Sunday, July 27, 2014

“XIIQII FI HADHEEFFACHUU” BARACHUUN, DIRQAMA KEENYA !!!

SEENAA Y.G(2005) | Adoolessa 20, 2014

Nama Oromiyaa keessatti guddatee amma Biyya alaa jiru tokko qeeqa naa dhiheesseen, barruu har’aa eegala. Kanaan duras waan kana kaaseen jira. Namni kun Bilisummaa keenya ni deeggara. Garuu Daandii bilisummaa keessan isinumatu ofitti dheeresse jedhee kulkulfatee dubbata. Baayyina keessan kana humnatti jijjiiruu qabduu nama jedhuudha. kana gochuu hanqachuu keessaniin “gartuu bicuu sanaaf ”carraa waggaa 23 kennitaniif jedha. Namni kun dhimma Oromoo fi Oromummaan maal akka taate, Nama ofitti amanee ibsuu danda’uudha. Akka tasaa wayita na arguu Namuma waliin beeknu garuu ammatti nu bira hin jirre na gaafata. waa’ee amala isaa fi gaarummaa isaa naa himee,“Kolfuu , Taphachuudha” amalli isaa. Waan “Aaruu fi Haloo” namatti qabachuu  waa tokko hin beeku, jedhe. Anis afaanumaa fuudheen eeyyee dhugaadha jedhee itti fufuuf jennaan, harkumaan akkan callisu natti himaa haasaa itti fufe. Anis hayyee jedhee dhaggeefachuu itti fufe.
“Ilaa Obboleessa koo, dhiifama naa godhii haasaa kee addaan kutaa kiyyaaf. Kolfuu, taphachuun, aaruu dhabuun, Haloo qabchuu dhiisuun Umama namaa addunyaa kana irra jiru hundaa waliin jira. Hawaasa tokko keessatti Nama tokko ibsuuf illee, itti fayyadamuun ni jira. Kun rakkoo hin qabu . garuu Kolfuu,taphachuu, Aaruu fi Haloo qabachuun booda waa hedduutu jira. Keessa kee golguuf bakka isaanii malee yoo itti fayyadamtee of sobaa jirata. Gama biraan ammoo Kolfaa, taphachaa, kan aare fakkaachaa fi Nama haloo hin qabannee fakkaachaa waa hedduutu hojjatama. Kunis waanuma addunyaan itti jirtu. Mee ilaalii , Obboleessikee, obboleettiin kee, haati kee , abbaankee, walumaa gala Lammin kee guyyuu hiraarrii gabrummaa jalaan mankaraaruu odoo argituu fi dhageettu, Kolfuu ykn tapahachuun akkamiin siin ibsuu danda’a? akkamiin amala isaatii jedhamee dubbatama ? miidhaa waggaa 100 olii baattee, waggaa 100 biroof of qopheessuu kee kolfuun yoo ibsite, Aaruu hin beektu jechuudha. Aarii hin beektu taanaan ammoo, Haloo hin beektu jechuudha. Haloo hin beektu taanaan , Lammiin kee ajjeefamee fi hiraarfamee lafa irraa akka dhumuuf balbala bantee jechuudha.kanaaf Fakkeenyan siif kaasa. jedhee jarjaree itti fufe . Sirnoonni Itoophiyaa dhufaa dabraan Qabsaa’oota keessan meeqa ajjeesan ? Beektoota qaroo ta’an meeqa ajjeesan ? Dargaggoota ol guddattu meeqa Asfaaltii irratti jigisan ? Goota seenaa keessanii meeqa galaafatan ?  kana caalaa wanni nama aarsu maaltu jira ? gadda amma kana baattee jireenya qananiin of gawwamsitee jiraachuu ni dandeessaa ? kolfikee fi taphine kee kan irra keessaa yoo taate malee , kan keessa keetii akkamiin ta’uu danda’a.? Gumaa waggaa meeqaatu sirra jira bar ?  
