Thursday, May 29, 2014

Haala yeroo ammaa irratti hubannoo waldaa Hawaasa Oromoo magaalaa Wellington (New Zealand) fi waamicha Oromummaa

Waldaa Hawaasa Oromoo Wellington, New Zealand | Caamsaa 29, 2014
Nuti Oromoonni biyya New Zealand magaalaa Wellington jiraannu biyyaa fi mirga umamaa sarbamuu ummata keenyaa irraa kan ka’e dararaan motummaa abbaa irree Ethiopia ummata keenya irraan gahaa jiru hedduu nu dhukkubsa. Keessattu dhiheenya kana maqaa ‘Integrated Addis Ababa master plan’ jedhun Lafaa fi Magaaloti Godinaa addaa Oromiyaa jala jiran magaalaa ‘Addis Ababa’ ykn Finfinnee jala galchuuf motummaan abbaa irree kun karoora karoorfate mormuun hiriira nagaa barattoonni guutuu Oromiyaa keessaatti bahaniin ajjechaan, reebichi fi hidhaan barattootaa fi ummata Keenya irratti raawwatee fi raawwachaa jiru hedduu nu laaleessa. Haa ta’uti Barattoonni fi Ummaatni Keenya kabajamuu mirga abbaa biyyummaa keenyaaf jeettanii gotummaan motummaa abbaa irree dura dhaabbachuun keessan hedduu nu boonse.
Akkasumas maqaa ‘Integrated Addis Ababa master plan’ jedhamu kanaan Oromiyaa iddoo lamattti muruuf karoorri motummaa abbaa irree kanaan hujii irra oolfamuuf deemu hedduu nu yaaddeesse. Sababaan isaas jireenya biyya Oromoo Oromiyaa fi Oromummaa dhabamsiisuuf waan fuulleeffateefi. Walumaagalatti maqaa ‘Integrated Addis Ababa master plan’ jedhamu kanaan wareega qaaliidhaan adeemsa Bilisummaa fi Walabummaaf godhamaa Jiru keessatti mirgoota haga ammaa arganne haquuf kan aggaamame ta’un isaa hedduu nu yaaddeessa.
Sagantaa motummaa abbaa irree kana irratti mormii qaban hiriira nagaa bahun sagalee isaanii waan dhageessisaniif qofa ajjeechaa, reebinsaa fi hidhaa barattotaa fi ummata keenya irratti raawwatme nutis biyya jirrutti hiriira nagaa bahuun sagalee mormii dhageessifanneerra. Lubbuu Lammii keenyaa harka motummaa Abbaa irreetti dabree fi Lammii keenya motummaa kanaan dararaan irra gahaa jiru walitti qabamuun gaddaan yaadanneerra. Miidhaa Oromiyaa keessatti Lammii Keenya irra gahaa jiruu haga tokko yeroofis ta’u hadhaadhiyyuuf haga humna keenyaa maallaqa walitti qabaa jirra. Haa ta’uti biyya dhablummaa, bara braan ajjeechaa fi dararaa motummaa abbaa irree kanaan nurra gahu furmaata maayyii itti gochuuf maaltu mala isa jedhu yeroo lama walitti deebine mari’anne. Marii keenya kana booda murtiilee irra geenyee fi waamicha Lammii keenyaaf qabnu akka itti’aanutti dhiheessina;
A) Ummatni keenya Bilisummaa isaa gonfatee Oromiyaa Walaboomte keessa jiraachuuf qabsoo karaa Nagaa, qabsoo hidhannoo, fi qabsoo biyyoota alaatti godhamu waliin qindeessun gaggeessun murteessaa ta’uu hubanne. Keessattuu Oromiyaa keessatti qabsoon hidhannoo gaggeeffamu qindomina haaraan jabaatee utubamuun hedduu murteessaa ta’uu Isaa hubanne. Haluma kanaan qabsoo kallattii sadeenin karaa Nagaa, Hidhannoo fi biyyoota alaatti gaggeeffamu irraa qooda fudhachuuf murteeffanne,
B) Qabsoo kallattii sadeen olitti tuqneen gaggeessuuf dinagdeen qooda guddaa akka qabu hubanne. Haaluma kanaan buusii dhaabbataa gaaddisa Jaarmayaa Hawaasaa qabnu jalatti bufachuuf murteeffanne,
C) Nuti Oromoonni Oromiyaa ala jirru Beekkumsa, Sagalee fi Dinagdee qabnu waaltaa tokkko jalatti yoo qindeeffanne irra bu’a qabeessa ta’u isaa hubanne. Haaluma kanaan sadarkaa duraatti Oromoon biyya dhablummaa fi gidiraan Oromiyaa keessatti Lammii Keenya irra gahaa jiru kan isinitti dhagahamu hundi naannoo jirtanitti akka ijaaramtan kabjaa Oromummaatin waamicha isiniif dhiheessina. Itti aansunis Jaarmotin Hawaasaa Oromiyaa ala jiran hundi agobara tokko jalatti walitti dhufnee akka ijaaramnu waamicha Oromummaa insiniif dhiheessina. Isa kana milkeessuf carraaqqin Oromoo hundaa murteessaa ta’uyyu keessattu akkuma falmaa Oromiyaa keessatti gaggeeffamaa jiru adda durummaan abdii Keenya kan ta’an Qeerron gaggeessaa jiran Qeerron Oromiyaa ala jirtanis adda durummaan gaggeessun dirqama seenaan isin irra kaahe ta’uu hubattani dirqama kana akka baatan kabajaa Oromummaatin waamicha isiniif goona,
