Friday, January 17, 2014

Weellistuu Almaaz Tafarraa Isin Yaamaa Jirti


Gadaa.com
(Oromedia, 17 Amajjii 2014) – Weellistuu Almaaz Tafarraa haala dhukkubsatee tajaajila wal’aansaaf kan oolu gargaarsa lubbuu ishii baraaru akka barbaadaa jirtu gabaafame.
Maddeen keenya Oromiayaa Bahaa irraa akak gabaasanitti, Almaaz Tafarraa yeroo ammaa kanatti dhukkuba ulfaataan qabamtee rakkina gudda akeessatti argamti.
Baroota dheeraaf Afaan Oromoon weellisaa kan jirtu Artisti Almaaz Tafarraa, seenaa muuziqaa Oromoo keessatti hojii gurguddaa hojjachuun kan beekamtuu dha.
Akak gabaasaan keenya ibsetti, hundeeffama baandi Afran Qalloo irraa kaassee haga ammaati keeysaafuu baroota afaan Oromoon wallisuu fi dubbachuun raadiyoo fi kaaseeta cabsa ja’emee ture keessatti hojii ummata Oromoo boonsu hojajchuun kan beekamtuu dha.
Odeeffannoon karaa hawaas-qunnamtii tamsaasamaa jiru akka ibsuttis, Artist Almaaz Tafarraa yeroo Habshaan ilmaan Oromootti hanjamu ture keessattis ta’ee yeroo sanii asitti bilisummaa fi walabummaa Oromiyaaf tan qabsooyte, aadaa fi afaan Oromoo guddisuuf tan sagalee miidhagaadhaan wallifte, weellistuu seena qabeettii dha.
Yeroo ammaa kanatti dhukkubsattee siree irraa ka’uu hanqattee akka jirtu kan gabaasan maddeen keenya artistooti Oromoo akka Adam Haarun, Kadiir Sa’id, Ali Shabbo, Halloo Daawwe, “fa’aa waliin seenaa dheeraa kan qabdu artistiin kun akkamiin birmannaa lammii dhabdi?” jechuun lammiin gaafatanii jiru.
Artisti lmaaz Tafarraa waan hojii Oromoo guddisuuf tattaaffachaa turteef, diinni hidhee dararaa fi rakkoo guddaa irraan gahaa akak ture kan yaadachiisan maanguddoon Oromoo tokko, “artistii Oromoo seenaa boonsaa akkanaa qabduuf dhaqqabuu dhabuun saalfachiisaadha; hedduu illee qaanessaa dha,” jedhanii jiru.
Ammaan tana rakkoolee ulfaataa keessatti akka argamtu kan nuuf ibse jiraataan ollaa Artisti Almaaz gadafageenya rakkina ishii yoo tarreessu, “Almaaz yeroo ammaa tanatti gargaarsa dhabdee, humna dhabdee, waan nyaatu dhabdee, faayyaa dhabdee, waan mana yaalaa ittin dhayixu dhabdee jirti; ammatti kadhaa malee waan gootu tokko illee hin qabdu,” jechuun haala gaddisiisaa ishiin keessatti argamtu nuuf ibsee jira.
Oduu karaa Facebook faca’e tokko illee akak addeessetti, Artisti Almaaz yeroo ammaa magaalaa Harar araddaa shankor keessa jiraatti. Araddaa keessa boontee, shaggooyyee xabachaa turte keeysa daddeemte miila isii kan dur itti dhichiftu, kan shaggoyye ittin dhichiftuuun, gargaarsa ittiin wal’aanamtu kadhachaa jirti.
Hubachiisa: Kanneen Artisti Almaaz Tafarraa gargaaruuf fedhii qabdan karaa email: dragabaa@gmail.com yoo nu qunnamtan teessoo ishii isiniif kennuu yookaan immoo haala ittiin gargaarsi keessan ishii dhaqqabu isniif mijjeessuu ni dandeenya. Gargaarsa gootaniif dursinee isin galateeffanna!
———————————
 Almaaz Tafarraa, Alii Shabbo fi Hallo Daawee
Almaaz Tafarraa, Alii Shabbo fi Hallo Daawee
Hallo Daawee, Alii Shabbo fi Almaaz Tafarraa
Hallo Daawee, Alii Shabbo fi Almaaz Tafarraa

No comments:

Post a Comment