Saturday, October 5, 2013

BIYYA-AMBAA: GABRUMMAA KEESSATTI HAFUU MAALIIF TA'E HIREEN KEENYA?

Qeerransoo Biyyaa

Nagaa jirtuu dubbistoota barreeffama daawwanaafi hubannaa dhuunfaa irratti  hundoofte kanaa. Odoon yaada kootti hingalin qeeqa kiyya haala gariin akka hubattan isin afeeruun barbaada. 

Matadureen ani irratti barressu sinis muudate ta'a. Tarii rakkoo kana osuma laaltanuu sababii garagaraatiif otoo hindubbatin hafuu maltu. Anillee waa'ee dubbii kanaa yeroo dheeraaf hordofaafi ittiyaadaan ture. Amma siniif hiruun murteesse akka irraa barannee ciminee akka saba tokkotti olkaanuuf. 

Wantoonni gaggaariin  deemaa jiran akkuma jiranitti ta'ee, kaayyon koo gababsee daawwannaan hawaasa Oromoo biyya-ambarratti godhe siniif dhiyeessudha. Keessumaayyuu, Ameerikaa Kaabaa irratti.  Ummanni biyya ambaa alaalaa yoo laalan guddaafi tokko namatti fakkaata. Garuu, namini hawaasa kana keessa jiraate arge rakkoowwan gurguddoo furamuu qaban keessatti laala. Nama baay'etu biyya taa'ee tarii biyyi-ambaa dhufee nibilisoomisuu danda'aa jedhee yaada/hawwa ta'a. Haala amma jiru keessatti, abdii keessan kutadhaa; ummanni biyya ambaa fakkenya gaarii miti. Oromiyaafi Oromoo bilisoomisuu dhiisii xiinsammuu ofituu hinbilisoomisine. Osoo akka haala ummanni ambaa keessa jiruutii ummanni Oromoo bilisummaa akka dharayetti hafa ture. Ani babdiin koo ummata biyya jirurra jira.  Himannaa akkasii dhiyeessuun koo barbaachisaadha. Dubbii walmormisiisa akkasii kaasuu koof sababiin koo maali? Ragaa maalitan qaba? Mee gabaabsinee sadarkaa dimshaashatti haalaallu.  Waanuma irratti waliigallu walitti himinee yeroo gubuun hikkaa hinqabu. Yaadota mormisiisoo ta'anirrattis aadaa mari'achuufi hiikaa barbaadu yaada jedhuttan amana. 

Bona (summer) darbe kana naannoo Minisoota deemeen ture imala dhuunfaatiif. Naannoolee (iisteetota) Ameerikaa kaabaa kaanis heedduu jala waanan bu'uufi dhaqee laalee waanan beekuuf, haalota ummata keenyaa biyya-ambaa sirriittan hubadha jedheen amana.

 Lafa kubbaatti, dargaggoota baay'etu ba'e. Wanta nama jajjabeessan keessa kubbaan miilaa isa tokko ture, garuu sagantaaleen biroo "Oromoon akkasiiyi?" kan nama jechisiisan turani. 

Balaa Naannumaafi Amantummaa


Walga'ilee Waldaa Maccaaf Tulamaafaa dur warri biyyatti deemtan yoo jiraattan, wantoota ittiin walgahiin sun banamu keessa sirba "tokkummaa yaa ilmaan Oromoo tokkummaa...Oromummaa qofaan walittaa firoominuu" jedhuuni. Garuu, biyya ambaatti waldaalee amantii kan akka manneen sagadaa Kiristaanaafi Islaamaa irraa eegalee, namoonni irra guddaan kan walitti firooman lagaafi amantiidhaan ta'uun hubadhe. Kuni na gaddisiise. Sabaahimaalee Oromoo biyya Ameerikaa keessatti nam-tokkeeleedhaan geggeefamanillee gandummaafi amantummaa irratti hundaa'u. Reediyoonnoni Hawaasaa fedhii lagaatiin too'atamu. Keessummonni Televiziyoonaafi reediyoorratti kan affeerraman yoo ulaagaa lagaa,  amantiifi ilaalcha siyaasaa "gaazexessaa" waliin fira ta'an qofa. Oromummaan qofti gahaa miti jechuudha keesumuma sabaahimaleerree filachuurratti. 

