Tuesday, November 12, 2013

Sadaasa 9, Guyyaa FDG Ilaalchisee Ibsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo


Finfinnee, Oromiyaa
Gabaasaa Galmee Sabboontota Oromoo Kanneen Bara Tokko Keessatti Hidhaman, Ajjeefamanii fi Bakka Buuteen Isaanii Dhabamee
(Sadaasa 2012 Irraa Hanga Sadaasa 2013)
Uummatni Oromoo sirna bittaa Wayyaaneef tole jedhee guyyaatti gabrummaa of irratti ilaale hin qabu. Uummanni Oromoo diddaa sirna cunqursaa kanaaf wareegama baroota 21 keessatti baase kan lakkaawamee dhumu miti. Oromiyaa keessatti sabboontota gaaffii mirgaa kaasan yeroo irraa yerootti mootummaa Wayyaaneen adamfamanii mana hidhaa adda addaa keessatti ugguramuun aadaa bulchiinsa EPRDF ta’uun beekama.
Bara tokkoo as Sadaasa 9, 2012 irraa eegalee hamma Sadaasa 9,2013 waggaa tokko keessatti sabboontotiin Oromoo FDG gaggeessaa jirtu jechuun mana hidhaatti ukkaamfaman lakkoofsaan hedduu ta’anis, gariis ajjeefamanii, gariin ammoo bakka buuteen isaanii dhabame. Walumaa gala Sadaasa 9/2012 irraa hanga sadaasa 9/2013tti FDG hedduun guutuu biyyaatti gaggeeffamaa bahe. Wayyaaneenis darara hidhaa fi ajjeechaa gaggeessaa ture. Bara kana keessa qabsoo bilisummaa Oromoof jechaa kanneen hidhaman, ajjeefaman yaadachuu fi sabni keenya adduunyaa irra jiru mirga qabsaawota kanaa bakka hundatti akka falmuuf jecha Sochiin Dargaggoota Oromoo Biyyoolessaa (Qeerroo Bilisummaa) galmee qabsaawota hidhamanii, ajjeefamanii fi bakka buuteen isaanii dhabamanii yeroo fi bakka irraa hidhaman waliin akka armaa gadiitti gabaasa.

Dokumenti Guutuu


No comments:

Post a Comment