Sunday, July 27, 2014

Namuu Gaazexessaa Tahaa

Qajeelchaa Bultoo irraa*
SEENSA
Dalagni cuftuu fedhii fi dandeettii of-danda’e gaafta. Martinuu naamusaa ogummaa, seeraa fi akkaataa itti hojjetamuun masakama.
Namni tokko tahuu kan hawwuu fi dandeettii inni qabu wal-simatuu fi dhiisuu dandaha. Kanneen akkuma hawwanitti dalaga fedhan argatanii beekaman hedduutu jiru. Faallasaatiin, fedhiin jiraatullee dandeettii fi haaalli mijatuu dhabuun bakka yaadame kan hanaqatanis hedduu dha.
Ogummaan gaazexeessuumaas akkuma warreen kaanii fedhii (kaka’umsa), dandeettii, murannoo, seera, naamusa, beekumsa, fi hubannoo ogummaa sanaa sirriitti qabaachuu, guddifachuu akkasumas ittiin masakamu fi dalagarra oolchuu gaafata.
Kana jechuun, namni marti lafaa kahee gaazexessummaa tahuu hin dandahu jechuu dha. Kana jechuun, namni sabaa himaa irra dalaghu cufti maqaa sana himatellee, gaazexessaa tahuu hin dandahu. Namni marti loltuu fi weellisaa akkuma hin taane jechuu dha.
GAXETEESSITOOTA OROMOO BIYYA ALAA
Ogummaa gaazexeessitoota Oormoo biyya keessaa kana keessatti ilaaluu hin feene. Sababiin isaas mootummaan akka fedheetti isaan ajajee waan dalaganiif, walaba tahanii hojjechuu hin dadahani. Kunimmoo isaan madaaluuf naa rakkisa. Dalagni isanaii akka walii galaattii arrabaa fi ija mootummaa ti. Warri biyya ambaa jiran garuu walabummaa yaadaa fi hojii waan qabanaiif hojii isaanii ija ogummaatiin gilgalamuu dandahu jedheeni waanan amaneefi.
Gaazexeessitoota Oromoo biyya alaa jiran, mee yoroof kan VOA-Afaan Oromoo dhiifnee, warri kaan hedduun, hedduun ogummaa gaazexeessummaa hin qabani yoo jenne dhugaarraa fagoo nutti hin fakkaatu.
Akkaataa saganataa fi oduu ittti dhiheessan, gaafii fi deebii taasisan, sirba affeeraanii fi bakkatti kutan, akka qophii tokkotti seenanii fi bahan, qabiyyeesaa, yoroosaa, jechoota itti fayyadaman, sirobboota affeeranii fi qabiyyee sagantaa dhiheessan wal-simachiisuu, seera ogummaan suni gaafatu qabaachuu, waanta jedhamuu fi hin jedhamne adda baasuu, sagalee fi fuula radio fi TVf tahu qabaachuu/dhiisuu, kkf hedduu hedduu tarreessuun ni dandahama. Ija kanaan yoo gaazexeessota Oromoo madaalle hedduun isanaii hin jirani.
Muraasa irraa kan hafe warri gaazexessa jedhaman waan ogummaa gaazexeessummaa kan hubatan hin fakkaatu.
Fedhiin yoo jiraatellee xiqqaate leenjii bu’uuraa fudhachuu feesisa. Lafumaa ka’anii kan radio fi TV itti bahamu yoo tahe bu’aa isaarraa mudaasaatu caaluu mala.
SABABA BARRUU KANAA
Akkaataa gaazexeessitooni Oromoo irra caalaan itti dalagan hedduusaatti gammadaa hin turre. Sababiinsaas, qulqullina ogumaa fi beekumsa ogummaan suni gaafatu waan isaan hanaqatuufi malee jibbarraa kahuun miti.
Amma akkan kana barreesu na kakaase garuu, dhiheenya kana OMN fi namni Kadiro Elemoo jedhamu obbo Dawud Ibsaa waliin gaafii-deebii godhani dha.
Qeeqa kanarraa tarii waa baratamuun danda’u tarii yoo jiraateef jedheeni. Dabalataanis, yaada keessa kiyyaa gad-baasee ibsachuufi.
Yaada ani kennu kuni quuqama Oromummaa fi fooyyahina median Oromoo qabaachuu qaburraa ka’ee qofaa dha. Dhaaba kamuu deeggaree fi nama kamuu jibbuun kan barreeffame akka hin taane naaf haa hubatamu.