Afooshaalee warri uummatan haala nama qanessuun haaluma naannoo calaqqisiisuni. Kuni naannoo Waashingtanittis haata'u Minisootaa akkasumas Kaanadaa keessatti waan baramaadha. Rakkoolee  gurguddaan akkasiin walitti dhufuun uumu keessa tokko ummata iddoo lakkoofsanuu himamee dhumuu hindadeenyetti qoqqoodudhaan tokkummaa sabichaa laaffisuudha. Otuma wanti kuni dhugaallee ta'uu baate, akkasitti walitti dhufuun nama alaa laalurratti sabni kuni egeree/fuuldura/hiree tokko tahe jalatti dhugumaan ijaaramee argamuu dhiisuu isaati. 

Namoonni dhuunfaan akkuma barbaadan ummatarra naanna'anii horii walittibuusisu maqaa qabsoofi maqaa ummatichaan. Horiin sun essa akka galuufi hojii maalirra akka oolee sakatta'a/herreega namini irratti geggeessu hinjiru. Kiisiidhuma namootatti baqee hafa haala tokko tokko keessatti. Yeroon akkuma darbuun, namini horii kennus waan hiraanfatuuf omituu dhimma hinqabu hordofuuf. 

Sagantaawwan bashannanaa kan akka sirbaa/hawwisoo/dhiichisa irrattillee naannummaa, amantummaafi ilaalchi siyaasa ummata gargar qoodaa jira. Weellisaan sun eenyu inni/ishiin? Eessa dhufe/te? Eeenyutu duuba jira? Amantiin isaa maali? Nama keenyaa? faa jechuun iyyaafate dhaqa gariin. Kuni waanan qabatamaan daawwadhe. 

Rakkoolee Dhaabbilee Siyaasaa Oromoofi Hoggantoota Isaanii 

Dimshaashumatti dhabbileen siyaasaa Oromoo biyya ambaa amaloota kanneen qabu: (1) warra kaayyoo ganamaatti cichanii Oromiyaa bilisoomisina jedhan; (2) gareewwan Itoophiyaa dimokiraatessina jedhanii ABO irra foxxoqanii as ba'an kan akka Adda Dimokiraatawaa Oromoo (ADO) faa.

 Warri kaayyootti cichina jedhan waan hojiirra olchanirra waan waada galaa olantu caala; hoggantoonni tokko tokko ummata kana hogganuuf beekumisa, kaka'umsafi ogummaa gahaa hinqabani--warra dorgomanii  yaada, tarsiimoofi imaammata haaraa burqisiisanii miti. Akkamitti moo'uu dandeenya jedhanii waan yaadan hinfakkaatu. Warri Itoophiyaa dimokiraatessina jedhu, fedhii dhunfaafi garee faana bu'uu kan caaluu kaayyoo guddaa hinqabani. Akka amaloota namoonni galma walgahii dhabbilee siyaasa kanneen keessatti agarsiisanirraa hubatamutti, namoonni yeroo hunda wal dura dhabbatu ykn qaamaan/umnaan walittibu'uu dabalatee. Walitti-bu'iinsa deggartoota ABOfi deeggartoota ADO gidduutti  Kalgaarii Kaanadatti ta'e fakkeenya gaariidha. ADOn kan uumameef, akkuma Jiijjiiramini ummata Oromoo walduradhaabee ummata qoqqoode waldura-dhabuun wal akka lolu/ha'u gochuudhaafi. 

ABOn immoo yoo fudhannee laalle, hojiin isaan hojjechaa jiran hojii mirga dhala namaaf falmuu yoo ta'e malee akka riphee loltootatti tarsiimoo haarawa baasanii ummata sochoosanii hidhachiisuun akka qabsaa'u  godhanii hinargamani. Dantaa dhabaafi ummataafillee haala barbaachisuun alagaatti himachuu warra hindadeenye tokko tokkotu jira.

