Wednesday, May 28, 2014

WBOn Godina Kibbaa Irraan Sosso’u Kaampii Poolisii Magaalaa Moyyaalee Ganda 02 Keessatti Argamu fi Bakkoota Adda Addaa Weeraruun Kasaara Guddaa Wayyaaneen Irraan Geessisuun Beekame

(Madda Oduu ABO/MOA/Caamsaa 26,2014) Gumaan barattoota Oromoo fi sabboontota Oromoo FDG
fi Falmaa Mirga Abbaa Biyyummaa irratti humnoota faashistii wayyaaneen ajjeefamanii fi qaamaa
hir'atanii lafatti hin hafu, ni baafama jechuun Tarkaanfii Haleellaa kan jalqabe Gootichi WBO Godina
Kibbaa, dhaadannoo isaa itti fufuun Caamsaa 25,2014 guyyaa kaleessaa mooraalee poolisoota
Wayyaanee ummata hiraarsan irratti tarkaanfii fudhatuun hidhattoota diinaa 18 ol hojiin ala gochuu Ajaji
WBO Godina Kibbaa beeksise.

Abdii fi Gaachanni ummata Oromoo WBOn Godina Kibbaa Caamsaa 25,2014 guyyaa kaleessaa halkan
keessaa sa'aa 2:00 irratti magaalaa Mooyyalee ganda 02 keessatti kan argamu qubsuma poolisoota
Federaalaa sirna Wayyaanee irratti tarkaanfii boonsaa fudhateen kasaaraa guddaa diina irraan gahuu Ajaji
WBO Godina Kibbaa beeksiseera.

Waraanni Bilisummaa Oromoo Godina Kibbaa tarkaanfii isaa itti fufuun guyyuma kaleessaa jechuun
Caamsaa 25,2014 halkan keessaa sa'aa 2:00 irratti Ona Mi'oo magaalaa Iddii Lolaa keessatti kan argamu
maadhee poolisoota Oromiyaa irratti tarkaanfii haleellaa geggeesseen kasaaraa du'uu fi madaa'uu diina
irraan gahuu Ajaji WBO Godina Kibbaa hubachiiseera.

Walumaa galatti WBOn Godina Kibbaa tarkaanfilee bakkoota lamaanitti buufataalee poolisoota sirna
wayyaanee irratti guyyaa kaleessaa fudhateen hidhattoota/poolisoota sirna wayyaanee 18 ol du'aa fi
madoo gochuu fi meeshaalee adda addaa diina irraa buufachuu isaa Ajaji WBO Godina Kibbaa odeessa
injifannoo MOAf ergeen beeksisee jira.
Mootummaan wayyaanee poolisoota/hidhattoota isaa tarkaanfii WBOn du'anii fi madaa'an ija ummataa
jalaa dhoksuuf osoo hin bari'in halkanuma sana kan kaase oggaa ta'u, kanneen madaa'an
waldhaansaaf gara Finfinneetti akka dabarses beekuun danda'ameera.

Poolisootni/hidhattootni wayyaanee tarkaanfiin irratti fudhatame kun ummataa fi barattootaan FDG
qabsiisuuf deemtu jechuun sochii isaanii kan hordofan, kara deemaa cufa mirga sarbuun kan hiraarsan
akka ta'an, kana malees maqaa deggertoota ABO ti; WBO isintu nu rukuchiisa jedhuun lammiilee nagaa
kan hiraarsan akka ta'an oduun SBO dhaqqabe ifa gochuun, ummatni tarkaanfii fudhatame kanatti haalaan
gammaduun, WBO galateeffatee eebbisuu hubachiisa.

Barattootaa fi ummata meesha maleeyyii karaa nagaan ba'anii mirga gaafatan irratti rasaasa roobsuun
gocha duguuggii sanyii ummata Oromoo irratti kan raawwate wayyaanee fi ergamtootni isaa martuu gatii
kan kaffalan ta'uu WBO Godina Kibbaa dhaadatee, tarkaanfiin bifa fedheetuu bakkaa fi yeroo
barbaachise keessatti fudhatamuun kan itti fufu ta'uu diinaafis firaafis ifa godheera.

Dhuma irratti WBOn Godina Kibbaa, ummatni keenya barattootni/dargaggootni/Qeerroon Oromiyaa
tarkaanfii gara jabinaa
diinni fudhatuun osoo hin rifanne, olola afanfajjessaa fi kan sochii jalqabame irraa duuba deebisuu irratti
akeekkate diinni oofuuf osoo bakka hin laatne, falmaa jalqaban cimsanii fi babal'isanii akka itti fufan
jechuun yaamicha dabarsee jira.

I.U.Of!


=>oromoliberationfront

No comments:

Post a Comment