Saturday, September 20, 2014

SBO: Artistootni Oromoo 3 Sirna Wayyaanee Jalaa Miliqan

Sagalee Bilisummaa Oromoo (SBO) | Fulbaana 19, 2014
OromoArtistsSBO20143
Artiin Oromoo guddisuu fi hojiilee isaanii ummatatti dhiyeessudhaan tattaaffiin taasisan mootummaa wayyaaneetiin dhiibbaan irra geessifamu hammatuurraa biyya abbaa isaanii dhiisanii baqachuuf dirqamuu artiist Amiin Huseeni fi Artist Mihrat Waldamaariyam (Haati Shumbee) gaaffii fi deebii SBO waliin taasisaniin ibsan.

Sirba isaa “Baaleen Bu’aa, Baaleen Bu’aa Biyya Loowwanii …” jedhuun ummata Oromoo biratti dhageettii kan horatee fi beekame wellisaan dargaggeessi Artist Amiin Huseen, biyya keessatti artii Oromoo guddisuu fi quuqqaa saba Oromoo ibsuudhaaf bilisummaa dhabuu akkasumas kaasetta dhiyoo kana baaseen walqabatee humnoota tikaatiin doorsisnii fi hiraarri itti hammaachuurraa lubbuu isaa baafachuuf baqachuu gaaffi fi deebii SBO waliin taasiseen ibseera.

Kanaan dura wayta hogganootni Waldaa Maccaa fi Tuulamaa wayyaaneedhaan yakkamanii hidhaman innis Oromummaa isaatiin yakkamee waggootaaf hidhaa keessa turuu kan ibse Artist Amiin Huseen, erga hidhaadhaa bahee boodas hojiin artii inni hojjetu humnoota tikaa wayyaanee fi dabballoota OPDO amanamtoota TPLF tahaniin ija shakkiin ilaalamaa fi si’a hedduus waamamee doorsifamuu dubbate. Keesssumaa Albama haaraa mata-dureen isaa “Yoomi Guyyaan?” jedhu erga baaseen booda sirbichi akka ummata bira hin geenye danqaa uumuu fi humnoota tikaatiin waajjiratti waamamee doorsisni deddebi’ee irra gahuus ifa godhe.

Artistoonni Oromoo sabboonoon waa’ee mirga saba isaanii fi haala jiruu-jireenya ummataa ibsuuf yaalan rakkoon ulfaataan akka irra gahu kan dubbate dargaggoon Oromoo Artist Amiin Huseen, innis hidha laga Abbayyaatiif qooda laatu gaafatamee diddaa agarsiisuu fi “Boondii bitadhaa jechuu mannaa, boombii bitadhaa jechuu hin wayyuu?” jedhee dubbachuu isaatiin ummata nurratti kakaasta jedhamee humnoota tikaatiin hiraarfamuu ibseera.

“Ummanni Oromoo erga bara Minilik gabrummaaf affeeramee kaasee hiraarri gabroomfattootaan irra gahu irraa hin dhaabbanne” kan jedhe Artist Amiin, “OPDOn dhaaba namoota dhiiga Oromoo hin qabnee fi fira fakkaatanii Oromoo miidhaa ulfaataaf affeeraniin guutamtee dha.” jedheera.

Ummanni Oromoo biyya keessaa mootummaa aangoorra jiruun rakkoon jabaan irra gahullee mirga abbaa biyyummaa fi bilisummaa isaatiif kutannoodhaan falmaa jabaatti jiraachuu sochii Qeerroo Bilisummaa eeruudhaan kan ibse artist Amiin Huseen, “Dhaloonni ammaa ho’aan, ‘QUBEE GENERATION’ mirga biyyaa fi ummata isaatiif murannoon diina dura dhaabbatee wareegama ulfaataa baasaa jiraachuun bilisummaan dhiyoo tahuu akka agarsiisu addeessa.

Haaluma walfakkaatuun maqaa masoo Haadha Shumbee jedhamuun kan beekamtu Artist Mihrat Waldamaariyamis dhiibbaa sirna abbaa irree Oromoo gabroomfatee jiruun irra gaheen kan kahe hojii ishii hojjechuu dadhabuurraa biyyaa bahuuf dirqamuu gaaffii fi deebii SBO waliin taasisteen ibsiteetti.

Diraamaa fi baacoo adda addaa hojjechuudhaan ummata Oromoo biraa jaalalaa fi dinqisiifannoo guddaa kan horatte Artist Mihrat (Haati Shumbee), waltajjiilee irratti bilisa tahanii akka hin hojjenne danqaan itti heddummaachuu, ajaja qondaalota OPDOtiin hojiin isaanii TV-Oromiyaa irratti akka hin dhiyaanne taasifamuu akkasumas hojiileen artii tattaaffii fi baasii dhuunfaa isaanii hedduu booda baasanis qabiyyeen isaa ykn uffannaan uffatan dhaamsa biraa dabarsa kan jedhuun dhoowwamuurraa rakkoo hamtuuf saaxilamuu ibsiteetti.

Qondaalonni OPDO TV-Oromiyaa keessa hojjetan Afaanii fi Artii Oromootiif kabaja kan hin qabne tahuu fi articha guddisuu fi artistootas jajjabeessuurra hamilee cabsuu fi Afaan Oromoo awwaalanii kan alagaa mul’isuuf akka hojjetaa jiran dubbatte, Artist Mihrat – Haati Shumbee. Dhaabbatni Raadiyoo fi TV Oromiyaa jedhamu maqaadhumaaf hoogganaa qaba jedhama malee, kan akka fedha isaa sukkuumu ergamaa gaafatamaa waajjira Qonnaa Oromiyaa jedhamu Zalaalam Jamaanee tahuu kan saaxilte Artist Mihrat W/ Maaryam, Artistoonni Oromoo akka garaa isaanii Oromiyaa keessa naanna’anii hojii isaanii ummatatti akka hin agarsiisne ajaja qal’aa Zalaalamiin ugguramuu fi kanneen tattaaffii taasisan ammoo doorsifamuu ibsite.

