Thursday, April 10, 2014

Woldhabbii Gosoota Oromoo Gujii fi Booranaa Ilaalchisee Ibsa (Yaada) Liigii Dargaggoota KFO’n Kenname

Dhiyeenya kana gaafa 17/07/2006 kaasee guyyoota afuriif wol faana wolitti bu’insa gosoota Oromoo kibba Oromiyaa Gujii fi Booranaa gidduutti taasifameen lubbuun baay’een dabartee jirti. Liigiin Dargaggoota Koongireesii Federalaawaa Oromoo (KFO) gadda guddaan gorsa, ibsa fi yaada asiin gadii kana dabarsa.
Uummati Oromoo dur dur woggoota dheeraan dura gaadisa tokko jalatti woliin bulaa akka ture seenaan ni hima. Uummatni kun uummata Nuubiyaa fi Meero’ee irraa ergii adda baheen booda kibba Itoophiyaa naannoo Madda Wolaabuu, hayyooti seenaa gariin Haroo Wolaabuu jedhutti Sirna Gadaa jalatti haala cimaan of ijaaree, ofiin of bulchaa ture jira.
Jaarraa 16ffaa keessa tuttuqaa warreen Kirsitaanaa gama kaabaanii fi Islaamaa gara bahaatiin irraan ga’aniin sochii taasiseef sababa akka ta’e prof. Tasammaa Taa’aa barreefama isaanii “periodization and some turning points in Oromo history” jedhu keessatti ni ibsu. Prof. Tasammaan qubsuma uummata Oromoo bara 1800-1870 yoo kaa’aan:
1. Yejjuu, Raayyaa fi Azeeboo – Kaabaa
2. Tuulama fi Macca – Giddu Galeessaa fi Lixa
3. Arsii, Baalee fi Kaarrayyuu – Kibba Baha
4. Ituu, Humbeennaa, Anniyaa, Afran Qalloo (Harargee) – Baha
5. Booranaa fi Gujii – Kibbaa Oromiyaa akka jiratan barreeffamuma kana keessaatti kaa’anii jiru.
Sochii jaarraa 16ffaa kaasanii haga guyyaa hadhaatti gosooti Oromoo kibbaa Booranaa fi Gujiin wareera Minilikii kaasee hanga gabbaarii Haaylee Sillaaseetti, Qayyi-Shibbirii (Goolii Diimaa) dargiirraa kaasee haga bittaa ADWUItti hamtuu/ balaa dhufe hundaa woliin dura dhaabachaa turanii jiran. Woldhabdeen sababa margaa-bisaanii fi barmaatilee duubatti hafoo akka SIDOOMAA, MIRGAAF wol-ajjeesuu fi WOL-DANNABSUU (saamicha loonii) yeroo garaa garaatti wolitta haa bu’an malee obboleeyyan ta’uu isaanii wollaalanii hin beekan. Woldhabbii akkasii ta uumamtulle aaduma jirtuun dubbatanii araaramaa turaniiru.
Bifuma wolfakkaatuun balaa uumamaa bonaa fi hongee wolitti dheetanii waan qaban wolii kennanii, waan qaban woliin hiratanii darbaa turan. Jabana jabanaan bittaa worra Habashootaatiif weerartoota alaa dura dhaabbatanii aadaa fi Sirna Gadaa isaanii tursanii yeroo ammaa aadaa fi sirna Oromoon ittiin beekkamu Sirna Gadaatiin bulaa kan jiraaniif gosa Oromoota hafaniif haala oonnachiisuun barsiisaa fi dabarsaa gudda godha kan jiranii dha. Oromooti kibbaa kun Arsi haga ta’e dabalatee horsiisee (tiffaatee) bulaa kan baay’atan yoo ta’an horii isaanii dabarsanii wolii kenna, namoota bonni horii jala fixe dabaree dabarsaafi (rehabilitate gochaa), jala fi jaltoo wolii ta’anii, durba wol irraa fudhaanii wolitti heerumsiisanii soddoomanii, hamtuu/balaa galee woliin gaddaanii, gammaachuu woliin dhandhamanii wolitti irkatanii hardhaan bayan.
Haata’u malee seenaa dheeraa biyya Itoophiyaa tana keessaatti baay’innaa fi qabeenya uummata Oromoo kan sodaataniif saamuu kan barbaadan gidduu Oromootaa seenuun wolitti buusanii kaayoo isaanii milkeeffachaa akka turan weerara Minilikii taasisee kaasee hanga guyyaa hardhaati ta’eewwaan muldhatani kanumaa agarsiisu. Kanniin alatti sabuma kana irra kan dhalataniif aannaan saawwaan Oromiyaatiin kan guddatani fedhii hoggantoota siyaasa habashaa guutuuf akkasumas bu’aa yeroo argachuuf jecha saba isaaniitti gara galuun uummata kana wolitti buusaa kan turaniif ammas kan muldhatanii ni jiru.
