Saturday, September 20, 2014

Baarentuu Gadaa: Dhiibbaa fi Dhiittaa Mootummaan Wayyaanee Irraan Gaheen Artiistii Beekamtu fi Sabboontuun Oromoo Meetii Jamamaa Biyyaa Baqatte

Baarentuu Gadaa Irraa*
Artiistiin Oromoo beekamtuu fi sabboontuun Meetii Jamamaa gaafii fi deebii Sagalee Bilisummaa Oromoo (SBO) waliin taasifteen miidhaa mootummaan abbaa irree wayyaanee ishii fi abbaa warraa ishiirraan gahaaturee fi jiru jalaa baqachuun biyyaaabbaa ishii dhiiftee godaanuu ibsite.
Art. Meetii Jamamaa gaaffii deebii Fulbaan 17 bara 2014 SBO waliin taasifteen dhiibbaa fi hiraarrii mootummaan wayyaanee ishii fi abbaa warraa ishiirratti raawwachaa tureen gar malee kan miidhamaa fi hiraaraa turte ta’uu ishiitiin biyya abbaa ishee fi ummata Oromoo ogummaa ishiin ishee jaalatu dhiiftee akka baqachuuf dirqamte SBOf ibsitee jirti. Art. Meetiin akka jettetti mootummaan wayyaanee dhiittaa mirgaa ummata Oromoorraan gahaa jiruun kan ka’e yeroo ammaa kana kan yeroo kamiyyuu caalaa ajjeechaan, hidhaa fi dararaan hammaatee jira.
Miidhaan saba Oromoorratti gahaa jiru jabaachaa deemuun wal qabatee artiistoota sabbontoota ta’anii fi kanneen rakkoo ummata isaanii ogummaa qabaniincalaqqisiisan addatti tika wayyaaneetiin irratti xiyyeeffatamuun hiraarfamu jechuun rakkoo artiistoota Oromoo garaaf hin bullu jedhanirra gahu ibsitee jirti.
Artiistoonni sabboontonni garaaf hin bullu jedhan akka hojii ogummaa isaaniin wal qabatu hojjetanii hin jiraannelleen dhiibbaa adda addaa irratti taasisuu fi danqaa uumuun, yeroo barbaachise ammoo hidhuu fi ajjeesuun hojii ijoo mootummaa wayyaanee waan ta’eef, artistiin Oromoo jireenya akkasii keessa jira jechuun SBOf ibsitee jirti.
Art. Meetii Jamamaa anis akkan ogummaan qabuun ummata koo hin tajaajillee fi biyya koo keessatti hojjedhee hin jiraanne ati miseensa ABOti jechuudhaan humni tikaa fi qondaalonni wayyaanee/OPDO yoo guyyaa ayyaana keenyaa dhuftee nubiratti sirbite malee hin hojjettu jechuun walatajjii nadhorkachaa fi ukkaamsaa adda addaa narratti raawwachaa turan jetteetti. Itti dabaluudhaanis Art. Meetii Jamamaa akka SBOtti himteetti heyyama baafadhee akkan hin hojjenneefis mana qabsiisi, qarshii kuma dhibba shan argisiisi naan jechuun ta’e jedhanii waanan gochuu hin dandeenyeen jiruu fi jireenya na dhorkan jettee jirti.
Art. Meetii Jamamaa itti dabaluudhaan akka SBOtti himtetti abbaa warraa ishii Obbo Gammachiis Magarsaa humni tikaa wayyaanee miseensa ABOti itti jechuudhaan waggoota 10nii oliif hidhee akkadararaa adda addaa irraan gahaa ture fi ishiiniis kophaa ishii daa’ima waliin akka dararamaa turte addeessite. Abbaan warraa ishii Obbo Gammachiis Magarsaa reebichaa fi dararaa irra gaheen miidhaan qaamaa guddaan kan irra gahe ta’uu ibsitee jirti.
Yakki mootummaan wayyaanee OPDO of jala oofuudhaan ummata Oromoorratti raawwacha jiru kana qophaa miti kan jette Art. Meetiin, ummata Oromoo naannawa Finfinnee qeeyee fi qabeenyarraa buqqisuudhaan lafa Oromoo gurgurachuuu fi Oromoo biyya dhablee gochuuf deemuunis kan mataa nama dhukkubsuu fi kan hundi keenyaa tokkummaadhaan irratti qabsaawuu qabnuu dha jettee jirti.
Guutuu gaaffii fi deebii Sagaleen Bilisummaa Oromoo (SBO)n Art. sabboontuu, beekamtuu fi jaalatamtuu Meetii Jamamaa waliin taasise guutummaa isaa sagantaa SBOirraa dhaggeeffadhaa!
Baarentuu Gadaa: gessogeda@gmail.com

No comments:

Post a Comment