Thursday, March 20, 2014

Godina Gujii mana barumsaa Shaakkisoo keessatti diddaan mootummaa Wayyaanee irratti jabaatee itti fufe.Wayyaaneenis diddaa dura dhaabbachuuf kaan rasaasaan rukkutaa kaan Jumlaan mana hidhaatti guuraa jirti.

Gabaasa Qeerroo Gujii Bitootessa 19,2014
Qeerroo OromiyaaDhiibbaan mootummaa Wayyaanee ilmaan Oromoo irraan gahu jabaachaa kan dhufe tahus diddaan Uummataa fi Ilmaan Oromoo Godina Gujii aanaa Shaakkisoo mana barumsaa Shaakkisoo sadarkaa lammaffaa fi qophaa’inaa keessatti jabaatee itti fufe. Mootummaan wayyaanee gaaffii Uummataa fi barattoota Oromoo saaminsi warqee haa dhaabbatu, Ilmaan oromoo qabeenya isaanii irraa fayyadamtoota haa tahan malee miidhamtoota tahuu hin qaban kan jedhu dura dhaabbachuuf wayyaaneen barattootaa fi Uummata rasaasaan tume. Ilmaan Oromo rasaasa mootummaa wayyaaneen rukkutamanis
1. Dargaggoo Bezzaabbish Gurmeessaa
2. Dargaggoo Dastaa Waaree
Barattootni baay’inaan shantamaa ol tahan mana hidhaa mootummaa Wayyaanee keessatti kan ukkaamsaman yoommuu tahu, kanneen keessaa
1.Barataa Caarii Caanaa
2. Barataa Ahmed Waariyoo
3. Barataa Booruu Duubee
4. Barataa Nageessoo Geedoo
5. Barataa Geetachoo Damissee
6. Barataa Wandimmuu Areerii
7. Barataa Gammachiis Biluu
8. Barataa Jamaal Aagaa
9. Barataa Bayyanaa Jaarsoo
10. Barattuu Falmattuu Galgaloo
11. Barataa Balii Caaccuu
12. Barataa Bunoo Shaggoolaa
13. Barataa Shaambal Galchuu
14. Barataa Kiflee Areerii
15. Barataa Waaree Kottollaa
16. Barataa Badhaadhaa Jamaal
17. Barataa Kiflee Jiisoo
18. Barataa Hoteessaa Sooree
19. Barattuu Caaltuu Birbirsaa
20. Barataa Guyyoo Bakkalchaa
21. Barataa Tamasgeen Addunyaa
22. Barataa Sanyii Dinqaa
23. Barataa Bakkalchaa Oddoo
Keessatti argamu. Mootumman wayyaanee diddaa gaggeeffamaa jiru dura dhaabbachuuf duula hidhaa Jumlaan gaggeessitus diddaa jabaatee itti fufuun mootummaa wayyaanee dhiphina keessa seensisee jira. Mootummaa wayyaanee butute harka wal qabannee dhuma itti haa goonuun dhaamsa qeerroo Godina Gujiiti.

Mormiin Sirna Mootummaa Wayyaanee Qabsiifame Gootota Barattoota Oromoo Yuuniversitii Jimmaan Itti Fufe Jira.



