Friday, January 17, 2014

Korri Miseensota ABO Irroomsa Gadaa Oromoo fi Torban Dachee Iyyaafate

(Oduu Caayaa Oromoo, 17 January 2014) – Miseensoti ABO kutaa Australia kora waggaa miseensotaa fi hawaasa Victoria magaalaa Melbourne keessatti gaggeeffatan milkiin xumuran; ibsa ejjannoo murtiilee isaanii beeksisa illee baafatan.
WBOMelbourne2014_2
Kora miseensota ABO kutaa Australia Amajjii 10, 2014 waaree booda eegalame irratti akka ibsametti akeekni korichaa hojii jaarmiyaa kan waggaa darbee gamaggamuun kan bara dhufuf immoo karoora baafachuu dha.
Baniinsa Koraa kana irratti akka ibsametti ,miseensoti ABO konyaalee Perth, Adelaide fi Victoria irraa afeeraman argaman akka walbaran kan godhame yoo ta’u, miseensoti haaromsa fudhatanis waadaa haaromsaa seenuun jaarmiyaatti dabalamanii jiru.
WBOMelbourne2014_3
Kora miseensota ABO Kutaa Australia Amajjii 11, 2014 guyyaa tokkoof gaggeeffame irratti hojiin waggaa darbee akkamiin akka raawwatame gabaasti mul’isu kutaa irraa dhiyaatee jira. Gabaasicha irrattis mariin bal’aa fi gadfagoo gaggeeffamee jira.
Gabaasa dhiyaate irraa akka hubachuun danda’amutti, karaa madda dinadgee, hojii dipilomaasii fi karaa jaarmiyaa hojiin hojjatame hedduu jajjabeessa dha. Akkaataan gabaasti itti dhiyaates, ifaa fi qulqulluu dha.
Gama seeraa fi to’annoos haala qabiinsa maallaqaa fi adeemsa hojii irratti gabaasti dhiyaatee jira. Gabaasa sana keessattis akki itti hojiin hojjatamaa jiru kan darbe irra fooyya’iinsa agarsiisaa akka jiru eeramee jira.
WBOMelbourne2014_4
Marii bal’aa booda gabaasti dhiyaate yaada mana keessaa itti dabalame waliin sagalee guutuun raggaasifamee jira.
Kora Miseensota ABO kutaa Australia kana irratti J/Gaashuu Lammeessaa, MGS ABO fi Gaafatamaan Damee Odeessii fi Beeksisii ALaa, haala qabsoon bilisummaa Oromoo keessaa fi alaan itti jiru miseesnotaaf ibsanii jiran.
WBOMelbourne2014_5
Jaal Gaashuun ibsa kennan keessatti ABO karaa hundaan qabsoon Oromoo jabeessee furgaasuuf hojii jabaatti akka jiru eeranii, keessayyuu miidhaa fi roorroo diinni ummata Oromoo irraan gahaa jiru hundee furuuf ABO gama maraan qiyyaafatee hojjachaa akak jiru hubachiisanii jiran.
WBOMelbourne2014_6
Marii bal’aa fi dheeraa booda miseensoti ABO kutaa Australia kunneen ibsa ejjannoo gamtaan baafatan keessatti qabsoo oromoo karaa hundaan akka jabeessanii furgaasan eeruun, dhibdee karaa addaddaa ummata Oromoo fi baiyyaa Oromiyaa mudachaa jiru xiqqeessuuf ABO seera Irroomsa Gadaa fi Torban Dachee ifatti akka labsu gaafatanii jiru.
WBOMelbourne2014
Korri miseeonsota ABO kutaa Australia kun Amajjii 12 immoo miseensotaa fi deeggartoota ABO naannoo Victoria jiran waliin gaggaeeffamee jira.
Kora hawaasaa kana kan banan J/Umar Osmaan, gaafatamaan ABO Kutaa Australia, ABO hojii kamiyyuu ummata waliin akkakhojjatu ibsanii, akeekni kora hawaasaas dhmma dantaa ummata Oromoo irratti waan dhaabni hojjachaa jiru hawaasaaf ibsuu fi gaaffilee hawaasaaf immoo deebii malchiisu kennuu, akaksumas hawaasti damamqinaan qabsoo keessatti akak hirmaatee qooda isaa gumaachu jajjabeessuuf ta’uu akeekan.
WBOMelbourne2014_7
Kora kana irratti hojii ABOn itti jiru ilaalchisuun J/ Gaashuu Lammeessaa, MGS ABO fi gaafatamaan Damee Odeessii fi Beeksisii Alaa” ibsa bal’aa kan kennan keessatti ABOn yeroo qabsoo eegale irraa kaasee waan faayidaa fi dantaa ummata Oromoo miidhu kamiyyuu qabsoodhaan irra aanaa jiraachuu ibsanii, yeroo ammas qabsoon kun daran jabaatee akka jiru addeessaniiru.
“ABOn qawwee kan lafaa kaase dirqamee ti,” kan jedhan J/Gaashuun, ” qaawwee kanas kan deebisu, yoo gaaffiin ummata Oromoo deebiia rgate qofaa dha, jechuun ejjannoo ABOn mirga ummta Oromoo karaa hundaan eegsisuuf qabu ifatti mirkaneessanii jiran.
WBOMelbourne2014_8
Akka Jaal Gaashuun ibsanitti, ABO mirgaa fi faayidaa ummata Oromoo eegsisuuf karaa hundaan qabsoon gaggeessaa jiru hariiroo fi kallattii ABO kan masakuu dha. “Mootummaa Itoophiyaa waliin hariiroon jiru, hariiroo qabsoo ti. ABOn haga mirgi ummata keenyaa hin kabajamnetti sirna garboomsaa kamiyyuu waliin araara uumuuf hin deemu; araarri kan dhufu, mirgii fi dantaan ummata Oromoo yeroo kabajame qofaa dha; Bilisummaan Oromoo yeroo dhiibbaa tokko malee murtii ummataan furmaata argatuu dha.”
WBOMelbourne2014_9

No comments:

Post a Comment