Tuesday, November 19, 2013

Roorroo Abbaatu Dhoowwata!

Jiituu Lammii – Unbarsiitii Finfinnee
“Karaa nama yartuu sareen abidda qaqqaammatti.” jedha Oromoon yoo mammaaku. Akkaataa duudhaa Oromoottii, Uumaafi uumamni, jiruufi jireenyi, hangafaa quxusuun, dufaa darbaan, dhiyaa bariin,…. Hunduu safuu qaba. Safuutti bula. Kanaafidha hagamuu jaalatanillee kan sareen gulantaa ol tarkaanfattee namaan qixxee abidda bira hinteenyeef. Kun safuudha! Safuu sabaa eegun ammoo matuma isaattuu ammas safuudha. Kanaaf safuudhaan safuu keessa jiraatu. Maammaaksa olii yoo ilaallu irra keessoon isaa safuu kana tiksuuf. Keessa isaatti garuu dhugaa fageessee akeekutu jira.
Mammaaksi koobaa dubbiitii isaa koobaa beekutu qalbeeffata. Irra keessoo namaatiif dubbii hinmammaakani. Gamna aqlii qabuuf ammoo mammaaksa hiniikani. Abbaatu haala dubbichaa keessaa dhimbiibee baafata. Kanaafan faana mammaaksa kiyyaa isinuumaaf dhiiseen gara waliigala dubbii kootti fuulleffadha. Roorroon salphina dhala. Salphinni dhukkuba. Huuqqisee, yuuyyesseetu cabsee nama hambisa. Kana abbaatu alaalatti ofirraa eega. Kanaaf akka namuu dagatee roorroofi salphinni ulaa isaatiin biyya hinseenne yaadachiisuuf buleessi Oromoo dubbii kana dhalootaaf mammaake.
Sareen uumamaan akkatti namatti siqxu qabdi, eegee mirmirsaa, sagalee sossobbii dhageessisaa, mataa gadi qabattee miila arraabaa namatti siqxi. Sana booda yoo dagataa argatte gulantaa tarkaanfattee gola seentee maatii gidduu teessi. Salphinni dagannaa namtokkeetiin mana seente maatii hunda yeellesiti. Ulfina lammii laaffisuu malti. Namni laaffina isaan qaawwa akkasii uumee, sarittiif karaa saaqee, lammiitti salphina galche nama qaaniiti. Kanaaf jibbama. Rakkoo akkasii maqsuuf jecha beekaan dursee namaaf akeeka. Kana dagatanii kan mammaaksaa ta’uun matuma isaattuu ammas qaanii biraati.
Ulfinni sabaa baraa barattuu tikfamuu qaba. Kanaaf dhaloonni bara hunda keessayyuu jiraatu ulfina kanaaf tiksee ta’uu qaba. Nama ulfina ofii tikfachuu malutu ulfina sabaa eeguu danda’a. Kanaaf dubbichi dubbii seenaa kaleessaa ittiin yaadatan qofa otoo hintaane dubbii har’aa borullee ittijiraatan ta’a. Caalatti ammoo, sarittiin yoomuu balbala namaa duraa hinfagaattu waan ta’eef jabaatanii ofiis salphina of oolchanii sabattis kabaja horuun yoomuu dirqama qalbii namaarraa fagaachuu hinqabne ta’a. Madaa kaleessaa har’allee sabni kun ittidhukkubsataa jiru fayyisuufis ta’ee, madaa biraa saba oolchuuf dhaloonni hundi mataa mataan roorroo dhoowwachuu qabna. Kuni dhugaadha. Dhugaa kana keessatti of eeguuf madaalliin kan abbaati.
Gara ijoo dubbii kiyyaattan deebi’a. Diinni akkuma sarittii qaawwa laaftuu ilaallatee gola nama seenti. Hanga gola namaa seentutti: eegee mirmirsitee, sagalee toltee, gadi jettee jilba nama qabatti; miilatti nama kuftee garaa nama laaffiffachuu yaalti. Erga gola nama seentee booda eenyummaa ishii dhugaatti deebiti. Ishuma akka sarittiitti ol aseentetu akka leencaa bookkisuu jalqabdi. Ishuma miillatti nama kuftetu akka qeerransaa hudhaasuuf morma nama kajeelti. Ishuma akka saree ifatanii ofirraa hari’uu danda’antu tulluu ta’ee rakkoo nama kaaya. Waanuma alaalatti ofirraa tiksuun danda’amutu boroo nama dhuunfatee, qarriiffaa muul’isee, gururi’ee dheekkamee nama ciniina. Bubbultii keessa manaa nama hari’a. Akka daanawoo gumbii boqqoolloo seentee ilmaan hortee ulfinaafi kabajaa bara dheeraaf horatan qinqineessitee duwwaa nama dhaabdi. Foolii yakkitee, bifa nama jijjiirtee, firaa lammii nama lagdee moggaatti nama gatti. Gaafas quba namatti qabee isa hinagarre agarsiisaa kolftee namatti kofalchiifti. Saree lallaaftee mana seentetu saree akka saree manaa nama baasa. Salphina sanatu isa kana. Kanaaf kan abbaan ulaa isaarratti jabaachuu qabu.
