Wednesday, October 30, 2013

Mootummaan Wayyaanee Walgahii Miseensota Isaaf Magaalaa Sulultaa Irratti Taasiseen Naannoo addaa Finfinnee fi Magaalaa Finfinnee Keessatti Afaan Hojii fi Barumsaa Afaan Amaaraa Qofa Akka Tahuu Qabu Beeksise.

Gabaasa Onkoloolessa 30,2013 Finfinnee

Onkoloolessa 25 irraa kaasee godina addaa naannoo Finfinnee magaalaa Sulultaa irratti mootummaan wayyaanee guyyaa 5niif wal gayii miseensota isaa kanneen tahan hundaaf teesisee jira. Akka madda gabaasaa kanaatti kaayyoo wal gayii isaanii :
1.  Ilmaan Oromoo sabboonummaa qabanii kan miseensa isaanii tahanii jiran irratti qorannoo irratti gaggeessaa fi gaggama hojii isaanii keessa seenuudhaan wal irratti kaasuudhaan isintu iccitii mootummaa dhaaba mormitootaaf kennaa jira,keessumaa ammo dhaaba Adda Bilisummaa Oromoof(ABO)  haala mootummaa keenyaa gabaasaa kan godhu numa keessaa isini jettee miseensa isaanii keessaa kanneen sabboonummaa qaban irratti yakka kana banuudhaan hojii irraa ari’uuf murtoo irra akka jirantu gabaasaa Qeerroo aanaa kanaa irraa addeessa.
2.  Gama biraan namoota sirnichaaf amanamoo jedhaman maraaf waraqaa eenyuummaa kan Federaalaa baasanii kennuu akka jalqaban beeksisuu ture.
3.  Ddhimma afaan Oromoo irratti,naannoo addaa Finfinnee fi magaalaa Finfinnee keessatti afaan hojii  fi barumsaa afaan Amaaraa qofa akka tahuuf iccitii dhaan mareen kun akka mariyatamaa jiruutti gabaasaaan addeessa.
4.  Barataan Yuuniversitii fi koollejji kam irraayyuu eebbifame miseensa dhaaba keenyaa kan tahe hundi hojii barbaachisu ni argata ,garuu hanga miseensa keenya hin guunnetti hanga siyaasa keenya hin fudhannetti hojii kamiyyuu argachuu akka hin dandeenye hubattanii,ijoollota keessan dirqamaan akka miseensa guuchistan jedhanii wal gayii isaanii irratti murtoo dabarsitee jirti.
5.  Ijaarsi 1/5nii jabaatee akka itti fufuuf kunis miseensa keenya adda baafachuuf waan nu gargaaruuf kana irratti miseensa keenya kan taatan guyyaa guyyaatti ijaaruudhaan,isa ijaarame ammo gabaasaa akka nuuf gootan dirqama dabarsina jechuudhan dhaamsa dabarsa  turan.
6.  Maayyii irratt yeroo fillannoo waan jala gaheef jecha uummata ofitti harksisuuf dhimma lafaa irratti kana booda lafti keessan hin gurguramu,isin irraa hin fuudhamu,xaa’oon hanga barbaaddan uummataaf ni kennama,dhimma qonnaaf waan barbaachisu mootummaa keenya isiniif guuta jedhanii miseensa isaatiin dhaamsi kun gara uummataatti akka darbuuf waadaa sobaa kana dabarsaa akka jirtu odeessaan madda gabaasichaa addeessa.
Qabxiiwwan 6n kunneen wal gayii mootummaan Wayyaanee aanaa kana irratti guyyaa 5niif miseensota isaa waliin gaggeessaa fi dhaamsa isaa dabarsaa tureedha.

No comments:

Post a Comment