Wednesday, November 20, 2013

Barattooti Yuniversitii Jimmaa Governance and Developmental Studies Kanneen Baratan Gaaffii Belbeltuu Kaasan.

“Mootummaan Wayyaanee bakka dimokraasiin hin jirretti dimokraasii lallaba,bakka mishoomi hin jirretti mishooma lallaba,iddoo nagaan hin jirretti nageenya lallaba” Barattoota Yuni Jimmaa
QerroooGabaasaa: Sadaasaa 19, 2013 Baratootni Yuunivarsiitii Jimmaa Mummee Baranota ”Governance and Developmental Studies” waggaa
tokkooffaa hanga waggaa sadaffaa barachaa jiran walitti dhufuun imaamatni barnota Wayyaaneen gaggeessaa jirtu, sirrii akka hin taane ibsuun ifatti mootummaa EPRDF balaaleffatan.
Imaammatni barnotaa Wayyaanee TPLF fi EPRDF baasee ittiin ummata barsiisu biyyattiis ta’e uumataaf faayidaa kan qabu osoo hin taane dabballoota sirnicha tajaajilu oomishee akka baasu kan gargaaru qofa ta’uu hubachiisan. Lammiileen biyyaattiis ogummaa qabaniin uummata isaanii tajajilanii ofis kan gargara jiran miti.
Yeroo ammaa kanatti baratootni dhaabbiilee olaanoo biyyaatti hunda keessaa waggaa waggaatti baratootni kumaataman lakka’aman degree jalqaba fi lammaffan ni eebbifamu, garuu hojii dhabdee ta’uun jiruuf jireenyaan dararamaa jiraatu.Gama biraan lafa dimookiraasiin hin jirreetti maqaa dimookiraasiin lallabuun lafa mishoomi hin jirretti maqaa mishoomaan lallabuun EPRDF haadhaabbatu kan jedhu kaasanii dabarsaniis department head mummee barnotaa ”Governance and Developmental Studies tti dhiyeeffatan. Gaaffii kana gaafachuuf kan nu dirqee yeroo hundaa biyyaa Ethiopia jedhamtu kan amma Wayyaaneen EPRDF gaggeessaa jirtu kana keessaatti ” barnoonni saayinsiin” barannuu fi kan qabataman argaa jirruu tasuma kan wal hin madaalle ta’uu waan hubanneef sirni kun lammii biyyaa kanaa midhaa jira malee fayyada hin jiru jedhuu baratootni gaaffii mirgaa kaasan. Barattoota Developmental Studies Jimmaa

No comments:

Post a Comment