Sunday, November 17, 2013

Mootummaan wayyaanee duula hidhaa gaggeessuu itti fufe. Ilmaan Oromoo kitaaba Afaan Oromoo dubbisanis qajeelfama ABO dubbisaa jirtu jedhamuun hidhamaa jiru

Mootummaan Wayyaanee duula hidhaa gaggeessaa kan as gahe ammas jabeessuun dargaggoota Oromoo yakka tokko malee hidhuun rakkisaa jira.
Godina Horroo Guduruu wallaggaa aanaa Abbay Coomman keessattis dargaggoota Oromoo isin meeshaa waraanaa dhoksaan qabdu maqaa jedhuun duula hidhaa gaggeessaa jira. Meeshaa waraanaa kana ABOtu isinii kenne jechuun sakatta’insa jabaa duulaan gaggeessaa jira. Barataa kutaa 10ffaa kan tahe Barataa Dabalaa Hirkoos ati boombii qabda baasi jechuun reebanii miidhaa jabaa irraan geessisanii jiran. Mootummaan wayyaanee duula hidhaa gaggeessus gaaffiiwwan mirgaa irraa kan nu dhaabu humni kamuu hin jiru jechuun dargaggootni Oromoos guutummaan qabsoo jabeessaa fi waamicha walii dabarsaa jiran. Jala deemtotni mootummaa wayyaanee duula hidhaa kana gaggeessuu gooftolii isaanii irraa kan fudhatan yoommuu tahu uummatni gamtaan dura dhaabbachaa jira.
Duula sakatta’insa manaa fi karaa irratti jabaateenis uummatni Oromoo qabsoo irraa duuba akka hin deebine qeerroon Horroo Guduruu addeessee jira. Haaluma wal fakkaatuun Godina shawaa Kibba lixaa Alamganaa keessatti ilmaan Oromoo kitaabawwan afaan oromoo dubbisan qajeelfama ABO dubbisaa jirtu jedhamuun hidhamaa jiru. Haala kanaanis Obbo Baqqalaa Aangeessaa jedhamu kitaaba Afaan Oromoo SAFUU jedhu osoo dubbisuu mana hidhaa mootummaa wayyaaneetti darbamee qorannoon rakkachaa jira.

No comments:

Post a Comment