Fincilli Diddaa Gabrummaa ummannii fi Qeerroon Oromoo gaggeessaa jiran dargaggoonni Oromoo hedduun kan irratti wareegaman tahuu isaarraa gaddi nutti dhagahamus, gatii qaalii malee Injifannoon hin argamu” kan jette Haati Shumbee, “Sochiin Daraggoota Oromoo kunis guyyaa tokkummaan Oromoo caalaatti itti mirkanaahee fi Oromoon jirra jedhee socho’ee wal sochoose waan taheef, moo’insa” jetteetti.

Gaaffii fi deebii Artist Amiin Huseenii fi Artist Mihrat W/ Maariyam (Haadha Shumbee) SBO waliin taasisan sagantaa SBO fuula duraa keessatti kan isinii dhiyeessinu waan ta’eef, akka hordoftan isin afeerra.
———————
———————

Artiistiin Oromoo beekamtuu fi sabboontuun Meetii Jamamaa gaafii fi deebii Sagalee Bilisummaa Oromoo (SBO) waliin taasifteen miidhaa mootummaan abbaa irree wayyaanee ishii fi abbaa warraa ishiirraan gahaa turee fi jiru jalaa baqachuun biyyaa abbaa ishii dhiiftee godaanuu ibsite.

Art. Meetii Jamamaa gaaffii deebii Fulbaan 17 bara 2014 SBO waliin taasifteen dhiibbaa fi hiraarrii mootummaan wayyaanee ishii fi abbaa warraa ishiirratti raawwachaa tureen gar malee kan miidhamaa fi hiraaraa turte ta’uu ishiitiin biyya abbaa ishee fi ummata Oromoo ogummaa ishiin ishee jaalatu dhiiftee akka baqachuuf dirqamte SBOf ibsitee jirti. Art. Meetiin akka jettetti mootummaan wayyaanee dhiittaa mirgaa ummata Oromoorraan gahaa jiruun kan ka’e yeroo ammaa kana kan yeroo kamiyyuu caalaa ajjeechaan, hidhaa fi dararaan hammaatee jira.

Miidhaan saba Oromoorratti gahaa jiru jabaachaa deemuun wal qabatee artiistoota sabbontoota ta’anii fi kanneen rakkoo ummata isaanii ogummaa qabaniin calaqqisiisan addatti tika wayyaaneetiin irratti xiyyeeffatamuun hiraarfamu jechuun rakkoo artiistoota Oromoo garaaf hin bullu jedhanirra gahu ibsitee jirti.

Artiistoonni sabboontonni garaaf hin bullu jedhan akka hojii ogummaa isaaniin wal qabatu hojjetanii hin jiraannelleen dhiibbaa adda addaa irratti taasisuu fi danqaa uumuun, yeroo barbaachise ammoo hidhuu fi ajjeesuun hojii ijoo mootummaa wayyaanee waan ta’eef, artistiin Oromoo jireenya akkasii keessa jira jechuun SBOf ibsitee jirti.

Art. Meetii Jamamaa anis akkan ogummaan qabuun ummata koo hin tajaajillee fi biyya koo keessatti hojjedhee hin jiraanne ati miseensa ABO ti jechuudhaan humni tikaa fi qondaalonni wayyaanee/OPDO yoo guyyaa ayyaana keenyaa dhuftee nu biratti sirbite malee hin hojjettu jechuun walatajjii na dhorkachaa fi ukkaamsaa adda addaa narratti raawwachaa turan jetteetti. Itti dabaluudhaanis Art. Meetii Jamamaa akka SBOtti himteetti heyyama baafadhee akkan hin hojjenneefis mana qabsiisi, qarshii kuma dhibba shan argisiisi naan jechuun ta’e jedhanii waanan gochuu hin dandeenyeen jiruu fi jireenya na dhorkan jettee jirti.

Art. Meetii Jamamaa itti dabaluudhaan akka SBOtti himtetti abbaa warraa ishii Obbo Gammachiis Magarsaa humni tikaa wayyaanee miseensa ABO ti itti jechuudhaan waggoota 10nii oliif hidhee akka dararaa adda addaa irraan gahaa ture fi ishiiniis kophaa ishii daa’ima waliin akka dararamaa turte addeessite. Abbaan warraa ishii Obbo Gammachiis Magarsaa reebichaa fi dararaa irra gaheen miidhaan qaamaa guddaan kan irra gahe ta’uu ibsitee jirti.

Yakki mootummaan wayyaanee OPDO of jala oofuudhaan ummata Oromoorratti raawwacha jiru kana qophaa miti kan jette Art. Meetiin, ummata Oromoo naannawa Finfinnee qeeyee fi qabeenyarraa buqqisuudhaan lafa Oromoo gurgurachuuu fi Oromoo biyya dhablee gochuuf deemuunis kan mataa nama dhukkubsuu fi kan hundi keenyaa tokkummaadhaan irratti qabsaawuu qabnuu dha jettee jirti.

Guutuu gaaffii fi deebii Sagaleen Bilisummaa Oromoo (SBO)n Art. sabboontuu, beekamtuu fi jaalatamtuu Meetii Jamamaa waliin taasise guutummaa isaa sagantaa SBO fuula duraa keessatti akka hordoftan kabajaan isin beeksisna.



=>gadaa

No comments:

Post a Comment