Gabaasa Qeerroo Yuuniversitii Jimmaa Bitootessa 17,2014
OromiaALutaContinua2011FDGBitootessaa 16/2014 Adeemsi FDG fi warraaqsi qabsoo bilisummaa Oromoo haala jajjabeessaa ta’een Qeerroo gootota baratoota Oromoo Yuunivarsiitii Jimmaatiin gagggeeffamaa jiru yeroo irra gara yerootti jabachaa jiraachuun ibsamera. Goototni Qeerroo baratootni Oromoo Yuunivarsiitii Jimmaa aadaa, seenaa fi gootummaa gotota qabsoo bilisummaa Oromoof wareegamanii tiksuu fi galmaan ga’uuf kan akeekkatan yoo ta’uu, Bitootessaa 15/2017 Qeerroon goototni baratootni oromoo kun gumii guddinaa fi dagaagina seenaa aadaa fi Afaan Oromoo keessatti hirmachuun qophii baay’ee ajaa’ibsiisa ta’ee mini Studeum mooraa Yuunivarsiitii Jimmaa keessatti qopheeffachuun waleelee warraqsan barnoota guddaa wal barsiisan, eenyummaa Oromoos ifatti mul’isuun
farsan, Walleelee warraqsaa kan dhiyeenyaa kana artistootni Oromoo lama sirban, kan Artist Shukurii ” Miniliik nuf diinaa yaa Teedii maal baacaa” jechuun sirbee fi kan artisti Qamar Yosuuf wallisee” Miniliiki binensa” jechuun wallisee Mooraa Yuunivarsiitii Jimmaa keessa nanna’uun dhiichisanii sirbuun uummataaf barnoota guddaa dabarsuun, diinota Oromoo fi habashaa miniliikiin dhaadattutti eenyummaa dargaggoota Oromoo fi uummata Oromoo ifatti diinatti soda tokkoo malee agarsiisan. Goototni ilmaan Oromoo kun lafeen lammiiwwaan koo bakka jirtuu iyyitee jechuun habashaan nurratti hin dhiichiiftuu, kanaan boodaa abbaan irree nu hin bulchituu, minilikii nuf diinaa gocha isaa ni beekna, hashaan habadhuma, Oromoon lamuu hin gowwominaa jechuun diina garaa guban, sochii sabboontota Qeerroo dargaggoota Oromoo kanatti wayyaaneen rifachuun humna poolisaa humna ol halkaniin
doorsisaaf mooraa yuunivarsiitiitti ol haa galchu iyyuu malee goototni baratootni Oromoo sodaa tokkoo malee Oromummaa , sabboonummaa fi eenyummaa Oromoo dabaree dabaree walleewwaan kanneen farsuun diinatti mul’isan.
Sochiin kun Bitootessaa 16/2014 jabaachuun itti fufee; guyyaa kana immoo sabboontotni fi Goototni Qeerroo baratootaa Oromoo Ayyaanaa Dhangalaasaa kan hordoftootnif Leelliftootni fi deeggartootni amantaa waaqeffaanna qopheessan irratti uuffata aadaa Oromoo godinaalee Oromiyaa garaagaraa uffachuun eenyummaa, fi aadaa isaanitti boonuun eenyummaa uummata Oromoo diinatti argisiisan. sagantaa kanaa booda Qeerroon baratootni Oromoo Yuunivarsiitii Jimmaa wal qindeessuun magaalaa Jimmaa fi Mooraa Yuunivarsiitii Jimmaa hunda keessa nanna’uun wallee warraaqsaa qabsoo bilisummaa Oromoo fi adeemsaa FDG argisiisuu sirbuun uummataa Oromoo Yuunivarsiitii Jimmaa fi Magaalaa Jimmaa keessatti argamuu garaa raasuun barnoota guddaa uummataaf dabarsan.
Haaluma kanaan uummaanni gariin baratootatti makamuun walleen warraqsaa itti fufe. yeroo kanatti walleen warraaqsaa Qeerroo Bilisummaa Oromoo gootota baratoota Oromoo Yuunivarsiitii Jimmaa fi Uummataan qabsiifamee addatti ABO fi WBO kan faarsuudha. qeerroon ” sirraa hin ollee WBO koo nan ture malee” jedhuu fi Ballammii yaa gurraacha garbuu WBO ABO beektaa qeerransa kutee bira darbuu” jechuun sabboonummaa fi gootummaa qabsoo bilisummaa oromoof qaban ifatti mul’ifatan addattis ABO faarsatan.Adeemsa warraqsaa qabsoo bilisummaa Oromoo jabeessuun waraana wayyaanee marsee gootota baratoota oromoo eegaa oluuf illee sodaa tokko akka hin qabneef argisiisan.
Mootummaan Wayyaanee haala kana irraa sodaa guddaa keessa
seenuun humna waraanaa qabuu fi poolisoota qabu magaalaa Jimmaa fi Yuunivarsiitii Jimmaa keessatti bobbaasuun eeggicha cimaa taasisaa jira.

Source: qeerroo

No comments:

Post a Comment