hinqaban.Inni itti iyyattanis jalaa hinqabu.
Kutaalee Oromiyaa hafan keessattis taanaan Oromoon nagaa fi tasgabbiidhaan jiraachuu hin dandeenye. Lafa Oromoo seenaadhaan beekamaa tahe irraa Oromoo buqqisanii Diina qubsiisuun gochaalee duula farrummaa Wayyaanee keessaa warra gurguddaa dha.
Baratoota Universitiy akka isaan barumsa isaanii hin xumure gochuu, sababa humanii hidhuu ykn wareersanii akka biyyaa/naannoo ti badan gochu.
Qotee bultonni, Hojjetoni, Darggaggoni, Hayyoleen, dirqamaan akka misenssaa Wayyaanee ta’aniif shaan shaniin ijaramanii akkaa Oromoo irraati wal irraati qabsa’anii gochaa jiran. ijaaramsi kunisi akkaa jechaa Wayyaanootatti GAREE FI GOXIII jedhamun beeekamu.
Biyyota ollaa jiraatan affaan faajjessun, humnan dirqisiisun akka issan Oromoota irratti duulan gochuu, nagaa booressuu fi walumaa gala Seenaa karaa irraa maqsuf kan hinyaalamin hinjiru.
Firoottan Wayyanee yaroo ammaa kan taate Mootumman Chaayinaa har`a qabeenyaa biiyyaa oromoo saamuu fi mootummaa Wayyaanee dinagdeen gargaaruu bira dabartee meeshaa ammayyaatti gargaaramun sagalee ummata Oromoo fi cunqurfamtoota biro empaayeratti keessaa ukaamsuu irratti argamti.
Aangoti dhiahas taanan karaan yoo adda ta`e malee Chaayinaa irraa wan adda ta`e hedduu hinqaban.
Mootumman Wayyaanee/Habashaa qabeenyaa Oromiyaa malee jirachuf yaadanii beeku laataa?
Deebi kana isanumafan dhiisa!
Hanga yoomitti Oromiyaa humnnan/meeshan cacabsani bushuun danda`ama laata?
Nuti ammoo hanga yoomitti Silmii kana ofxuuchisaa,Wanjjoo kana baannee bara baana laata?
Kana ammoo Ummata Oromoofan dhiisa!
Nuti/ Oromiyan garuu Motummaa Habasha malee jirachuun mirga keenya. Kun ammoo Injifannoo Ummata Oromootin mirkanawa!
Yaa Oromo: Nyaata sitti mi`au simalee namni bira sif hinbeeku!
Itti fufa …
T. Kumssa irraa

HANGA YOOMITTI LAATA?

