Wednesday, November 20, 2013

Waamicha Hiriira Mormii (Oslo, Norway) – Sadaasa/November 22, 2013

Ilmaan Oromoo Oslo fi naannoo jiraattan hundaaf:
Akkuma hundi keessan quba qabdanitti lammiiwwan keenya biyya Saudi Arabia jiran miidhaan guddaan irra gahaa jira. Gocha raawwatamee fi raawwachaa jiru kana balaalefachuuf akka dhaabbatus gaafachuuf gaafa Jimaataa, guyyaa (Sadaasa/November) 22.11.2013 Embassy Saudi Arabia fi Ministeera dhimma alaa Norge fuulduratti IHOO’n hiriira mormii qendeessaa jira.Kanaafuu guyyaa jedhame kana sa’aa 10:30 bakka Trafikanten jedhamutti walgeeyna. Sa’aa 11:00 tti mormii keeyna Embassy Saudi Arabiatti, Drammensveien 102H, dhageessissun miidhaan lammiiwwan keenya irra gahaa jiru akka dhaabbatu haagaafunnu. Kara embassy Saudi deemuf trikk lakk. 13 qabachuudhan buufata “Nobels gate” jedhutti bu’uun ni danda’ama.
Ilmaan Oromoo Oslo fi naannoo jiraattan hundinuu hirmaattanii rakkoo lammiiwwan keenna irra gayaa jiruuf akka mormii dhageessiftan kabajjaan isin waamna.
Nagaa wajjin,
Koree, Ijaarsa Hawaasa Oromoo Oslo
E-mail: oromo@oromooslo.org
http://www.oromooslo.org
Bilbila: 99 55 79 06 (Guddataa)
92 69 13 72 (Dammalaash)
40 04 55 92 (Abbaadiimaa)

No comments:

Post a Comment