Sunday, November 17, 2013

Ibsa Ijjannoo hirmaattota MiseensootaTBOJ fi Hawwasa Oromoo Biyya Jarmani, Frankfurt

Guyyaa Finciilaa Diddaa Gabirummaa (FDG)
FDGFrankfurt6
Tokkummaa Barattoota Oromoo Jarmanii (TBOJ) Sadasaa 10 bara 2013 saatii 13:00 irraa egalee waaree booda amma saatii 19 :00 magaalaa Frankfurt, galma Universitii Joon Volfigaang kessatti haala owwan geggefame milkiin xumuramee jira. Kaayyoon waligayii: 1ffaa Guyyaa FDG kabajinee ooluuf akkasumas waadaa QBOf gale haaromffachuuf fi QBO waan dandeenyen uttubuuf 2ffaa haala qabsoo bilisummaa Oromoo (QBO) yeroo ammaa irratti mariyatuun hubannoo siyasaa argatuu ture.
Walgayiin kuni ergii Eebbaan mangudoon banamee boodee, Alaabaa teenyaf Jaallan keenya warren FDG irrati lubbuu isaan darbef shamaa qabsisuun faaruu alaabaa Oromiyaa gamtaan farffamee, booda miseensi gumii sabaa Adda Bilisummaa Oromoo (ABO), Jaallee Aster Gammadaa mata duree “Guyyaa Finciilaa Diddaa Gabrummaa fi walumaa galati haala QBO keessa turteef keessa jirtuu” ibsaa balinaan hirmaatota waligayiif dhiyessan. Itti fufuun Obbo Dejanee Abdisaa “Disproportionately Torturing of Oromos in Ethiopia” mata-duree kana jalatti haala garaa jabinaan mootummaan Ethiopia ajeechaa fi hiidhaa akkasumas jireenyan mankaraarisuu Umataa Oromoo irrati gageessaa ture fi jiru akkasumas Oromoo Biyya baqatee ree akka duuti isa irra gaha jiru ibsaa balaa hirmaatoota walga’iif xiinxala siyaasaa dhiyesaniru. ibsa kennun ergi xummuramee booda hirmaattooti walgayiis gaaffiilee fi yaada ijaaroo dhiheessuun mariin gadi fagenyaan mata duree lamanuu kana jaallan dhiiyaate.
Ibsa ejjennoo
Nuti miseensotiin TBOJ fi hawaasa Oromoo walgayii Guyyaa FDG kana hirmaannee ture haala siyaasaa QBO irratti ergi mariyanneen booda, ummata Oromoo fi Oromiyaa sirna gabiromfannaa (kolonii) bara ammaa motummaa Habashaa, gartuu wayaaneen (TPLFn) hogganamaa jiru, jalatti gidirfamaa jiru bilisomsuuf qabsoo hadhooftuu hogganummaa jaarmaa ABOn geggefamaa jiru gutummaan tumsaa, gumaata nuu irraa barbaadamu gama maraan kennuuf qophii ta`uu kenya ni mirkaneessina.
1. QBO hirmannaa ummata Oromoo fi hogganummaa ABOn geggefamaa jiruu ni deggerra!
2. Qabsoo hidhannoo, siyasaa, fi dipilomasii ABO geggessaa jiru diinagideen ni utubna!
3. Qabsoo fincila diddaa gabirummaa karaa qerroo Oromiyaa, barattotaa, fi ummata Oromoo geggefamaa jiru waan nu irraa barbaachisu maraan ni tumsina!
4. Sagalee QBO haala hundaa kessatti firotaa fi dinoota ni dhageessifina!
5. Saamichaa fi shororkaa ummata Oromoo irratti dinoti fi farreen QBO raawataa jiraatan injifachuuf hubannoo fi kutannoon sagantaa QBO milkomsuuf heera jaarmaa ni tiksina!
6. Hogganummaa jaarmaalee QBO itichuun (qindeesun) ilaalcha siyaasaa tokkoomeen (walitumsuun) qabsaawuf waamicha ABO labsee ni deggerra!
7. Yakkoota dhittaa mirga-namomaa fi Ajeechaa fi dhaabin nama mankaraarsuu ummata Oromoo irratti karaa motummaa gabironfataa TPLF (wayaanee) raawatamaa jiru ni balaaleffanna!
8. Hogganummaa motummaa wayaaneen yakkoota dhiittaa mirga namaa ummata Oromoo irratti raawatamaa jiru hambisuuf akka hawaasoti Adunyaa dhibbaa godhan ni gaafanna!
9. Lammii Oromiyaa kanneen meeshaa motummaa TPLF ta’uun yakkoota hiriyaa hin qabne ummata Oromoo irratti raawachisuun sirna motummaa Habashootaa tiksuuf boojiyamtan akka gara moraa QBO makamuun mirga abbaa biyyummaa ummata Oromoo kabachisuuf qabsooftan waamicha ilaalcha Oromummaa hundeefate isiniif erginerra!
Gadaa.com
Injifatnnoon ummata Oromoof!
Hirmaattota Walga’ii guyyaa FDG miseensaa TBOJ fi akkasumas Hawwas Oromoo (Jarmanii, Frankfurt)

FDGFrankfurt

FDGFrankfurt2

FDGFrankfurt3

FDGFrankfurt4

FDGFrankfurt5
FDGFrankfurt7

No comments:

Post a Comment