Monday, May 5, 2014

FDG Ka’e Dhaamsuuf Jecha Aangawoonni Wayyaanee Mootummaa Feederaalaa Irraa Gara Yuuniversitii Wallaggaa Deeman Salphinaan Baqatan.

Caamsaa 4,2014 Gabaasa Qeerroo Naqamte Irraa

Akka gabaasa Qeerroo Naqamtee irraa addeessuun har’a galma mooraa Yuuniversitii Wallaggaa keessatti walgayiin Wayyanee sa’a 2:00 – 6:00 WB(MP galgala kanaatti gaggeeffame furmaata tokko malee bittinnaawe.
Akka gabaasi Qeerroo addeessutti  Ababa Duulaa Gammadaatu yaada baratoota irraa fudhachuuf dhufee jira kanaaf  barattooti mooraa keessa jiratanis ta’e ala jirtan akka hin hafne jedhchuun waamicha wal irraa hin citne taasisan isin irraa, barattooti Oromoo haqaa Oromoo falmuuf bakka tokkotti argaman . Walgahichi erga waamameen booda garuu  kan argame Abbaa Duulaa Gammadaa  osoo hin taane namoonni biraa kan maqaa himachuu didan 5 ta’an  mootummaa federaala irraa dufan. Jarri kun guutummaatti maqaa isaanii himachuu didan iyyuu ergamanii akka dhufan beeksisanii jiru.
Warri Federaala irraa argamekunis  ijoon marii kana irratti kaasan keesuun  FDG dhaamsuuf tattafatan keessaa inni guddaan  Dhimma Lafa Naannowaa Finfinneeilaalchisee gaaffii barattootni kaasan irratti, Presedaantii Oromiyaa Finfinneen akka  Federala jala galuuf waan mallatteesse hin qabu jedhanii barattoota tasagabbeessuuf marii gaggeessaa turan,dhimmi mallattoo lafa Oromiyaa gurguruuf godhames soba jedhaniis akka nama soogiddaan ija dhiqateetti barattootatti kijibuu eegalan. Barattootis sagalee tokkoon itti iyyuu fi kofluun qaanessaa turan. Irra deddeebi’anii ijoollee amansiisuu yaalii godhan illee barattootni  gaaffiin uumata Oromoo fi gaaffiin barataa Oromoo dhimma lafa Finfinnee qofa osoo hin taane  hin taane gaaffiin keenya kan hundee fi gaaffii mirga abbaa biyyummaati,  hidhamuun barattootaa fi ajjeefamuun, laftii fi qabeenyi samamuun,hiyyoomuun saba Oromoo maalif nurratti karooraan deemaa jira jedhchuun gaaffii hundee  itti kaasuun aangawoota Wayyaanee sardan. Gaaffii kana deebisuu fi barattootas tasgabbeessuu waan hin dandeenye.
Haata’u malee gaaffiin barattootaa yuuniversitii kana irratti jabaatee itti fufuudhaan wal gayiin kana irratti hanga gaaffiin keenya amma nuuf deebistanitti diddaan keenya ittuma fufa jedhuun ejjetnoon barattoota irraa fudhtame. Haala kanaan walgahiin kun osoo hin xumuramiin duratti warra Federaalaa keessaa namni sadii(3) walgayiin kana dhiitee baye namoota mootummaan Wayyaanee erge keessaa,namootni lama achitti hafuudhaan barattoota kana mariisisuu fi tasgabbeessuuf itti fufan gaaffiin barattootaa waan deebii argatuu fi hiikamu tahuu diduun isaa waan beekameef barataan ammallee haala jeequmsi jabaatu fakkaannaan namootni hafan lamaan walgahicha gadhiisanii yeroo biraa walitti deebina jechuun mooraadhaa bahan
Battaluma sanatti erga barataan bakka adda addaa qabatee booda waraanni federaalaa bakka irraa dhufe kan hin beekamne konkolaataa lamaan mooricha keessa buufatee eddo eddo qabate,konkolaataan lama biraa ammo mooraa ala qubatee waraanni mooraa marsee ira.  Amma galgala kana sa’aa 6:00 wb nu biraatti irraa kaaseen waraanni Wayyaanee mooraa Yuuniversitii Wallaggaa keessaa fi alaan buufatee jira,ammallee naannoon yuuniversitii wallaggaa fi magaalli keessa dirree waraanaa kan fakkeessanii jiru.

No comments:

Post a Comment