Dhuguma aadaan keessan garaa bal’achuu isin barsiisuu , barsiisuu qofa odoo hin taanee, dhiibbaa isin irraan ga’uu danda’a. garuu diina isin dura dhaabbatee jiru waliin wal hin simu. diinni isin dura dhaabbatee jiru akka kolfaa fi taphachaa dhumattan barbaada. Afaan Oromoon sirbaa qofa akka jiraattan barbaada. Kana dhaabuuf, Kan ta’uu qabu faallaa yaada kanaa hojjachuudha ykn ta’uudha. Wanni baroota kana hundaa keessa isin irratti hojjatame, Aaruu qofaa odoo hin taanee, Ibiddatu sirraa boba’uu qaba. yeroo sana  waan Abidda sana sitti fide dhabamsiiftee gubannaa bara baraa irraa Of baasuuf sochoota. Kanaaf keessa ofii gubachaa kolfuu fi taphachuun si ibsuu hin qabu. Sochii Biyya keessaa fi alatti qindeessitanii waan Baayyina keessan ibsutti ce’uu qofaatu waan yaaddaniin isin ga’a. Lammiilee keessan dhuman hundaaf haloo qabachuu fi karaa itti haloo baaftan halkanii fi guyyaa yaaduu fi hojjachuu qabdan. Diinni Keessan Itoophiyaa dhunfatee jiru Ajjeechaan isin cabsuuf demaa jira. Kana waa inni fideen adabdanii of irraa dhaabuu qabdu. Maaliif jennaan isumatu mana keessanitti yakka isin irratti raawwataa jira. Manuma keessan keessatti adabuu qabdan. Kana ammoo mirga guutuu itti qabdu.
Kolfaa fi Tapha baayyifnaan, miidhaa isin irraan ga’antu itti tole jedhanii itti fufu. Ummati Oromoo bakka jiruu Dallanuu qofaan odoo isaan qophixeesse harka isinitti kennatan. Kun haqa. Jireenya isaanii hegaree gaaffii jala akka galu taasisuun qofti isin ga’a. Anga’oota isaanii qofatti odoo hin taanee, Daa’imman isaanii Biyya keessaa fi ala jiran hundatti hubachiisuu fi itti himuun barbaachisaadha. Gochi isaanii har’aa Biyya Itoophiyaa jedhamtu sanaaf miti. Qabeenyaan isaanii guutummaatti Oromiyaa irra jira. Warri saamamtan kolfaa fi warri saaman dallananii isin ajjeessaa jiraachuun akkamiin ibsama ? deebii jajjabaa bakka taa’aanii isaan utaalchisu itti fufu qabdan .” jedhee  jarjaruu isaas natti himee,  yaada koo odoo hin dhaga’iin sokke. Yaada isaa kanaaf ilaalcha qabdan isinumaafan dhiisa.
Haasaan isaa kun sammuu koo keessaa yoomillee kan badu natti hin fakkaatu.Sirnoonni Itoophiyaa humnaan bulchan hundi dhala Oromoo kumaantamaan lakkaa’aman ajjeesan, hidhan, Biyyaa godaansiisan. Gootaa fi beektoota keenya kumaantamaan fixan. Shirri kaleessa qabsoo keenya cabsuuf itti fayyadaman har’a wayyaaneen dachaa kudhaniin guddiftee itti fuftee jirti. Inumaa kan wayyaanee Maanguddoota waggaa 80 ajjeessu irraa hanga daa’imman waggaa 10 rasaasaan ajjeesuu geessetti. Maarree gocha isaanii kanaaf deebii akkamii laachaa jirra ? miidhaa nu irra ga’u kana ga’eema keenya jennee callisutti jirramoo , Xiiqeffannee fi gochaa diinaa kana Hadheeffannee of irraa qolachuuf of qopheessaa jirra ?
Sabni Gabrummaa jala jiru, Xiiqii fi miidhaa hadheeffachuu yoo hin beekiin , dhaadannoo qofaan hafa. Xiiqii fi hadheeffachuun yoo nu keessa hin jiraatiin, sochiin keenya kan yeroo qofaa mul’atu taati. Sochiin amma Biyya keessaa fi alatti mul’ataa jiru, akkuma Mammaaksa Oromoo “Bishaan Xiiqii maal Cuqqaallatanii dhugu” sanii hojiin mul’achuu fi itti fufu kan qabuudha. kan amma itti jirru caalaa hojjachuun barbaachisaadha. Biyya alaa keessatti sochiileen gama hundaan gaggeeffamaa jiran Ummata keenyaaf Galaa ta’aa jira. Abdii hegaree ta’eera. qindoomiinaan wanni gaggeeffamu ammoo, bu’aa maalii akka argamsiisaa jiru guyyuu kan argaa fi dhaga’aa jirrudha.
