Tuesday, November 12, 2013

“ABOn lola ittisaa irraa gara jijjiirraa fiduutti tarkaanfachaa jira,” Jaal Daawud Ibsaa

(Oromedia, 12 Sadaasa 2013) Ayyaana FDG bara 2013, Canada, Torontotti kabajame irratti karaa toora skype sududaan dhiyaatanii ibsa kallattii haala ABOn keessa darbee fi yeroo ammaa keessatti argamu kan kennan Hayyuduree ABO, Jaal Daawud Ibsa, ABOn duula badiinsaa itti aggaammatame karaa hedduu ofirraa qolachuun qabsoo hidhannoo fi diplomaasii jijjiirraa hundee fidu gaggeessuutti akka jiru yaadachiisaniiru.
Keessayyuu, baroota 1990moota keessa duulli itti baname kan sadarkaa olaanaatti jireenya dhaabichaa qormaata keessa galche ta’uu kan ibsan Jaal Daawud, haleellaa fi shiroota sadarkaa addunyaatti ABO dhabamsiisuuf itti baname ofirraa deebisuun qabsoo of-ittisuu irraa gara jijjiirraa fiduutti tarkaanfachaa akka jiru illee hirmaatotaaf mirkaneessanii jiru.

=>oromedia

No comments:

Post a Comment