Friday, May 23, 2014

Miseensa Parlamaa Sirna Fashisitii Wayyaanee EPRDF fi Paresedantii Yuuniversitoota Oromiyaa Kanneen Ta’an Lammiileen Oromoo Gochaa Sukkanneessaa Wayyaaneen Oromoo Irratti Raawwatu Keessaa Akka Harka Isaanii Fudhaniif Qeerroon Bilisummaa Oromoo Kallattiin Dhaamsa Dabarse.

Qeerroo
Caamsaa 22,2014 Finfinnee
Paarlaamaan EPRDF (Etoophiyaa) Angoo kan hin qabane,Uummata Oromoo fi lammiilee biyyatti bakka bu’uu kan hin dandeenye ta’uu Qeerroon Ibsa gababaa haala paarlaamaa sirna EPRDF  fi gaaffii karaa nagaa FDG Uummata Oromoo gaafachaa jiruuf deebii kennama jiru irratti hundaa’uun mirkaneessee jira.
Dargaggootni barattootni Oromoo dhaabbilee barnoota olaanoo Yuunivarsiitoota, Kolleejjotaa fi manneen barnoota sadarkaa 2ffaa fi 1ffaa keessatti uummata waliin gamtaan hiriiruun gaaffii mirgaa fi dimookiraasii karaa nagaa gaafataniif Mootummaan waraanaa fi qawween reebuun deebii kennee jira. Oromiyaa keessatti Presidenttootni dhaabbilee barnoota ol-aanoo Yuunivarsiitii miseensa Paarlaamaa sirna EPRDF ta’uun  abbaa irrummaa fi Faashistummaa uumata irratti deemsisaa jiru. Miseensotni kun itti gaafatama seenaa fi seeraa jala ba’uu hin danda’an.
Haala Yeroo ammaa  sochii warraaqsa dargaggoota barattoota Oromoo dhaabbilee barnoota  olaanoo Yuunibarsiitii  keessatti qabateef  miseensotni Parlaamaa presidentooni Oromoo mooraa Yuunivarsiisii, dhaabbilee barnoota irraa gaaffii Uummataa karaa nagaa fi dimookiraasii  dhiyaateef   deebisuu irra Uummata nagaa gaaffii mirgaa gaafate irratti humna waraanaa bobbaasuun yeroo ammaa kanatti mooraan Yuunivarsiitota akka Jimmaa, Wallaggaa, Amboo, Mattuu, Adaamaa, Finfinnee, Harammayyaa, fi   Maddaa Walaabuu fa’aa  keessatti barattootni Oromoo Jumlaan hidhatti guuraman, humna Waraanaan reebaman, humna waraanaa fi tikaa Wayyaaneen ajjeefaman, humnoota Mootumma kanaan gara dabarfaman.
Yeroo gochaan suukkaneessa fi gara jabinaa kun barattoota Oromoo  dabtaraa fi isrsaasa(pencil)  malee meeshaa tokko of harkaa hin qabne irratti rawwatamaa jirutti  maqaa Presideentota Yuunivarsiitii Oromiyaa fi bakka bu’ummaa miseensa Parlamaa EPRDF qabatanii barattoota lammii isaanii ta’an Oromoota irratti daba kana fakkaatu warri raawwattan martinuu gaafatama seenaa bara baraa jalaa akka hin bane Qeerroon Bilisummaa bakka jiranitti xalayaa Waajjira Parezedantoota armaa gadiitti kenneen beeksisee jira.
  1. President Yuunibarsiitii Wallaggaa fi miseensa paarlaamaa sirna EPRDF
  2. President Yuunibarsiitii Amboo fi Miseensa Paarlaamaa sirna EPRDF.
  3. Presidenti Yuunibarsiitii Jimmaa fi miseensa Paarlaamaa fi Detaa Ministera Barnoota,
  4. President Yuunibarsiitii Mattuu fi miseensa Paarlaamaa sirna EPRDF.
  5. President Yuunibarsiitii Maddaa Walaabuu fi miseensa Paarlaamaa sirna EPRDF.
  6. President Yuunibarsiitii Harommayyaa fi miseensa Prarlaamaa sirna EPRDF.
Kanneen kunis ta’e warri hafan kaan aangoo fi sadaqaa mootummaan Wayyaanee itti kennuun dabarsanii ilmaan Oromoo akka hin kenninee fi daba gita hin qabne uumata Oromoo irratti raawachuu akka dhaaban Qeerroon Bilisummaa ifatti isaan beeksisee jira.

No comments:

Post a Comment