Saturday, October 5, 2013

Kabajaa Ayyaana Irreecha bara 2013 – Bergen, Norway

Gadaa.com


Ayyaanni Irreecha kan bara 2013 Oromiyaa fi biyyoota alaa, bakka adda addaatti sirna ho’aa fi addaan kabajamuu isaa gabaasa gara garaa irraa mul’ataa jira. Keessattuu Oromiyaa, magaalaa Bishooftuutti fulbaana guyyaa 29, ayyaana kana kabajuuf ummanni argame, miliyoona lamaa fi hanga sadiitti akka herreegamu oduun naannoo sana irraa dabre ni mirkaneessa.
Ayyaana akkasitti aadaan kabajamu irratti namni miliyoonaan hedamu argamuun, Afrikaa keessatti mul’atee hin beeku. Kanaaf kabajaan ayyaana Irreecha adda ta’uu fi seenaa guddaa galmeessuu nu hubachiisa.
Biyyoota alaatti bakkee , ayyaanni Irreecha kabajame keessaa tokko Norway, magaalaa Bergen. Magaalaa Bergenitti bara 2006 irraa eegalee sirna ho’aa fi qindoominaan kabajamaa kan jiru yoo ta’u baranas haala gaarii fi qilleensa bareeda keessatti gammachuu guddaan kabajamee jira.
Akka sagantaa baheetti sa’aatii 11.30 bakka Fløybane jedhamutti walgahuun gamtaan Baabura Turistoonni ittiin deeman qabachuun Tulluu baane. Achirraa dhiirri dhiichisaa, dubartoonni faaruu birraa wallisaa bakka Malkaa Irreecha eega geenyee booda, abbaa Malkaa keenya kan ta’e obbo Asnaaqaa Irkoo baga ittiin isin gaha, baga dhuftan erga jedhee booda, maanguddoo akka eebbisan gaafate. Maanguddoon sadii walduraa duuba erga eebbisanii booda, haala kabajaa ayyaana Irreecha ilaalchisee haasawa gabaabaa nuuf godhe abbaan Malkaa keenya, obbo Asanaaqaan.
Isa booda ibsaan gubamee namuu komisa erga dibatee booda irreeffatee dhangaa ayyaana kanaaf dhihaate dhamdhame. Yeroo irreecha irraa deebinu, sirbaa fi dhiichisa , akkasumas uffata aadaa keenyaa ilaaluun ummanni adiin hedduun ilaalanii dinqisifachuu fi gaafatanii seenaa isaa boruuf hedduu hordofan.
Galgala ammoo bakka qophiin bashannanaa qophaa’etti irbaati erga nyaatamee booda, seenaa Irreecha fi akkaataa ayyaanni Irreecha magaalaa Bergenitti kabajamuu eegale, haala ayyaana Irreecha biyya keessaa fi alatti yeroo ammaa babal’atee kabajamaa akka jiru ibsi bal’aan ummata waamicha ayyaana Irreecha kanarratti argameef kenname.
Sagantaan ayyaana irreecha Bergen akka miidhaguuf faaruu faaruu fi wallee qindeessuun, dhangaa Irreecha fi hirbaata galagalaa qopheessuuf hojii guddaa kan raawwatan, waldaan dubartoota Bergen galateeffamanii jiru. Hirbaata booda sirba dargaggoonni Oromoo Bergen qindeessaniin sirbaa fi tapha bashannanaan ayyaanni kabajaa Irreecha kun milkii fi gammachuun xumurame.
Kan barana nagaan ittiin nu gahef galata jenna!

Gadaa.com
Gadaa.com

No comments:

Post a Comment