Kanaraa ka’uun ciminaa fi dhadhabina OMN fi Kadiroo Elemoo gaafii-deebii obbo Dawud Ibsaa waliin taasisan keessaa toko tokko kaasuuf yaala.
CIMINA
1. Yaadonnii ka’an yookaan gaafataman duukaa-duubbee (sequential)qabaachuusaa;
2. Dursee waan gaafatuuf odeeffannoo walitti qabachuuf yaaluu;
3. Yaadota hedduu tutuquuf yaaluu fi
4. Obbo Dawud Ibsaa obsaa qabaachuu fi deebi’ii namaaf galu kennuu.
HANQINA
1. OMN obbo Dawudii fi dowwattoota isaaf kabaja hin kennine: Media biraa yoo ilaaltan eenyummaa keessumaa isaanii suurraasaa jalatti aangoo ykn qooda hojiisaa waliin barreessu. Kana gochuun keessumaa sana kabajee, daawwattooni dubbisuu malee dhagahuu hin dandeenye dubbisanii keessumaa sana beekuu dadahu. OMN kanaa gochuu dhiisuun kabaja dhorkateera;
2. Ifirratti amantee dhabuu: wayita gaafatu obbo Dawudiin takka “sii” jedha, takkammoo “Isin” jedha. Kuni aadaa dha akka hin jenne, bifuma wal-fakkaatuun xumuruu qaba ture. Waanta lamatu wal-jalaa dhahe natti fakkaata, addaa fi kan sammuu dhaa qabu, namootni waa’ee obbo Dawud isatti himanii fi jedhaniin sammuunsaa guutamee waan jedhuunii wal-jalaa rukte natti fakkaata;
3. Gaaffiin dhihaate iftoomaa dhabuu: gaaffileen gariin ifa tahuu hanaqachuurraa obbo Dawud maal jette? Mee irra deebi’i? Akka ati jette miti, Kkf wayita jedhan mul’ataa ture;
4. Gaaffii fi yaada adda baafachuu dadhabuu: Gaaffi jedhee yoroo waan tokkorratti dursee murtoo kennee, ibsas kennu mul’ataa ture. Boodarara gaafata. Kunimmoo ogummaa dhabuu fi wallaalummaa dalaga sanaraa madda,
5. Gaaffiin dheerachuu: gaaffiin dhihaate hedduunsaa dheeraa dha (gaafiin gabaabaa fi ifa hin turre);
6. Duraandursamee dhugaa fi dhara wal-makuu: Gaafii fi yaada obbo Dawudiif osoo hin dhiheessiine duraan dursamee dhugaa tahuu fi haala qabatamaa baruuf kan yaalame hin turre. Fknf, ABO-Shanee fi ABO-QC kora 2004 booda adda bahani jedhe ee gaafate. “namni isinii fi jaallan keessan birii summii isin nyaachise fira keessani” jedhee gaafate. Kuni lamaanuu dhugaa fi soba ta’uu dursee qulqulleeffachuu qaba ture. Maaliifi ergaa inni dabarsutu miidhaa qaba;
7. Obbo Dawud Ibsaaf kabaja hin kennine: Obbo Dawud Ibsaa HD-ABO fi bakka bu’uu uummata kanaa ti (ABO Oromoof waan bakka bu’ee falmaa jiruuf). Biyya dhabneef malee prezideenti ykn muummicha ministeeraa Oromoo ture. Wayita gaafatu jechoota fayyadamuu fi yaadota gaafataman akka dhuunfatti asii gad-dabrataa ture. Kunimmoo isa gaafatamu miidhuu mala-namni hunduu kabaja waan fedhuf. Waan dhugaa fi sobni isaa adda hin baane, “situ akkas godhe”? Jechuun siriri miti. Akka biraatti gaaffuma sana, ulfinas osoo irraa hin mulqiin yaadasaa gaafachuu dandaha ture. Kunimmoo tarii GIBIZNET ykn “abaluutiin akkas jedheeni” akka jedhamuu fi tariimmoo wallaalumarraan tahu kan malu dha;
8. Obsa dhabuu: Yaadaa, ibsaa fi gaaffii dheera erga kaasee booda, deebii argachuufimmo obsa dhabee obbo Dwud dhiisaa, dhiisaa jechaa ture. Kunimmoo yaada dubbatamuu fi dhagaahamuu qabu hambiseera taha. Tarii akka inni fedhetti deebisuu waan dideef taha;
9. Ololaa fi ogummaan adda hin baane: yaadonni ka’an ykn gaafataman gariin hamii fi jette jettee diaspora keessatti akka tokkottis tahe akka biraatti hoogganoota Oromoo fi qabsoo bilisummaa Oromoorratti odeeffaman amanee fudhatee geessee Obbo Dawud itti “maxxanse”. Kunimmooaccuracy and reality yaada sana hanqisa. Investigative journalism fi reality on the ground beekuu gaafata;
10. OMN ykn gaaffii-deebiin suni kaayyoo akka sabatti qabnu isa hanqata; gaafiilee akka sabaatti keessa keenyatti qofaa qabachuu qabnu media irratti bahuuf kan gaafatame ture. Fknf, akka Andargacho Tsigee osoo hoogganni Oormoos qabamaee “Tarkaanfiin isin mootummaarratti fedhattani maali?” jedhe.