Rasaasa, reebicha fi hacuucaa Motummaa EPRDF/TPLF jalaa miliquuf ilman Oromoo wan hinta`ins hinargnis hinjiru.Kunis: Bitamtoota/Ergamotoota Wayyaanenen karaa irratti ajjeefammani Bineenssati darbamu, Galanan fudhatamuu, Biyyaa ambaa keessatti gaaddisa Waajjira Adunyaa jala utuu jiraatanii bitamtoota fi basaastota Wayyaanen boojihamun biyyatti ergamuu, wkf.kan biraa wan irra hingaahamin kan Mootummaa EPRDF Olloota Ethiopia gammojjiilee keessatti gochaa jiru hedduudha.
Mootumman Wayyaanee Biyyota ollaa kan akka Kenyaa,Ugaandaa, Sudaan Kibbaa, Jabuutii fi Somliyaa kessatii akkuma Biyya sanii Basaastotafi namoota horin bitun Oromoota miliqanii jiran doorsisuu, reebsisani hoji ala gochuu, kan ukkamsani fudhachuu hindandeenye achumatti dhabamsiisuun, walumaagalatti hojin dhokssan lafa jala hojetamu Waajiroota Adunyaa mirga dhala namaf dhabatanitti ilee yaroodhan akka hiniyyanne godhe lafa nuka`e.
Lammin Oromoo lubbuu isaani du’a jallaa bafachuudhaf jechaa biyyaa baqqannan keessa jiran gammoojjii kessatti kan binnessan nyaatamaan gamojii akka Libiyyaa kessat kan hafan, hafaa jiran seenaf haata`u.
Motummaan TPLF biyya Oromoonni baqatanii jiran keessati ilee mir’ga ilmaan Oromoo dhiibuuf dhibsiisuuf maqaa balleessun keessumaa Oromoota hicitii Motummaa baasuu danda`an yakamsiisun karaa danda’ameen hatattaman ajesisuu itti fufee jira.
Kana eenymatu/Waajjiruma kamtu nuu fi huubachuu danda`a laata?
Kun osoo kanaan jiruu Ummaanni Oromoo biyaa kessaa jiruus karaa addaa addaa dararaama jiraa. Oromoo ta’ee wa’ee mirga issa fi mirgaa Oromoo kam iyuu dubachuu ykn gafaachuu hin danda’u. Sababiin isaa namni kam iyuu yoo gafatee argamee kallaattiin ABO deegartaa jechuudhan gara mana hidha wayyaneet darbaama ykn niukaamsama, ni ajefamaa
Motummaa TPLF birratti Oromoo ta`ani shakamun hedduu rakkisaadha. Biyaa keessatti wa`ee miidhaa Oromoo kasun, gaafachun, ykn yaada kennun hinhayyamamu. Yakkamuudha. Kun jechun ammoo ABO jachudha.
ABO jachun Motummaa TPLF biratti: Lubbun dhabamuu, mana hidhaa keesatti daararamu hanga nafachuf sammun dhukubsachu wkf dha.
Hardha Oromootni achi buuteen sani hinbeekamne heddutu jira. Kan ammoo mana hidhaa keessatti dararamaa jiran akkuma kaleessa mammaakame mani hidhaa Ethiopia haadubbatu. Kan Lubbuu sani dhaban silas obbaafatni; seenan haayadadtu.
Anile carra dhuma akkasitu narra gahee.Yarof Lubbuukoon miliqee jala baafachuu yaale.
Yaroo ammaa kanaas Biyyoota ollota Ethiopia fi Biyyota Ambaa keessatti baqatoota Oromoo dararu, doorsisuu, ofwallalchisani boojihu, ajjeesuu, maqaa moggaasanii hi`issisuu, walumaagalatti sodaachisun, maqaa balleessun, Sab-boonuma irraa akka dubatti deebi`an gochuuf wan hingodhamin hinjiru.
Dhihoo kana biyuma ollaa keessatti nama horidhaan bituun konkoolataadhan rukutaanii ajesuu isaani, inni biraan imoo nama mana isaa keessaa jiratu halkan balbala cabsanii senuudhan ajjeesani sibilaa elektirikaa qabsisuudhan akka inni ofiin of ajesse fakkeessani kaa`un gochaa garajabummaa akkasii rawaachaa jiran.
EPRDF baajata Dolara Miliionan laakkawamun saganta gabaabafi dheeraa (short and long term plan) bara 2005 irraa eegalee baafate hojii irraa oolchuu eega calqabee turee jira.
Eenyumma ofiitti Sab-boonun kennaa, mattahaa ykn ammoo horiidhan wan jiijjiramu miti.
Eenyummaa ofiitti sab-boonun mirga dhalootaati. Eenyumman keenyaa dhaloota keenya. Kana namni nurkkatti qabu hindanda`u.
Nutu isinif beekaan mootummaa EPRDF/TPLF dhabachuu qaba
Ijaa keenyan ilaala keessan hinarguu, Sammuu keenyaan yaadaa, keessan yaaduu hindanda`u, Aadaan keenya bareedaa, keessan fokkisaa, Maqaa keenya kan janataati, keessan ammo kan cubbamootaati, Qoricha isin fayyisu nutu isinif beeka isin hinbektani, kkf jachootafi yaadotni tuffiin guutaman dubati hafon kan seenaa sobaa irraa maddan dhaabbachuu qaban!
Gochaan kun hundii kan Ilmmaan Oromoo irrati rawaatamman maalif?
Yaa Oromiyaa: Qabeenyan kees Diinakee ta`e.!
Mee kan Geeraran jedhen xiqoo ishee isin yaadachiisa!
„.
Anatu haamee nyachisa
Isatu yaabee kachisa
Kan fardasa nadhibe.
Anatu baatee susuka
Isatu ittin rukuta
Kan Qawee isaa nadhibe.
Ademsa dura kaatti
Nyaata ammoo booddee nyaatti
Kan Ergamtuu nadhibe.
Natu Dallaa diddiira
Kan Karra isaa nadhibe.
Natu Gombisatti hunkura
Isatu fuudhee gurgura
Kan Dilbbi isaa nadhibe.
Maqaf Godoo koo bulti
Isaf daaktee hunkurti
Kan Niitii koo nadhibe.
Anaaf Ulee naf hinbaatu
Isaaf Qawwee isaa baata
Kan Ilma koo nadhibe.
Nadhibeera yaa Biyyaa
Waaqayyumaattan iyya! “
T. Kumssa

No comments:

Post a Comment