Thursday, May 29, 2014

Wallagga, Anfilloo Gada Yettii Keessatti Gaaffiin Mirgaa(FDG) Ka’e Daran Hammaatee Waraanaa fi Qondaalota Wayyaanee Sodaa Keessa Buuse.

DiddaaGuyyaa har’aa Caamsaan 28/Ginbot 20 akka mootummaa Wayyaaneetti guyyaa kabajaa isaanii kan ture godina Qellem Aanaa Anfilloo irratti guyyaan kun dagatamee Wayyaanotii fi ergamtooti isaanii gara diddaa dhaamsutti bobbahaa oolan. Guyyoota muraasa dura aanaa Anfilloo ganda Yattii irratti ergamtooti Wayyaanee fi kanneen sirna EPRDF jalatti amanamaa ta’anii tajaajilan tuffii fi uummata Oromoo arrabsuu irraan kan ka’e uummanni ganda kanaa gara tarkaanfiitti seenee akka jiru gabaasuun keenya ni yaadatama.
Walitti bu’iinsi Oromoo fi ergamtoota Wayyaanee jidduu jiru daran  cimaa dhufuu irraan humni waraana Wayyaanees dachaadhaan halkanii guyyaa gara ganda kanaatti bobbahaa jira. Kaleessa jechuun Caamsaa 27,2014 Aangawoonni mootummaan Wayyaanee ayyaana Gibot ykn Caamsaa 20 fi sababaa uumata tasgabbeessuu jedhuun humnaan uumata walgahiitti yaasuu yaalan, Ummanni Oromoo hamma xiqqaa ta’e walgahii kana irratti argaman iyyuu dabballootaa fi aangawoota Wayyaanee akka biyyaa gadhiisanii fi biyyi Oromoo kan Oromoo ta’uu qabdi kanaafi barattootii fi uumanni Oromoo gaaffii mirgaa kan kaaseefii jechuun qaanyessuun walgahichi akka fashalu taasisan.
Haala kanaan uumata diddaa dhageessise battalumatti nama 16 hidhuun mana hidhaa magaalaa Anfilloo Muggii keessatti reebichaa fi dararaa ulfaataa akka irraan gahaa jiran beekamee jira.Kanneen keessaa:-
1.Kaasayee Tasfaayee-Qote Bulaa gandichaa
2.Taaddalaa Qana’aa -Qote Bulaa gandichaa
3.Gabayyoo-Qote Bulaa gandichaa
4.Wandimuu Asaffaa -Qote Bulaa gandichaa
5.Qannaa Tafsaayee-Barataa
6.Ebbaa Abboomaa-Qote Bulaa gandichaa
7.Shuggux-Barataa
8.Obbo Goobanaa-Qote Bulaa gandichaa
Kanneen jedhamaniidha.Isaan kun namoota maqaan isaanii nu
dhaqqabeedha.Namootni kun waraqaa ABO ganda keessatti kan
maxxansu,uummata mootummaa irratti kanneen kakaasu sababaa jedhamuun dararaa haalaan ulfaataa ta’etu irraan gahamaa jira.
Gama biraan humni addaa uummata kana boodaan jira kan jedhuufis mootummaan Wayyaanee raafamaa jiru tikoonni isaa boqonnaa dhabanii halkanii guyyaa uummata nagaa keessa meeshaa lolaa guuranii yaa’u, waraanni konkolaataa hedduun guyyoota
lamaa asitti dhufee gandoota Anfilloo keessa qubataa jira,sochiin uummataa gandoota aanaa kanaa keessaa addatti kan ganda Yattii,Ashii fi Garjeeda irra jiru mufannaa guddaa mootummaan Wayyaanee irratti uumee jira.
Gama biraan Caamsaa 28,2014 barihuun Magaazina kuufama meeshaa waraanaa Wayyaanee kan ta’e weeraramee humna hin beekamneen qabeenyi waraana Wayyaanee fudhatame. Haala kanaan loltooti Wayyaanee Taammiruu fi Taaddalaa jedhaman kan Magaazina eegan tohannoo jala galuun dararaan guddaa irraan gahamaa akka jiru gabaasi naannicha irraa nu gahe addeessa.




No comments:

Post a Comment