D) Dhaabbileen Oromoo maqaa Oromootin dhaabbattani jirttan hundi garaagarummaa isin giddu jiru dhiphisuudhaan rakkoo yeroo ammaa  Uummanni Oromoo keessa jiru fi fuldureen Oromummaa fi Oromiyaa balaa jala jiraachuu Hubattanii Oromummaa fi Oromiyaa Walaba taate ijaaruu irratti akka waliin dhaabbattan kabajaa Oromummaatiin isin gaafanna,
E) Waggaa tokko dura ABO- Shanee Gumii fi ABO – Qaama Cehumsaa adda fotoqquu isaanitiif sababaalee ta’an furmaata itti gochun walitti deebi’anii ABO tokkicha waliin ijaaruuf waliigalle jedhanii labsuun ni yaadatama. Labsiin kun qabsoo laaffate deebisee jabeessa abdii jedhuun Oromoota gammadan keessaa nutis tokko. Haa ta’uti waliigalteen kun yeroo gabaabaa keessatti xumurama jedhamee hogganoota gara lameeninu irra deddeebi’ame ibsamus haga ammaa xumura otoo hinargatiin jira. Haalli  kun dararaa ummata keenya irra gahaa jiruu fi tattaaffii diinni Oromummaa fi Oromiyaa dhabamsiisuf godhaa jiru waliin yeroo madaallu hedduu nu gaddisiisas nu yaaddessas. Kanuma irraa ka’un hogganni gara lameenuu akkuma ibsa keessan duraa keessatti waadaa sentanitti hatattamaan mooraa ABO iddoo tokkotti akka deebiftan kabajaa Oromummaatin isin gaafanna. Akkasumas hoggana bara dheeraaf qabsoo kana keessatti qooda fudhachaa turtaniif jaalalli fi kabajaan isiniif qabnu ol’aanaa ta’us qabsoo Bilisummaa fi Walabummaaf goonu qindomina haarawaan gaggeessun keessattu qabsoo hidhannoo jabeessun hedduu murteessaa akka ta’e isinis akka hubattan ni amanna. Kanaaf akkuma gaafa dargaggummaa keessanii qabsoon isin kaadhimmatte har’as qabsoon hidhannoo hoggana Dargaggummaa qabu humna haarawaan utubamuu feesisa. Isinis  kana hubattanii ba’aa hogganummaa yeroo dheeraaf ofirratti baadhattan Dargaggotti akka dabarsitan kabajaa Oromummaatin isin gaaffanna. Nuti karaa keenyaan qabsoo karaa hidhannootin godhamu daran jabeessuu irratti tattaaffii godhamuuf qooda nurraa eeggamu gumaachuuf qophii ta’uu keenya ibsaa Lammiin keenya marti milkaayina kanaaf akka waliin dhaabbannu kabajaa Oromummaatiin waamicha isiniif gonna,
F) Oromoonni bulchiinsa Oromiyaa keessatti sadarkaa adda addaattti tajaajila kennaa jirtan, miseensoonni fi hogganoonni OPDO, miseensonni Humna Polisa Oromiyaa fi miseensonni waraana  biyyaa  kanneen murannoodhaan dorsisa, hujii irraa ari’amun, hidhamuuni fi ajjeechaan gara jabiinaa Halagaa biyya keenya qabatee jirun nurra gahuu mala jettanii otoo hinsodaanne of kenniinsaan  karaa adda addaatiin Sabaa fi Biyya keessaniif dhaabbattan kabajaa Oromummaa isiniif qabna. Akkasumas warri isinitti fakkaatee yokan dantaa yerootiif jettanii diina Ummata keessanitti rorrisaa, qabeenya biyya keessanii saamaa, Oromummaa fi Oromiyaa balleessuf hojjataa Jiru wajjin dhaabbattan haa turuu haa dafuu Halagaan har’a waliin dhaabbattan qabsoo Sabni keessan tokkummaan godhuun akka buqqa’u hubattanii yeroon isin Ummata keessan wajjiin dhaabbattani mirga abbaa biyyummaa Oromoo deebisuuf falmattan amma Jenna. Asirratti makmaaksa Oromoo kan Qotiyyoolee sadeen Adii, Diimaa fi Gurraachaa isin yaadachiisuu feena. Bineensi Qotiyyoo Adii dura nyaate Diimaa ittiaansee Gurraachas hinhambisne. Humna Qotiyyoolee sanii bittinneesse dabareen nyaachuuf tokkoo isaaniitti waan firoome haa fakkaatu malee Bineensaaf sadeenuu Foonuma nyaatamu qabani. Alagaan har’a biyya Keenya harkaa qabus Oromoo hunda ija tokkoon akka ilaalu hubadhaa. Dabareedhaan nu nyachuuf yoo ta’e Male Oromoo kamiifu mararfannoo akka hinqabne hubadhaa. Kanaafuu kabajaa umamaan qabnu gonfanne biyya keenya irratti nagaa fi qananiin jiraachuuf nutis akka Oromootti waliin dhaabbannee akka falmannu kabjaa Oromummaatin waamicha keenya isiniif dhiheessina.
Tokkummaan qabsoofnee mirga sarbamne ni deeffanna !!!
Waldaa Hawaasa Oromoo
Wellington, New Zealand
ambo1880@gmail.com


No comments:

Post a Comment