Biyyoonni hundi wayyaanee ija taajjabbiin ilaaluu eegalu isaanitti, dhimma ba’uu qabna . hojjannee ija akka itti diimeffatan gochuu qabna. Wayyaaneen humnoota alaa gawwamsuuf waan gootu hundaa xumurteetti. Waan haaraa uumtee isaan abbaltu hin qabdu. Nuutu carraa yakka ishee saaxilee dhageetti argachuu qaba . kanatti dhimma haa baanu. Humnoonni alaa dantaa isaaniif jedhanii wayyaanee bira dhaabbachutti abdii kutachuu odoo hin taanee, jarri kun ija akka banatanii ilaalanii fi Filannoo biraa akka qaban itti argisiisuu qabna. Wayyaaneen Qabeenyaan isaan akka saamaniif balbala bantee keessa akka sirban taasisaa jirtu, mana eenyu keessa akka ta’ee fi gaafa Ummati kun humna ta’ee ol ba’ee maal akka ta’uu danda’u, tokkon tokko isaanitti nuffii tokko malee irra deddeebi’anii itti himuu barbaada.ni beeku jennee callisuun nama hin baasu. Waan beekan haqa waliin itti mul’isuun bubbulee bu’aa ni qabaata.  Kun waan dhuunfaa keenyaa eegallee bakka jirru cufatti hojjachuu dandeenyudha. Kana hubachiisuuf miidiyaa addunyaa kana irra jiran, amma mana keenyaatti akka dhufan eeggachuu odoo hin taanee, waan dantaa isaanii kabachiisuu qopheessanii keessa dhimma itti ba’uun barbaachisaadha jedheen yaada. Humnoonni alaa dhimma keenya irratti dorgommii akka seenaniif, haala mijeessuu fi Iyyannoo keenya kana warra dhihaa qofa irratti odoo hin taanee, warruma Mana maree fi Tasgabbii keessatti sagalee qaban hundaan wal ga’uun gaariidha jedheen fudha.sababaan inni guddaan wayyaaneen gama sanaan waa hedduu nu irratti shiraa jirti waan ta’eef.
Sochiilee nu eeggatan kana hundaaf sochii wal irraa hin cinnee nu barbaachisa. Kanaaf,“Xiiqeffachuu fi miidhaa hadheeffachuu barachuun dirqama keenya”, kanan jedheef. Kun ammoo, “Mala” qabsoo wal irraa hin cinnee gaggeessuuf akka meeshaa waraanaatti nu gargaaru jedheen yaada. Namni Xiiqii waan fedheeyyuu qabu, kolfuu fi taphachuun ibsitu eenyummaa isaa akka ta’u hin barbaadu. Namni miidhaa hadheeffate du’uu fi Gabrummaa jala jiraachuu adda hin baasu. Kanaaf ajjeesee du’uu barbaada. Gumaa Gootootaa fi beektoota keenyaa akkasumas , Daa’imman har’a gara jabiinaan ajjeefamaa jiranii baafachuu malee, waanti biraa itti hin mul’atu. Qorichi diina nu dura dhaabbatee jiruus kanuma qofa. Jaallannus , jibbinus wayyaaneen Oromoo xiiqii Qabattee hojjachaa jirti. Angoo isaaniif kan isaan sodaachisu Oromoo waan ta’eef. Waan Angoo isaaniif Yaaddoo ta’e kana hadheeffatanii gochaa gara jabiinaa irratti raawwataa jiraachuu isaaniif ragaa hin lakkaa’u. Gootoonni Oromoo bara durii jedhan, diina Oromiyaa irraa qolachuuf, Galaa qabatanii duulan keessaa tokko hadhooftuu dhugamudhaa jedhan. Namni Xiiqii qabu humna qabuun hojjachuuf murteeffata. Namni hadheeffate ammoo, taa’uu hin danda’u. diinaaf obsa hin qabu. Qabsoon keenyas kan nu gaafataa jirtu kanadha. Xiiqiin Bosonatti Nama galchituu fi Gabirummaa hadheeffattu, kana irra Ummatatti ce’uu qabdi. Hawaasa Alaafis “Galaa” ta’uu qabdi. Sadarkaa Nam-tokke kaafnee Xiiqiin bakka jirruu haa sochoonu. Gumaan nu irra tuulamaa jirti. Barris akkasuma. Sochiileen addatti baatiilee ja’an dabranii , kunuunsaa, ittis fufsiisaa, Qabsoo walii galaa addunyaatti baasuuf haa hojjannu.    GALATOOMAA !
HORAA BULAA .

No comments:

Post a Comment