Tuesday, May 27, 2014

Caamsaa 20ni Guyyaa Bineessi Tokko Kufee Bineensi Caalu Aangoo Itti Qabate Malee Guyyaa Mirgi Ummattoota Itti Kabajamee Miti!

Baarentuu Gadaa | Caamsaa 27, 2014
Wayyaaneen caamsaa 20n guyyaa mirgi ummataa itti kabajame, guyyaa walqixxummaa fi dimookiraasiin itti dhugoome jettee erga hololuu calqabdee oolee buleera. Akkuma hunduu quba qabnu waggoottan 23n darabaniif “Caamsaa20n booda gaafiin mirgaa fi walqixxummaa ummattoota deebi’e,e jira!?” jechaa turteetti, ammalleen holola kana oofaa jirti. “Ergan ani dhufee misoomni iddoo hundattuu dagaage, ummattoonni fedhii fi hawwii isaanii hunda guttataniiru?” jechaas turteetti, jechaas jirti. “Nagaa fi tasgabbiin, guddinnii fi jijjiramni caamsaa 2on booda Itiyoophiyaa keessatti dhalate har’a ddunyaarratti dorgomaa hin qabunis” hololuma ishiiti!. “Mirgi ilma namaa kan dhalootaa fi dimookiraasii biyya Itiyoophiyaa keessatti ergan ani hangootti bahee deebi’eera” jechuun karaa midiyaalee too’annoo ishii jala jiranii of faarsaa olti. Dhugaan waggoota 23n bara bittaa wayyaanee kana keessa Impaayera Itiyoophiyaa keessatti muldhachaa turee fi jiru garuu akkuma hunduu qaba qabnu faallaa kanaati.
Waggoottan 23n bara bittaa wayyaanee kana keessa kan Impaayeera Itiyoophiyaa keessatti wayyaaneedhaan raawwatamaa turee fi jiru haangoon waraanaa, tikaa fi siviilii hunda Tigroota dhuunfachiisanii ummattoota biyyattii keessattuu saba guddicha baha Afirikaa (Oromoo) qophxeessuu dha. Dhala Oromoo, hayyuu Oromoo xiqqeessuu akka gadootti ilaaluu, hidhuu fi dararuudha. Qabeenya biyyattii keessattuu qabeenya saba Oromoo daangaa malee saamanii gama Tigraayitti guurudhaan Tigraayi misoomsuu dha!. Mirga sabootaa humna qawweetiin ukkaamsanii saamicha dhuma hin qabnee fi yakka sanyii balleessuu gaggeessuu dha. Kan waggoottan 23n darban keessa dagaage biyyattii misoomsuu fi guddisuu osoo hin ta’in Tigraayiin badhaadhsanii saboota biraa addatti ummata Oromoo hiyyoomsuudha, qayee fi qabeenya isaarraa buqqisuu dha, biyya isaarra saboota biraa qubachiisuun biyya dhablee godhuuf yakka dalaguudha!. Kan caamsaa20n booda Impaayeera Itiyoophiyaa keessatti mumame nagahaa fi tasgabbii osoo hin ta’in hidhaa, dararaa fi ajjeechaa dha. Gooltummaa mootummaa (state terrorism) dha. Haqni
biyyattii keessa jiru saboota obbolummaan baroota dheeraaf ollaa walii jiraatan gidduutti ibidda TPLF qabsiiftuun wal-waraansaa fi walitti bu’insa, ija shakkii fi diinummaatiin wal ilaaluudha! Dhugaan ummattoonnii biyyattii keessattuu sabni Oromoo caamsaa 20 bara 1991 booda beeku Itiyoophiyaa wayyaaneen bulaa jirtu keessatti namni gocha ishii mormee fi balaaleffate hidhamuu, dararamuu fi ajjeefamuu dha. Kan muldhachaa turee fi jiru sochii ummataa mirga umamaa fi dimookiraasiif taasifamu kamuu ennaa wayyaaneen weeraanaan dhaamsuu fi ugguruudha kaattuu dha!. Aadaan wayyaanee humna Tikaatiin eessa buutee namootaa dhabamsiidha!