Gosoota Oromoo obboolloowwaan lama kana giddutti yeroo amma kan muldhates kanan adda hin ta’u. gama biraatiin ammoo mootummaan ADWUI/OPDO gaaffii uummata yeroo deebisuufi gaaffii uummata woldorgommii gosaa (tribal competition) godhee ilaaluu dhiisee fala hatattamaa keennutti irra jira ture. Biyya dimookiraasiin bulaa jira jettuu keessaatti obbooleeyyan lamaan meeshaa ammayyaa hidhatanii dhiiga yoo wol dhangalaasanii fi lafee wolcabsan daawwachuun Oromummaa OPDO gaaffii keessa akka galu taasisa. Raayyaa waranaa Itoophiyaa nageya lammilee biyya bira eeguuf Sumaaliyaa fi Suudanitti yeroo bobbafamutti obboleeyyan lamaan adda-dhoowwuu dadhabee Oromooti 50 ol dhumanii 100 ol madaawan. Kun waan arguu fi dhage’uun nama waan gadiisisuu qofa adoo hin ta’iin gaaffii sammuu fi seenaa nama madeessu.
Uummati tiffatee bulaan meeshaa waranaa hidhatee jiraatu sababa nama dhunfaatiin wolitti bu’uu adoo hin ta’in akkatuma kaleessa aadaa fi sirna bulchiinsa Gadaa ittiin bulaa turaniin furamuu qaba malee gosa fi gosan wolqoodanii yeroo wal ajjeesan waan hin baratamnee qofa adoo hin ta’iin waan nama boochisuu dha. Kana irraa ka’uun liigii Dargaggoota Koongireesii Federaalawaa Oromoo dabalataan dhaamsa (yaada) asiin gadii qaamoota asiin gadiitiif dabarsuu barbaada
Tokkeessoo: Oromoota Gujii fi Booranaa tiif
Biyya kami keessaattuu, saba kamuu keessatti wolitti bu’insi hinuma
jira. Wolitta bu’iisi jiraatuu malee isin uummata kaleessa beelaa fi quufa, baalaa fi hoongee wolgargaartaanii woliin dabarsitanii; wol irraa fuutanii wolitta heerumsiittanii jirtanii, tolaa- soddaa wolii taatanii jirtanii; isin uummata Sirna Gadaatiin buluu woldhaba akkanaa isinirraa hin eegnu wolirraa dhaabadhaa isiniin jenna. Woldhabni keessan kun worra tokkummaa uummata keenna hin jaalanne gammachiisaa jiraa waan te’eefi diinni itti yaadee dhoksaadhaan harka keessaa qabaachuun naqa waan barameef meeshaa diinaa akka hin taanee adaaraa isiinin jenna.
Lammeessoo: Oromoota gadi haaftaniif
Rakkoon obboolleeyyan keenyaa raakkoo keenya hunda ta’uu hubannee hidhii xuuxaa caldhisuu mannaa hayyooti Oromoo, abbootiin gadaa gosa Oromoota dhibii, jaarrolee fi beektooti Oromoo hundinuu rakkoon obboolleeyyaan lamanii kun hammaatee itti fufuun eennullee caalaa nu oromoota kan miidhu; yoo sirraa’e nu Oromoota kan fayyaadu ta’uu hubattanii jidduu seentanii akka sirreessitan Liigiin Dargaggoota keenyaa adaraa isiniin jedha.
Sadeessoo: Mootummaa Naannoo Oromiyaa tiif
Gosti kun lamaan araaramee tokkummaa ifii akka cinsatu abbummaadhaan dhimma kana fudhattanii, akka irratti hojjattan harkaa keessanitti kennina. Murteen isin dabarsitan murtee siyaasa ykn bulchiinsa(administrative solution) bira darbee murtee Oromoota tokkoomsu ta’uun aadaa kalee ittiin bullee araara buusa turreen; sirna bulchiinsa Gadaatiin wol faana akka taasistan isin gaafanna.
WAAQI/RABBI NU NAGEESSU!
Liigii Dargaggoota KFO
Bitooteessa 24, bara 2006
Finfinnee, Oromiyaa

No comments:

Post a Comment