Fuudhafi Heerumaafi Walitti Dhufeenya 

Fuutifi heermuti jaarruma kana keessattuu, sarara amantiifi naannoo hordofa  irra caalaan isaa. Namoota sarara kana keessaa ba'anirra qoqobbi adda addaatu godhama.Dorsisa miseensummaa lagaa keessa baafamuufaa dabalata.   Silaa godinaaleen Oromiyaa fuudhafi heerumaan osoo walitti hidhamanii, waa'ee tokkummaafi Oromummaa afaan guuttatanii haasa'uun nindanda'ama. Sun ta'aa hinjiru. Intalaafi ilma isaanii sababii amantiifi naannootiif akka walhinfuune namoonni godhan lakkofsi saanii baay'edha, akkan dhagayetti. Dhiigaan walitti hidhamuun yoo hinjiraatin, waa'ee tokkummaa akkamiin akka haasofinu naaf hingalu. 

Dhugaa dubbatanii bakka namatti lixe buluu wayya fafakkeessanii gochoota idda gadifagoo hinqabine hojjechuurra. Dhadhabbiiwwan saba biyya-ambaa keenyaa kun akka fooy'an gochuuf irra dibanii bira darbuun balaa guddaa qaba hiree waloo keenyarratti. Bakkoota laakkoofinee fixuu hindadeenyetti qoqqoodamaa jirra.  


Xumurarratti, haala amma deemuun yoo itti fufine, gabrummaa bara baraa numatu ofiratti fee'ee hafaa jira. Dhibbaan filannoo akkasii guddaadha. Faranjoonni hayyoota Habashaa wajjin hidhata qaban barruulee qorannoofi kitaabota barressan keessatti, Oromoon bakka sadi'itti qoodanii laalu: warra biyya bilisoomtee (Oromiyaa) arguu barbaadan; warra aadaadhaaf dursa kennan; warra Itoophiyaa dimokiratessuuf maxxananii jiraachuu barbaadan. Ani qorannoo akkasiin nan morama; hinfudhadhu. Gareen akkasiitti gargar nu baasuun dogoggora guddaadha sababii ummata keenya qoodurratt xiyyeefateef. Hayyootumiti keenya tokko tokko illee holola alagaan ittiin nu qoqqoodu kana akka dhugaatti fudhachuun bakka heedduu olitti eeramanitti walqoodanii argamu. Jecha biraatiin, gareeleen kunneen hiikaa dhokataa "Oromoon ummata tokko miti" jedhu  calaqqisiisu. Dhugumaan akkasitti of mul'isuu qabina turee? Eeenyutu nu dirqisiise akkasitti caccabuu keenyaaf? 

Haalli ummanni ambaa keessa jiru cabaa, caccabaafi baqaqaadha. Ummanni Oromoo biyya jiru of bilisoomisuu yoo barbaade, gonkumaa biyya-ambaa akka fakkeenyatti fudhachuu hinqabu. 

Dhibbaan qoqqodamuu kun alagaa biratti Afaan Oromo illee akka afaan tokkotti hinlaalmine godhee jira. Namoonni tokko tokko Amerikaattuu maqaa daldala isaanii amariiffaan katabu.   Naannoofi amantii qofaan walitti kan firoominu yoo ta'e, maqa-xuressuu alagaan nuratti godhaa jiru komachuuf mirga maalii qabina? Numatu ofitti fide waan baay'ee.  Haala amma jiru fudhatanii akkasiin ittifufuu yaaluun barabaraan akka garbaatti qoqqodaminee jiraachuu filachuudha. Guutumatti baduunis nijira haala keenyarraa kan ka'e. 

Ummanni Oromoo ykn waliin ka'aa ykn waliin bada 

Haalonni rakkisoon akkasii haajiraatan malee, ammayyuu rakkoolee kanarra aanuuf yeroon isaa hindabarre.  Dhugaan isaa kana: horteen,gareen, amantiinifi latiinsi Oromoo tokko qofti kophaa isaa ka'ee ofis ummatas bal'aas bilisoomisuu hindanda'u. Haalli amma keessa jirru keessatti nu arguudhaaf nyaaphini keenyallee nigammada. Karoora diinaa diigaa bakkabu'oota isaanii taanee ofirratti hojiirra oolchaa jirra. Waan nama dhibu.  Fedhiin isaaniis akkasitti qoqqoodaminee, ukutoofineefi laafinee ummata kolfaa taanee banne akka hirraanfataminu ta'uun walnu hinhaalchisu. 

Oromummaa qofaan walittaa haafiroominu!
Ummanni Oromoo hiree tokkoof biyya tokko qaba--Bilisummaafi Oromiyaa!




No comments:

Post a Comment