Thursday, April 10, 2014

Na dhaqabaa jetti Finfinneen!


Hawi Chala
Hawwii Caalaa
Teessoo Oromotaa haandhura Oromiyaa
Magaala bareedduu hin qabdu fakkeenyaa
Jituuf magariisa lalistuu fi badhaatuu
Madda burqaa uumaa kan taate hawwattuu
Sabni koo siin gammada sittis ni abdata
Haandhura kooti jedhe ormatti odeeffata
Garuu…….
Garuu yaa Finfinnee amma ati kan eenyuti?
Finfinnee ishee jalaqabaa kanuma duritii?
Lakki! ati jijjiramteetta ishee durii miti
Teessoo alagaa malee kan saba koo miti x2
Oromoon si keessaa hir`atee dinni dabaleera
Bareedinni kee duri sun si dhisee demeera
Yaa lafa seenaa qabdu Finfinnee dubbadhu
Rakkina kee himadhu hundatti odeeffadhu
Hin calisiin maaloo kan garaa kee baafadhu
Rorroo kee hin dhoksiin ifatti lallabadhu
Wayyoo yaa Finfinnee wayyoo yaa biyya koo
Alagaan siin taphate sitti fide rakkoo
Gadadoo sirra jiruuf ilmaan kee gaddaniru
Garaan isaan gubate imimmaan buusaniru
Ajaa`iba rabbii kan kee kun maalumaa
Dinni si balleessuuf halkan guyyaa gamaa
Ati hin dhageenye waan siif qophaa`aa jiru
Jarri hin callisne hin dhisne gitiintiruu
Eenyummaakee daran caalatti balleessuuf
Sanyii lammiwwan kee hundedhaan buqqisuuf
Dinni kee qophaahera toftaa haaraa dirirsuuf
Murannoon ka`eera daangaa kee bali`isuuf
Finfinnee hin callisiin ilmaan kee waammadhu
Dafaa na dhaqabaa jedhi isaanin gaafadhu
Rakkoo kee itti himi kan garaa kee dubbadhu
Ilmaan kee akka gurma`an cimsii itti himadhu
Gadadoon dhufuuf deemu kan duriin adda dha
Bifaa fi akkaataan hammi isaas guddaa dha
Ilmaan koo gurmaa`uun tokko ta`u taanaan
Irree jabeefachuun tokkummaan hiriirnaan
Rorroon koos ni hir`ata rakkinnis ni salphata
Sabni koo jabaannaan naaf fidu furmaata
Dhaamsa dabarsaa jirtii dhagahaa Oromootaa
Haandhurri keessan Finfinneen kan taate jannataa!!!
Bilisuummaan saba cunqursaa jala jiru hundaaf haa ta`u.
Barreesituun walaloo:Hawwii Caalaa


=>ayyaantuu

No comments:

Post a Comment