11. Dhugaa jiru dursee hin beekne: QCn yoom akka bahe, saganataa ABO 2004 fi 1998 maali addaaddummaan isaa?, kan bara 1973?, kan jedhu erga baree adda adduumaan maalii fi yoom akka dhalate, seenaa dhaabichaa beekuu feesisa ture;
12. Sa’aa dheeraa fixuu fi irra deddeebi’ii: jecha tokko baasuuf sakoondii dheera fixa. Yaadni inni kaasus yoroo 2 fi 3 irra dedddebi’ee ibsuuf yaala. Kunimmoo mana barumsaa sad-1ffaatti tola;
13. Obbo Dawud akka fedhiisaan HD fi ABO qabatee jiru, namas ofitti butuu hin feeneeti dhiheesse. Kunimmoo amala dhaaba siyaasaa (riphee lolaa fi mootummaa biyya bushuu addabaasuu dadhabuu), olola diinaa, mormitootaa, dhugaa keessaa dhaabsanaa jiru, haala qabatamaa naannoo, amala uuummaata keenyaa, ciminaa fi dhabina dhaabni qabu, kkf wallaaluurraa madda taha;
14. Dadhabina qofaarratti kan xiyyeeffate dha: gaafiileen ka’an qeeqaa gartokkee irraa dhagaahmaa bahe (warra ABO komatu) qofarratti kan xiyyeefate dha. Cimina hoogganni kuni qabu fi bu’aa argaman, rakkinoota dhaaba keessatti dhalataniif sababoota jedhaman addabaachuu, fi dhimmoota biroo hin kaafne. Badiin takkaahuu dhadhabuu ABOtiif obbo Dawud akka taheetti dhihaata turuu;
15. Gaaffiileen ka’an lolaaf kana nama kakaasu turani: Gaaffileen gariin araaraa fi tokkoomuu ABO kana madansaa tuttuqamee, gartuun araarame ammas akkaas jette, akaks jette akka waliin jedhnaiif karaa kan banu ture. Kaayyoon OMN mooraa qabsoo Oromoo gabbisuuf yoo tahe waan badii dabre afarsuu fi gaaffii hedduu yoroo dheeraa fixe dhiheessuun sirrii hin turre. Maaltu irraa baratama? Kkf kaasu qaba ture. Araara sanallee bu’a fi miidhaa isaa hin kaafne.
YAADA XUMURAA
1. OMN director qabaa? Yoo qabaate gaaffilee hoogganoota Oromoof dhihaatan bifa kamiin formulate akka tahuu qabu, maaltu akka irraa baratamu (kaayyoo gaafii fi deebii sanaa), diinamoo Oromoo akka miidhu dursanii irratti marihachuu qabu;
2. Waanti raawwatamu qilleensarratti fedhii dhuunfaa, ilaalchaa, yaadaa fi jette jettee namootaa fi kan ofiirraa walaba tahanii keessummeessuu;
3. Leenjii odumaa gaazexeessumaa fedhachuu,
4. Ogummaa kana guddisuufimmo dubbisuu,
5. Galii sabaa irratti xiyyeeffachuu;
6. Amala wal-qeequu walakkaa keessanitti gabbisuu,
7. Edit gochuu.
Nagaatti,
Qajeelchaa Bultoo: qbultoo@gmail.com

No comments:

Post a Comment