Wednesday, March 5, 2014

Ibsa Ejjannoo Walgahii Addaa TBOJ

jermanyNuti miseensonni Tokkummaa Barattoota Oromoo Biyyaa Jarmanii (TBOJ) walgahii addaa kan gafa Bitooteessaa 02, bara 2014 magalaa Nürbergittii adeemsifanne irratti dhimmoota wa’ee haala ijjaarsa keenyaa fi kan Qabsoo Bilisummaa Oromoon har’aa keessaa jiruu ilaallattan irratti maree bal’oo taasisuun murtee addaa addaa dabarsuun xummuurratneerra. Walgahii kanaa irratti baruumsaa fi haala yeroo ilaalchissee Miseensii Gumii Sabaa ABO J/Dr. Shigut Galata  dhaaba ABO bakka bu’un nu giddutti argamuun ibsa bal’aan nu keennamee jira. Haala amma TBOJ Keessaa jiruu ilaalchissee karaa Dura ta’aa fi Barreessaa Damee Würzburg fi nannoon   J/Gamachuu Fayyisaa  fi J/Obsa Adam  wal duraa duubaan ibsaa  kennameera.
Itti aansuunis walgahichi dhimmoota armaan gaditti  irratti murtee dabarsuun xummuurame:-
1.     Deeggarsa QBO irratti
Nuti miseensonni TBOJ Walgahii kanaa irratti qooda fudhannee QBO kan kallacha qabsichaa ABOn hoogganamu of qusannaa tokko malee kan  ca’aa tokko irra eegamuuu maraan kan cinaa dhaabbannu ta’uu ammas irra deebinee waadaa seenne haaromsina. Sochii Qerroo kano bifaa fi haala qindoomina haaraatiin finiinaa jiruu fi Waligalaa kan dhaabnii ABO kallachumman gaggeessaa jiru jabinaa fi murannoon wan dandeenyuu maraan kan deeggarru ta’uu beeksifna. Gachannii Ummataa Oromoo, WBOn, daran tarkanfii isa akka cimsaatuu wan qabnuu fi dandeenyuu maraan biraa dhaabbannaa.
2.     Balaaleffannaa Mootummaa Impayeeraa Ityophiyaa kan ABUT-tin Hogganamtu
Miidhaa Mootummaan Impayeeraa Ityophiyaa  kan ABUT-n hogganamutuu uummata keenya irraan gahaa jiru ni balaaleffanna, ni mormina, kara dandeenyu maras  dura dhaabbannaa.
Akeekaa fi karooraa duguuggaa sanyii (policy of Genocide)  ummataa keenyaa fi uummatoota cunqurfatamtoota addaa addaa irratti Mootumman TPLF geeggessaa jiru  ni balaalleeffannaa. Yakkamtoonni sirna wayaanee miidhaa akkasii qaqabsiisan hatattamaan akka seeratti dhiyaatanii  itti gaafataman Biyyootiin Demokratawwaa fi Jarmooleen mirgaa dhalaa namaaf falmaani akka dhiibbaa godhaan ni gaafanna.
3.     Hariiroo mootummaa TPLF fi kan biyyoota Ollaa ilaalchisee
Biyyoonnii ollaa Itiyoophiyaa  tokko tokko hariiroo mootummaa Wayaanee faana qaban hal duree tarkaanfii fi sirna mootummichaa kan hin xiinxaalle tahuu irran kan ka’ee Waligaltee idilee adunyaa tokko tokko caabsuun midhaa dangaa hinqabnee geessaa jiru.
Keesumaayyuu mootummoonni biyyoota akka Somaliland fi Keeniyaa Waligaltee Adunyaan qabduu faalleessaa yeroo yerootti baqaataa Oromoo dabarsaanii Mootumaa TPLF-tti keennun badhii tahuu hubataanii fuulduraaf  dalaga akkasii irraa akka of qusatan cimsinee gaftnaa.
4.     Waamicha
Tokkummaan Barattoota Oromoo Biyya Jarmanii diina miidhaa fi jibbiinsi isaa saba keenyaaf daangaa hin qabneef hojjattanii fi akkasumas bira dhaabbattan, dalagni keessan uummata keessaniif miidhaa ammamii fi akkamii akka qabu xinxaltanii hubachuun harka diinaa jalaa of baaftanii gara mooraa QBOtti akka deebitan waamicha keenya cimsinee isiniif dhiyeesina.
Tokkummaan humnoota QBO yoom iyyuu caala barbaachisaa fi murteessaa ta’uun isaa hubatamaa dha. Kanaafuu  araaran moraa qabsoo Bilisummaa Oromoo gabisuuf tokkummaan  jarmoolee kan kayyoo irratti hunda’ee kan kanaan dura jalqabame jiruu xumuraa itti gochaa kan hafeess fuulduratti akka cimee itti fufuu fi babal’atu qaamota dhimmi kuni isaan ilaalu maraaf waamicha keenya ammas irra deebinee dabarsina.
Dhuma irrattis tumsii fi tokkummaan saboota cunqursaa jalatti kufanii argamanii kan galii kaayyoo qabsoo isaanii as dhiyeessu akkasumas kan diina immoo naasisuu fi bir’uu guddaa irraan ga’u ta’uu isaa hubatamee, Hariiroon tarsimoo irratti akeekkatee akka cimu qaamonni dhimmi isaa isaan ilaalu akka irratti hojjatan waamicha keenya dabrsinaaf. Baruumsa barbaachisu kennuu fi haala gamtaa akkasii mimijeessu bakka hundattii fi qaama hundaan akka irratti hojjatamu jechuun ergaa keenya dabrfanna.
Injifannoon Uummata Oromoof!
Hirmatootaa Walgahii addaa TBOJ, Nürnberg, Bitooteessaa 02, 2014

No comments:

Post a Comment