Thursday, April 10, 2014

Filannoon Bara 2007 Mallattoo Kufaatii A.D.W.U.I ti.

Galaanaa Alaanoos Irraa Godna Arsii
OPDO.jpg saamtuuAddunyaa kana irratti wanti hundinuu dhuma qaba, yeroo fi iddoon raawwii isaa gargar haata’u malee addunyaa kana irratti wanti osoo hin jijjiiramne barbaraan jiraachaa hafu hin jiru. Maatiin ijoollee horeen, mootummaan mootummootan , ji’oonni waggootan , yaadni dullooman ilaalcha haaraan, dukkanni ifaan, ifni dukkanaan, hiyyummaan dagaaginaan, dagaaginni hiyyummaan ,dimokiraasiin abbaa irreetin ,abbaan irree sirna dimokiraasitiin bakka walbuusaa ykn tokko isa kaanif iddoo gadi lakkisaa jiraata. Mootummoonni masaraa mootii itti ta’an keessatti reeffa isaanii arguu fedhan hundinuu abboota irreeti. Aangoo garmalee jaallachuun yoo abbaa irrummaa isaan ulfeessu, ummanni isaan geggeessan gama isaatin mootummaa dimokiraatawaa da’uuf ciniinsifachuu jalqaba. seeliin abbaa irrummaa warroota biyya bulchan keessa naanna’u kun ummanni mootummaa dimokiraatawaa ulfaa’ee akka oofkaluuf kakaasa. sirni mootii h/sillaasee dargu, dargun a.d.wu.i fi dhaabbilee siyaasaa biroo kanneen osoo hin milkaa’in hafaniif akka ulfaa’uuf sababa ta’anis ummanni oromoos ta’ee saboonni cunqurfamoon biroo hanga har’aatti ija dimookiraasii arguu hin dandeenye.Mootummaan wayyaanee bifa barreeffamaan heera biyyattii irratti namni kamiiyyuu dhaaba siyaasaa barbaade deeggaruufis ta’ee geggeessuf mirga qaba jedhee kaa’ee jira.Dhaaba siyaasaa kam irraayis bilisa ta’ee jiraachuu ni danda’a jedhee jira.Garuu dhugaan jiru faallaa kanaati maalif yoo jenne biyyattiin heeran bulti osoo hin taane labsii fi qajeelfamoota nama dhuunfaa miidhuf jecha yeroo yeroon ba’aniin masakamti. Filannoo bara 2007 ilaalchisee mee cunquraa fi gidiraa mootummaan wayyaanee ummata irraan gahaa jiru haa ilaallu.Mootummaan wayyaanee filannoo dhufu milkiin xummuruuf jecha dhiiga ummataa xuuxaa ofiif haala mijeeffachaa jira. Tarsiimoon inni raayyaa misoomaa fi tokko shanee jedhee diriirse mallattoo cuuphaa miseensummaa wayyaanee ta’uun isaa sabboontota oromoo biratti salphaatti hubatamuu danda’ee jira.Kanaafuu sabboontonni Oromoo kanneen hojjettoota mootummaa ta’an tokko shaneen siyaasa waan ta’eef hin hirmaannu jechuun ija jabinaan mootummaa wayyaanee falmaa jiru.
Haata’u malee garuu mootummaan abbaa irree kun tokko shaneen siyaasa ta’ee dhiisee tarsiimoo mootummaan diriirse waan ta’eef hundumtuu hirmaachuun dirqama jedha. Namni tokko hojjetaa mootummaa hanga ta’etti imaammata mootummichaatti amanee fudhachuun dirqama isaati jedha.Summiin tokko shaneen baattee adeemtu hedduudha,marii tokko shanee irratti namni tokko yaada inni kaase waliin galmeeffamee qaama itti waamama tokko shaneef gabaafama. Kanaan booda waajjiratti nama waamun qorannoon ija nama keessaa baasu ilaalcha fi akeeka namaa hubachuuf. Mootummaan Wayyaanee yoom kanaan gahe jedhee ummata dhiise, hojjettoota mootummaa seektaroota adda addaa irra deemuun yeroodhaa yerootti akka isaan miseensummaa guutan dirqisiisaa jira. Namni kam illee buusii dhaabaa ji’aan mindaa isaa irraa qarshii 25 kutuun dirqama jedha.Najaaladhuu jaalala hin taatu jedha Oromoon namni akeeka fi ergama Wayyaanee hubatee beeku miseensa isaanii ta’uu irra dhiibbaa dhufu fudhachuuf murtoon of qopheessan.Godina Arsii ona roobee gandoota baadiyyaa 32 keessatti buusii ijaarsa dhaaban jabeessinu tokkoon tokkoon qotee bulaa qarshii 120 akka buusu dirqisiisaa jira.Namni ani miseensa waan hin taanef hin buusu jedhee mormu ati lammii biyya kanaamiti jedhamee gidirfama.Namni mootummaa misoomaa hin deggarre farra misoomati jedhamee farrajamaa jira.
Mallattoolee kufaatii Wayyaanee mul’isaa jiran keessaa ; Fincila diddaa gabrummaa Qeerroon finiinsaa jiruudha. Yeroo ammaa kana keessatti waantotni mootummaa wayyaanee rifaasisanii yaaddessuun gidirfamuu baayisaa jiruuf diddaan karaa adda addaan waanmulataa jiruufiidha akka fakkeenyaatti:-
-Hojjettoonni mootummaa jireenyi qaalawee jira hojiin nuti hojjennuu fi mindaan keenya wal hin gitu, akkasumas miseensummaa guutuu diduu irraan mootummaa wayyaanee waliin wal finciluu keessa seenuun mootummicha humna buusee jira
-Barattoonni musliimaa mooraa yuunivarsiitii keessatti uffata sharihaa akka hin uffannee fi akka hin saganne yommuu dhoowwaman tole jedhanii fudhachuu diduu,yaadaa fi dhaamsa wayyaanee fudhatama dhabsiisuudhaan laamashessaa deemuun,
-Qonnaan bultoonni dhugaa jiru hubatanii buusii dhaabaa buusuu diduun fakkeenya gaariidha.
Kanaan wal qabsiisee uummata oromoo keessa deemee bakka jabinnii fi sabboonummaan itti cimaa jiru keessatti tikoota isaatiin toohatamuu fi hordofamuu yaadaa fi sochiin oromummaa yoo jabaate ilaalcha diinummaa fi isin ABO dha jedhuun haaluma salphaadhaan mana hidhaatti darbaa jiraachuudhaan kan beekamaa jiruudha, kunis dura isaatiif haalota aanjefachuu irratti mootummaan wayyaanee jabaatus qabsoon uummataa fi Qeerroodhaan wal deggeree jabaachuun isaa waan yaaddesseef ofiis boqonnaa dhabee uummatas boqonnaa dhabsiisaa jira.

No comments:

Post a Comment