Wednesday, March 5, 2014

Diddaan Qeerroo Godina Addaa Finfinnee Keessaatti Jabaatee Itti Fufe!

Ammaan dura godina Addaa Finfiinnee A/Sulultaa,Akaakoo,Garba Gurraachaa fi Gullallee Gabir’eel keessatti diddaan sabboontota oromoon jabaatee akkasuma barattootaanis fincilli kan qabate gabaasaa turuun keenya ni yaadatama. Haaluam saniin wal qabatee gabaasaa Qeerroo magaalaa Sulultaa irra addeesaa jiruun Bitootessa 03 aanaa Gulallee Gabri’eel jedhamu keessatti barattootni mana barumsaa sadarkaa 2ffaa baratan gaaffiin yeroodhaa yerootti qeerroodhaan gaafatamaa jiru keessuma lafti oromoo hin gurguramin? barataan oromoo maalif hojii hin argatuu??? ilmaan oromoo maaliif mana hidhaatti dararamu yakka tokko malee kan jedhuuf dhiyaate ture keessatti deebiin hanga ammaatti kennamuu osoo hin taanee itti gochi kun mootummaa wayyaaneedhaan jabaachaa dhhufeera,hanga gaaffiin kun deebii argatutti nutis ta’e barataan oromoo kamuu barumsa dhaabuu qaba kan jedhu qabatanii diddaa kaasaanii jiru,Akkasuma magaalaa Akaakoo irratti manni barumsaa 1 hanga 8ffaatti barattootni osoo barsiisonni dhimma isaa adda hin baasin sochii sabboontota oromootiin gaggeeffameen mooraadhaa bahanii barumsa dhaabanii gara qe’eetti galanii jiru guyyaa lamaaf Bitootessa 02 irraa kaasanii,deebii dhaabuu gaaffii mirgaa hanga yoonatti gaafatamaa jiru sababeessuudhaan barattootni barumsa dhaabanii akka jiran akkasuma ammoo mootummaa wayyaanee balaaleffachuudhaanis sirna wayyaaneetiin hanga yoomitti gaggeeffamna kan jedhuun barumsa dhaabanii akka jiran Qeerroon gabaasee jira mana barumsaa kanattis qorannoo bal’aan gaggeeffamaa jira hedhu,sochiin Qeerroo diddaaf haalota mijeessuu dabalatee daran jabaatee itti fufa…


=>qeerroo

No comments:

Post a Comment