Walumaa galatti dhugaan waggoottan 23 darbaniif ifatti Impaayeera Itiyoophiyaa keessatti muldhachaa turee fi jiru Ukkaamsaa, hidhaa, ajjeechaa fi abbaa biyyaa kan akka saba Oromoo biyyaa isaarraa baqachiisuudha.
Ummata Oromootiif Caamsaa20ni wayyaaneen ittiin hololtu kun guyyaa bineensi tokko hangoo gadi dhiisee bineensi caaluu fi ilkaan hedduu qabu hangoo humnaan itti qabateedha. Guyyaa humni ukkaamsaa fi ajjeesaan tokko irree ummattootaatin bu’ee bineensi biraa shiraa fi humnaan hagoo dhunfatee ummattoota biyyattii keessattuu ummata Oromoo nyaachuu itti calqabeedha.
Erga wayyaaneen Caamsaa20 bara 1991 shiraa fi humnaan hangoo qabattee as ummannii Oromoo kan yeroo kimiyyuu caalaa cunqursaa jala jira. Saamichi, hidha fi ajjeechaan, biyya abbaa isaarraa humnaan buqqifamuu fi hari’amuun irratti gaggeeffamaa jiraachuu kan quba hin qabne hin jiru!. Biyya abbaa isaarratti akka lammii lammaaffaatti jiraachaa jira. Dubbatu ni hidhama, ni ajjeefama, ni dararama.
Waggoottan 23 darabaniif Oromoon mirgaa fi bilisummaa wayyaaneen irraa hololtu argee hin beeku. Argachuu mitii nagahaan gabaa oolee galaa hin jiru. Ijoolleen isaa nagahaan barumuusa dhaqixee deebi’aa hin jirtu. Kan akka bahetti bakka buuteen isaa dhabamee hafu lakkoofsa hin qabu. Ajjeechaan, hidhaa fi dararaan waggoottan 23 bara wayyaanee kana keessa Oromoorratti raawwatamaa turee fi jiru sukanneessaa dha. Saamichi qabeenya ummata Oromoorratti murna wayyaaneetiin waggoottan 23n darbaniif raawwatamaa turee fi jirus akka caamsaa20n booda waraabechi caalu ummata Oromootti dhufe mirkaneessa!.
Bineensi kufaatii Dargii hordoftee hangoo humnaan qabate wayyaaneen yakka waggoottan 23 darbaniif Ummatta Oromoorratti dalagde dhiifnee dararaa yeroo ammaa kana ummata Oromoorratti; keessattuu ajjeechaa barattoota Oromoorratti tibba kana raawwachaa jirtu yoo ilaalle hangam akka wayyaaneen bineensa, bineensa caalau tate ifatti nama hubachiisa. Murna Faashistii hidhaa fi ajjeechaadhaan jiraachaa jiru tahuu dhugoomsa. Hololli guyyaa guyyaan, “ani abbaa dimookiraasiiti, abbaa misoomaati” jettee hololtus gocha ishii waliin yoo wal bira qabamee ilaalamu, holola dharaa tahuu mirkaneessa.
Murni akkanaa, murni Faashistiin; ummata “bulchaan jira?” jetturratti yakka sanyii balleessuu raawwachaa jirtummoo gama kamiinuu fakkii dimookiraasii fi misoomaa tahuu hin dandeessu!. Guyyaan murna faashistii tanaan akka guyyaa ummattoonni biyyattii mirgaa fi walqixxummaa isaanii itti gonfataniitti hololamu caamsaa diigdamnis ummattoota biyyattii; keessattuu ummata Oromoo murna tanaandu’aa,dararamaa fi saamamaa jiru bakka bu’uu hin danda’u. maaliif jennaan Caamsaa 20ni ummata Oromootiif guyyaa bineensi tokko bu’ee binneensi caalu hango itti qabate malee guyyaa mirgii fi dimookiraasin isaa itti kabajamee mati!!!

No comments:

Post a Comment