Firoota kiyya, yaada waliigalaa kana erga qalbeeffannee booda dubbii buruksinee ilaalu qabnutu jira. Diinonni amala sarittii kanaan fakkeeffamu qaban gola “namoota jajjaboodha.” jedhamaniille otoo hinafne seenanii ulfinaafi jaalala isaan gatii qaaliin qalbii lammii isaanii keessatti horatan harkaa fixanii, foolii yakkanii, bifa geeddaranii salphinatti dhiisanii yoo deeman waa hedduu yaadannoo qabna. Kaayyoofi akeekni isaan namoota akkanaa adamsaniif tooftaa kanaan gurmuu Oromummaa laaffisuudha. Kanaaf dhimmichi “…dhimma abbaati…” jennee ittidhiisuu dadhabne. Dhugaaf yoo ta’e, gamtaan Oromoo sadarkaa gateettii namtokkeetiin utubamu bira darbeera. Ta’us garuu diinni hojii kana abdii kutee dhiisuurra bifa geeddaree, darbaa wal furee hojiitti waan jiruuf salphifnee ilaalla yoo ta’e jaraaf milkiidha.
Oromoon roga hedduun namoota adduunyaarratti ulfina guddaa qaban horachaa jira. Kuni diinaaf dhukkuba. Kanaaf saroota bobbaasanii namoota akkanaa adamsanii gola Oromoo keessaa moggeessuuf carraaqu. Carraaqqii isaan dhiyeenya kana ittijirantu yaada kana akkan kaasu na taasise. Dubbichi gabaabumatti akkana. Waggaa 50mmaffaa Aartisti Alii Birraa hojii muuziqaa ittijalqabe yaadachuuf akkasumas ulfina hayyuu kanaaf jecha ayyaanni guddaan biyyoota alaa akka USA Waashingiton DC fi Kanaadaa Torontootti qophaa’ee Oromoonni naannichaa ulfinaaf jalala hayyuu kanaaf qaban muul’isanii ture. Ergasii diina garaan hintolle. Rafaniis hinbulle. Aliif “Ayyaana” qopheessuuf isaanis kufanii ka’aa jiru. Ayyaana diinaa! Jarri kun Oromoof diina. Aliin ammoo hayyuu Oromooti. Nama waggaa shantamaaf aarsaa qaalii baasee Oromoof sagalee ta’e. Herreega maaliitiin jarri kun Artist Aliitiin jaalachuu danda’uree!? “Dhunguu harree duraanuu hinbarre” jedhan. Dubbiin kuni dubbii sarittiit. Akkuma sarittii sobanii sossobanii hayyuu kanatti seenuudha. Shira Oromoo Oromoon jibbisiisuuf qophaa’e ta’uu isaati.
Shira kana caalatti hubachuuf eenyummaa namoota “ayyaana” kana qopheessuuf Wayyaaneerraa muudama fudhatanii ilaaluun gaariidha.
1. Mahammad Qophee: Dallaala Wayyaanee Oromoo gabrummaa baqatanii hambatti kooluu galan sossobee diinatti maadaqsuuf hojjatu;
2. Letinal J/Baacaa Dabalee: Qondaala Wayyaanee dhiiga ilmaan Oromoo dhangalaasaa jiru;
3. (Artisti) Wubishet Warqaalammaahu: Habashaa mootummaa dhufee darbu hundatti maxxanuun sagalee Oromoo ukkaamsuuf hojjachaa ture har’as ittijiru;
4. Iqubay Barihee; Miseensa TPLF guddina Aartii Oromoo (fiilmii fi sirboota) ukkaamsuuf harka lafa jalaan hojjatu;
5. Dawwiti Yifru: Nama hogummaa muuziqaa qabu; akkuma warra kaanii dhimma Oromoorratti ilaalcha diinumma qabu.
Egaan, warra kanatu Kaampaanii Habashootaa “PRAXIS Midia & Promotion” jedhamu waliin ulfina Alii Birraa himuuf qophiitti jira. Saroonni kun bifa kanaan gola hayyuu kanaa seenuuf yaalii erga jalqabanii bubbulaniiru. Duulli inni kun duulaa ijibbaataati. Warra dhiigni ilmaan Oromoo harkarraa cophu wajjin ayyaana godhachuu dhiisii karaa tokkorrayyuu waliin darbuun gatii nama baasisa. Gatiin bahuuf jiru ammoo ulfina umrii guutuuf qalbii lammii ofii keessaatti kuufatan dhabuu ta’uun du’a caala ulfaata. Otoo akka ilaalcha kootii arjummaa diinaa duubni salphinaa didaniitu laphee saba ofii keessatti ulfinaan bara baraan jiraatu. Yoo akka koo kana ayyaantuutu argata. Ulfaatanii salphachuurra akkuma ulfaatanitti dhalootaan yaadatamaa hafuutu caala. Garuu, filannoon kan abbaati. Xumureera!!

No comments:

Post a Comment